‘Waraana miilanaarratti hirmaachuu dhabuukootti gaddeera’

Waraanni Kaaba Itoophiyaa Sadaasa bara 2020 yeroo eegalu hojii dhuunfaa isaaniirraa gara Raayyaa Ittisa Biyyaatti dabalamanii waraanicha kan hoogganaa turan Janaraal Baacaa Dabalee ''waraanaa miilanaarratti hirmaachuu dhabukootti gaddeera’ jechuun BBC'tti himan.

Ji'oota dura waraanichi akka tasgabbaa'uu yeroo jedhe Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangoo haaraa fi kabaja yeroo kennan Janaraal Baacaan Keeniyaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa ta'uun ramadaman.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa deebi'ee eegaluun walqabatee BBC'n Ambaasaaddar Baacaa waajjira isaaniitti argatee dubbiseera.

BBC: TPLF dhiheenya xalayaa qaamolee garaa garaatiin barreeffameen icciitiin bakka bu’oota mootummaa waliin mari’adheera jedhee ture. Kun dhugaadhaa? Yoo ta’e marichi eessa gahe? Eenyu fa’itu wal arge?

Ambaasaaddar Baacaa: Jecha icciitiin wal arganiiru jedhu hin beeku. TPLF kan dubbatu hundi herregaan. Tokkoo fi tokkoo lama jedha. Yoo barbaade ammoo kuma tokko jechuu danda’a. Kanaafuu TPLF faayidaa siyaasaatiif jecha kan barbaade jedha. Haala icciitiin wal agarree hin beeku. Lammaffaa bakkas hin beeku.

Kan icciitiin wal arganiifis hin jiraatu. Sababiinsaa ammoo mariin ifatti ni barbaachisa jedhame koreen ijaaramee osoo jiruu, kan dhoksaatti gaggeeffamuuf waan jiru natti hin fakkaatu.

BBC: Waraanaa dhiheenyaa kana mootummaan Itoophiyaa TPLFtu eegale jedhee himata. Ragaa maal qaba?

Ambaasaaddar Baacaa: TPLF Qobboo qabadheera jedhee yoo labsu, mootummaan Itoophiyaa waraanicha akka hin eegalle beekuun ni danda’ama. Humni waraanni narratti banameera jedhu attamiin battalumatti raayyaa Itoophiyaa, Waajjaa fuldurasaa godhatee ittisaa kan ture, kan garreen Zoobeel irratti bu’uurreeffachuun gara mirgaatiin Qobboo ittisaa ture, yeroo tokkotti jigsuun dandeettii ittiin Qobboo qabachuu danda’u kan qabaata?

Mootummaan Itoophiyaa dursee haleellaa jalqabe osoo ta’ee TPLF Qobboo hin qabatu ture. Sababni isaa nama tokko, lama ykn sadi miti kan ergitu. Akka saayinsii waraanatti diina tokko gaafa haleeltu humna caalmaa qabaachuu qabda. Waraanuu barbaanne osoo ta’ee naannoo sanatti humna caalmaa qabannee galla ture.

Naannoo sanatti TPLF aarmii saddeetidha. Aarmin tokko kutaa waraanaa sadi qaba. Kana jechuun kuta waraanaa 18 gara sana fide. Kanaaf nurratti humna caalmaa qaba jechuudha.

BBC: Kuni adda waraanaa Qobboo qofatti jechuudhaa?

Ambsaaddar Baacaa: Eeyyee, adda waraanaa Qobboo qofatti. Haleella tokko gaafa gaggeessitu humna caalmaa hin qabdu yoo ta’e, waan barbaaddu argachuu hin dandeessu. Osoo nuti haleellaa bana ta’ee akkaa TPLF deebi’ee haleeluu hin dandeenyetti tarkaanfii fudhanna turre. Qobboo qabachuuf waanti isa dandeessisu hin turre. Inumaayyuu magaalota akka Mahonii fa’aa to’achuu dandeenya turre.

Jalqaba gaafa Dabrasiinadhaa haleellee isaan deebifnu humna caalmaa qabna waan tureef Maqalee galuu dandeenya ture. Haa ta’u garuu nagaa wayya jennee waraanichi Allamaaxaa irratti dhaabbatee mootummaan walii galtee waraana dhaabuu gam-tokkee godhe.

Kanaaf nuti halellaa hin banne. Ofii keenyaa waraana banne osoo ta’ee akkuma gaafa Dabrasiinadhaa isaan deebifnee goona turre. Kanaaf TPLF tu waraana kana bane.

BBC: Waraana ammaa kanaan mootummaan Itoophiyaa fulla’ee Tigraay galuuf karoora qabaa? Waraanni mootummaa Maqalee yoo to’ate dhumni isaa maal ta’a?

