Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Humnooti TPLF lafa to'annoo isaanii jala jiru babal'ifachaa jiru
Humnoonni TPLF Wiixata galgala magaalaa guddoo naannoo Tigraay Maqalee erga to'atanii booda lafa to'annoo isaanii jala jiru babal'ifachaa jiru.
Humnooti kun magaalaa Shiree kan gara Kaaba-Lixaatti Maqalee irraa kiiloomeetira 140 fagaattu, kan to'annoo loltoota Eertiraa jala turte of harkatti deebifatanii jiru akka qondaalonni UN jedhanitti.
Loltoonni Eertiraa achi turan dursanii magaalattii gadi dhiisanii bahan.
Humnootiin Tigraay hanga 'lafti Tigraay taakkuun tokkollee osoo hin hafiin bilisoomutti' waraana akka itti fufan dhaadataa jiru.
Dubbi himaa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Obbo Getaachoo Raddaa, "humnoota diinaa warra qabeenya mootummaa fi dhuunfaa mancaasan, akkasumas baankiiwwan saaman, buufata xiyyaaraatii jalqabnee hanga daangaa Affaarii fi Tigraay gidduu jiruutti hordofuun oppireeshiniin gaggeessinu milkaa'inaan itti fufeera," jedhe.
"Waan barbaachisu mara ni goona"
"Keessumaa ammoo humni harcaatuun humnoota keenyatti dhukaasuuf yaalan waan jiraniif daandiirratti isaan fixna. Akkuman siin jedhe garuu, hanga lafti taakkuun tokkollee osoo hin hafiin Tigraay diinarraa bilisa taatutti itti fufnee lolla," jechuun kaleessa haala ture Reuters'tti hime Obbo Getaachoon.
Mootummaan Itoophiyaa garuu sababiiwwan qote-bulaan waqtii gannaa tasgabbaa'ee akka qotatu, akkasumas hojiin gargaarsa dhiyeeessuu yaaddoo waraanaarraa bilisa ta'een akka gaggeeffamu jedhu dhiyeessuun adduma isaatiin Waxabajji 21, 2021 irraa kaasee dhukaasa akka dhaabe beeksiseera.
Obbo Getaachoo Raddaa ammoo, "Kaayyoon keenya humna diinaa nu waraanu dadhabsiisuudha. Hanga Tigraay humnoota diinaarraa bilisa taatutti duula keenya hin dhaabnu. Waan barbaachisu mara ni goona," jechuun sochiin taasisan akka hin itti fufan dubate.
"Jalqabarraa kaasnee akkuma ifa gochaa turretti, xiyyeeffannoon keenya hangafti diinonni gama Ertiraarraanis yaa ta'u Amaararraa ykn ammoo Finfinneerraas yaa ta'u, kanaan booa nagaa fi tasgabbii ummata keenyaaf yaaddoo ta'uu kan hin dandeenye ta'uu mirkaneeffachuudha."
"Kana gochuudhaaf ammoo Amaara dhaquu kan gaafatu taanaan ni deemna; Ertiraa dhaquu kan gaafatu taanaanis ni dhaqna," jechuun dubbate Obbo Getaachoon.
Mootummaan giddu-galeessaa garuu dhukaasa dhaabuun kun, "hanga waqtiin qonnaa xumuramutti ta'ee haal-duree tokko malee dhimma namoomaarratti kan hundaa'e" yoo ta'u, qaamni carraa kana kaayyoo hamaaf itti gargaaramu nu mudata taanaan garuu tarkaanfiin seera kabachiisuu akkaataa barbaachisuun kan fudhatamu ta'a," jedheera.
Akkaataa gargaarsi namoota deeggarsi barbaachisuuf gahuu qaburrattis ummata keenyaaf jecha dhaabbileen gargaarsaa danqaa tokko male bilisaan Tigraay keessa socho'anii akka hojjetaniif wabii nageenyaa barbaachisaa ta'e ni mirkaneessina jedhe Obbo Getaachoon.
"Amma humnoota mootummaa federaalaa, .., warra ummanni Tigraay gargaarsa argachuu hin qabu jechuun hojjetoota idil-addunyaa gargaarsa dhiyeessan ajjeesuuf garaa hin laafne waliin rakkachuu hin qaban. Nuti dhaabbileen gargaarsa idil-addunyaa bilisaan Tigraay keessa akka socho'aniif deeggarsa barbaachisu ni dhiyeessinaaf."
Mootummaan Tigraay filatame gara magaalaa guddittii Maqaleetti deebiyeera kan jedhu ammoo gorsaa dhaaba duraan Tigraay bulchaa ture TPLF Fissahaa Tasammaati. Akka inni jedhutti mootummaan kun akka heera biyyoleessaafi naannootti kan filatame ta'uu isaati.
Akka Obbo Fissahaan jedhanitti, jijjiirama amma naannicha keessa jiruun uummanni naannichaa garri caalu mootummaa Tigraay jala waan jiruuf dhaabbileen gargaarsaa namoota gargaarsi barbaachisuuf dhiyeessuu danda'u.
Kanaafuu hawaasni idil-ddunyaa mootummaan Finfinnee jiru qarqaarsa akka hin dhiyeessine nu danqeera jechuun sababa dhiyeessuu hin danda'an jedhan.
Haalli qabatamaa lafarra jiru qarqaarsa geessuuf kan haalaan mijate ta'uu kan ibsu Obbo Fissahaan, "ummanni kun dararaa hedduuf saaxilameera. Amma garuu rakkoon kun uummatarraa waan ka'eef, hawaasni addunyaa uummata keenyaaf nyaata dhiyeessuuf nu qarqaaruu qaba," jedha.
Wanti uummatni Tigraay yeroo duraaf gaafate, nagaan akka jiraatuufi waraana haganaa fiduun maaliif barbaachise kan jedhu ture.
Wanti inni jalqabaa tahuun irra jiraatu lammileen naannichaa wanta ji'oota saddeetiif adeemaa turerraa aara galfachuu ta'uu himuun, tajaajilli ibsaafi bilbilaa Maqaleerraan kan hafe Tigraay bakka biraa hin jiru waan ta'eef kunillee waan xiyyeeffannaan kennamuuf malu ta'uu kaase.
"Wanti jalqaba dhufuu qabu ummanni gara jiruu idileetti deebi'uutu irra jiraata. Namoonni gargar badanii turan walbarbaadaa jiru. Yeroon kun yeroo gadda keenya itti ibsannudha, takka turree waan tahummoo ni ilaalla," jechuun haala guuyyoota lamaan kana keessa naannichatti mul'atan ibsa.