Waraana Tigraay: 'Raayyaan ittisaa ajajamnaan Maqalee deebisee to'achuu danda'a'

Waraana Tigiraayiin loltoonni fi lammiilee nagaan lakkoofsi isaanii guddaa tahe ajjeefamuu Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen himan.

Humnooti TPLF magaalaa guddittii Tigraay Maqalee erga to'ataniin booda ibsa jalqabaa mootummaan federaalaa dhimmicharratti kenneen kana jedhan.

Murteen loltoota magaalaa Maqalee keessaa baasuu murtoo siyaasaati malee dhimma waraanaa miti jedhan ambaasaaddar Reeduwaan.

TPLF ammoo magaalaa Maqalee fi bakkeewwan biroon naannicha keessaa waraanaan injifachuun qabachuu himaa jira.

"Waraanni keenya yoo ajajame, Maqalee torban keessatti deebisee qabachuu danda'a, akkuma ji'a Sadaasaa keessa yeroo diinni akkaan qindaa'aa fi hidhannoo guutuu qabu sana godhe,'' jedhan.

Waraana Tigiraayiin lubbuun loltootaa fi namoota nagaa hedduun darbuutti dabalataan ji'oota saddet darbanitti baasii waraanaa osoo hin dabalatiin mootummaan Federaalaa naannoo Tigiraayitti Birrii biliyoona 100 ol baasii gochuu himan.

Naannoo Tigiraayitti, mootummaan miidhaa lubbuu namaa fi qabeenyaa irra gahe yoo ibsu kun kan jalqabaati.

Ambaasadar Reedwaan gama mootummaa federaalaanis tahe gama TPLF lakkoofsa lubbuu namaa darbe adda baasanii hin himne.

Lolichi diinagdee biyyaa irratti dhiibbaa guddaa kan fide yoo tahu naannoo ''namootni baay'een'' garee hundaa irraa akkasumas lammiilee nagaan baay'een ajjeefamaniiru jedhan.

Ministirichi yaada mootummaan waraannichi ji'a Sadaasaa keessa xumurame jedhu irra deebi'uun dubbatanii, booda lolichi gara riphee lolaatti jijjiiramuun TPLF uummata keessa dhokachuun lolaa turuu himan.

Amma waraanni sun baheera. Dhiibbaan idil-adunyaa lolichi akka dhaabbatuu fi deeggarsi akka hin danqamne jedhu gateettii Finfinnee irra hin jiru jedhan, Reedwaan.

Itti dabaluun ibsi tibbana hoggantootni ol-aanoon TPLF kennan yaada waraana afeeruu qabaachuus kaasuun.

Akkaataa murtoo gar-tokkeen mootummaan dhukaasa dhaabuuf labseen yeroo roobaa ji'a Waxabajjii eegale kana keessa lolli hin jiru jedhan.

Mootummaa haraan filannoo bakka bu'oota uummataa yeroo darbe gaggeeffameen hundaa'u ammoo tarkaanfii kantti aanee fudhatamu murteessa jedhan ministirichi.

Jeneraal Baacaa Dabalees ibsa ambaasaaddar Reeduwaan waliin kennaniin, amma TPLF Itoophiyaaf yaaddoo guddaa miti. Loltoota baay'ee maqalee keessaa fi naannoo ishee kaa'uun gaarii miti jedhan.

Ambaasaadaroota Ameerikaa duraanii shan, UK fi Gamtaan Afriikaa labsii dhukaasa dhaabu motummaan federaalaa labse qaamoolee waraanicha keessatti hirmaataniin akka kabajamuuf waamicha yoo dhiyeessan, Chaayinaafi UAE ammoo murtichi tarkaanfii barbaachisaadha jechun dinqisiifatan.

Dubbii himaan TPLF erga humni isaanii Maqalee to'ateen booda waamichi dhukaasa dhaabuu jedhu, ''baacoodha'' jechuun Rooyitarsitti hime.

Geetaachoon gaaffiif deebii Rooyitasi waliin taasise irratti ''gara Amaaraatti deemuun zyoo nurra jiraate, ni deemna, gara Eertiraatti duuluu yoo barbaachise, kanas ni goona,'' jedhe.