Ambsaaddar Baacaa: Waraana ofirraa qolachuun amma jalqabe Maqalee to’achuu ykn bakka ta’e wayii to’achuu osoo hin taane TPLF balleessuu irratti. TPLF yoo jabaatee yoo dhufe Itoophiyaa balleesa, nuti yoo jabaanne ammoo nagaa finna. Ani kanan eega. Tokko inuma mo’ata. Sababni isaa nuti waraana hin eegalle, osoo karoora isaa qabaannee sirrii itti qophoofnee eessa gahuu fi maal gochuu akka qabnu ni murteessina ture.

Mootummaan Itoophiyaa waraanicha jalabeera osoo ta’ee maalif karaa Qobboo jalqaba? Garreen Qobboo fi Giraa Kaasuu dhiibudhaafii? Haalli teessuma lafaa achiin lola jalqabuuf hin eeyyamu. Sababni isaa bakkeewwan olka’oon fuulduraan jiru. Kuni ammoo loltoota Itoophiyaa irratti dhiibbaa guddaa waan fiduuf karaa sanaan lola banuu hin filannu. Kallattiiwwan mijatoo ta’an biroo jiru waan ta’eef.

Kanaaf, murtoon mootummaa Itoophiyaa hanga TPLF meeshaa lafa kaa’utti tarkaanfii hundumaa ni fudhata.

BBC: Maqalee to’achuus jechuudhaa?

Ambsaaddar Baacaa: Maqaleen homaayyuu miti. Maqaleen Tambeen, Shiree ykn Aksuum irraa adda miti.

BBC: Maqalee to’achuu gaafan jedhu TPLF buusanii mootummaa haaraa hundeessuu jechuu kooti.

Ambsaaddar Baacaa: Mootummaan karoora sana hin qabu. Naannichi naannoo waraana waan ta‘ef TPLF aangoo qabatee irraa bu‘u hin qabu. Inni guddaan waraanni mootummaa lola itti baname kana qolatee TPLF dirqisiisee mariif dhiyeessuudha, hin ta‘u taanan guutummaatti barbadeessudha.

BBC: Torbee darbe ambasaaddara Ertiraa wajjin marii gochuu keessan miidiyaa hawaasaa irratti mul‘atee ture. Guyyoota darban ammoo humnoonni Tigraay waraanni Itoophiyaa fi Ertiraa waliin ta‘uun lola narratti banan jedhee himate. Mootummaan Itoophiyaa lola ammas Ertiraa hirmaachisaa jiraa?

Ambsaaddar Baacaa: Ani waa’ee lola Ertiraa hirmaachisee waanan beeku hin qabu. Uummanni fi mootummaan Ertiraa mirga of-ittisuu qabu. Ani ambasaaddaricha waliin wal arguu waa’ee mootummaan Itoophiyaa fi Ertiraa wal ta’anii lola banan jedhuu miti.

Ambasaaddarri Ertiraa biyya kana waggaa heddu turaniiru. Isaan diinii ambsaaddaroota Afrikaati. Kanaaf sagantaa wal baruu dursee gochuu kanan qabu isaan waliini.

Ani isaan wajjin wal arguun koo lola TPLF baneef Ertiraan Itoophiyaa waliin akka hiriirtu kadhachuufii miti. Waamicha gochuuf itti dhiyeenyan hin jiru. Mootummoota lamaantu waliti dhiyoodha waan ta’eef isaantu waliin haasa’a. Kanaaf, kuni waan akka tasaa walirra bu’e waan ta’eef osoo garasitti hiikamuu baatee.

BBC: Tattaaffin nagaa kan gufateef mootummaan tajaajilawwan bu’uuraa gadi lakkisuu diduu isaatini jechuun komatu humnoonni Tigraay. Mootummaan Itoophiyaa tajaajila bu’uuraa jalqabsiisuu akka ulaagaa mariitti itti fayyadameeraa?

Ambsaaddar Baacaa: Tigraayif bishaan, ibsaa fi wantota hunda galchuun dirqama mootummaati. Waan isaan gaafataniif ta’uu kan qabuu fi gaafachuu dhiisaniif dhorkamuu waan qabu miti. Isaan Tigraay naannoo waraanaa gochuun naannicha meeshaa waraanan naannessanii eegun qaama mootummaa wajjin hidhata godhatu kamuu tarkaanfii irratti fudhanna jechuun labsaniiru.

Bifa kanaan waraana bantee tajaajila baankii isa kam bantaaf? Hojjara telekoomii garasitti ergitaafii? Hojjataa ibsaa fi bishaanii erguufidhaafii?

Yeroo bulchiinsi yeroo Tigraay hundaa’ee turetti hojjattoota tajaajila kana kennuu deeman ajjeesera bar. Bakka hunda warra deeman fixeera. Qoricha yeroo erginu ofii isaanii itti fayyadaman. Kanaaf, lafa waraanni deemaa jirutti bifa kamiin tajaajila isaan gaafatan kana guuttaf?

BBC: Mariin akka gufatuu fi waraanni deebi’ee akka eegaluuf maaltu sababa ta’eree?

Ambsaaddar Baacaa: TPLF waraana malee jiraachuu hin danda’u. TPLF waan lama ittii dhaadatu qaba: sobaa fi meeshadha. Kaardin isaan itiin taphatan kana lamaani. Kann biraa ammoo yeroo mariitti seenu haal-dureewwan danqaa ta’an kaa’a. Sababni isaa gara mariitti yoo seene meeshaa lafa kaa’a waan ta’eef.

TPLF meeshaa lafa kaa’e taanan hirribni isa hin fudhatu. Kanaaf abbaan rakkoo kanaa TPLF. Rakkoo Itoophiyaa qofa osoo hin taane rakkoo gaanfa Afrikaati.

BBC: Waraanni erga deebi’ee ka’ee booda qaamoleen mariisisan waraanni akka dhaabatuuf yaalii gochaa jiruu?

Ambsaaddar Baacaa Dabalee: Ifatti kan beeknu biiron dhimma alaa Ameerikaa qaamoleen hunduu waraana dhaabanii mariitti galuu qabu kan jedhuudha. Haa ta’u garuu hanga barbaadamu balaaleffannaa of keessaa hin qabu.

Haleellan narratti banameera jettee naannoo Amaaraa galuun helleellan sirratti banamuu osoo hin taane mallattoo haleellaa banuuti. Osoo midhaan deeggarsa namoomaf ergame fi boba’aa hatuu, kuni ammoo waraanaf qophaa’aa jiraachuu isaa osoo beekamuu hawaasa idil-addunyaa irra “gareen hundinuu” kan jedhuun alatti ani homaa hin argine. Hunduu callisuu filate.

Hawaasni idil-addunyaa nagaa gaanfa Afrikaa ykn Baha Afrikaa barbaada yoo ta’e TPLF meeshaa akka hiikkatu gochuu qaba. Dhiibbaa kana gochuu qabu. Haa ta’u garuu ammatti ifatti waanan arge hin qabu.

BBC: Waraanni Kaaba Itoophiyaa yeroo eegalu isin waraanicha irratti hirmaachun waraana gaggeessaa turtan. Amma immoo yeroo waraanni deebi’ee eegalutti isin ambasaaddara ta’uun Keeniyaa dhuftanii jirtu. Kuni miira maal isinitti uume?

Ambsaaddar Baacaa Dabalee: Waraana ammaa kanaan achitti argamuu dhabuu kootin baay’ee gaddeera. Garuu ammoo kunis ergama guddaadha waan ta’eef kanuman itti fufa.

Jalqaba waamichi godhameeti gara waraanatti hiriyaa koo wajjin kan deebine. Yeroon deebi’u akka waan Waaqayyo waan addaa tokko naa godheettan gammade. Sababni isaa jara kana wajjin waggaa dheeraa jiraadhera. Waan isaan hojjatan sirriittan beeka. Isaan biyya balleesuf yoo hojjatan ani ammoo kana ittisuuf hiriirun koo gammachuun guddaan akka natti dhagahamu godheera. Yeroo sana dirqama koo baheera jedheen yaada.

BBC: Ambasaaddara taatanii muudamuun keessan yeroo dhagahamu kuni muudama osoo hin taane gadi xiqqeessudha kan jedhan turan. Miirri kun isinitti dhagahameeraa?

Ambsaaddar Baacaa Dabalee: Itoophiyaa tajaajiluun gadi xiqqachuu miti. Mee duubatti si deebiseen waa tokko si yaadachiisa. Yeroo jijjiiramni dhufu sana, gaaffi fi deebii naaf godhame keessatti, “Deebi’ii biyya kee tajaajili yoo siin jedhan maal jetta?” kan jedhu gaafatameera.

Deebin koos, “Sadarkaan irra jiruun osoo hin taane loltuu idilee ta’eetuu Itoophiyaa nan tajaajila” kan jedhu ture.

Ammas taanan Itoophiyaan ciniinsuu keessa jirti. Asi, achin hojjadha jennee yeroo haala mijataa itti filannu keessa hin jirru. Ammas taanan, ambasaaddara dhiisii eegduu balbalaa ta’eetuu Itoophiyaa nan tajaajila.

Osoon ani jiruu dargaggootatu dhumaa jira. Biyyi keenya haala kana keessa osoo jirtuu ani bakka kana hin hojjadhu nan madaalu yeroon itti jedhuu miti. Isa ijollee keenyaf dhiifna.

Ijoollen keenya bakka filatanii kan isaanif hin taane akka dhiisan haala mijataa uumnaf. Kana gochuuf ammoo asis, achis deemnee bakka qawwaa cufuu dandeenyu hunda seennee haala mijataa yoo uumne qofaadha.