Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ertiraatti hordoftoonni amantii Kaatolikii kadhannaarra turan jumlaan hidhaman
Humnoonni nageenyaa Ertiraa Dilbata kaleessaa (Fulbaana 4, 2022) ganama keessa bataskaana Akruur Madaanaalam jedhamu, kan Kibba magaalaa Asmaaraatti kiilomeetira 80 fagaattee argamtu keessa seenuun, dargaggoota kadhannaarra turan ukkaamsanii jumlaan hidhuu maddeen BBCtti himan.
Waraanni mootummaa Ertiraa daaqonii fi faarfattoota bataskaanattii keessatti argan hunda ukkaamsanii fuudhanii deemuutu ibsame.
Humnoonni waraanaa Ertiraa Kibba biyyattii keessa naanna'uun ''maqaa humna waraanaa gananiiru jedhuun yookiin ammoo daragaggoonni umriinsaanii adda waraanaa deemuuf ga'eera jechuun,'' namoota adamsuun ukkaamsanii fudhachuu kan eegalan ji'a tokko dura ture.
Humnoonni waraanaa Ertiraa dargaggoota raayyaa waraanaa biyyattii ganan jedhaman akka adamsanii qabaniif bobbaafaman, abbootii ijoolleensaanii hin argamin jiran manasaaniitii akka gadhiisanii ba'an, mana namootaa furtuu harkaa qabaniin cufuun namoota dhiphisaa turan jedhu maddeen.
Ertiraan wayita waraana waliinii Itoophiyaa keessatti qooda fudhatteetti jedhamtu kanatti, yeroo dhihoo as kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti haala kanaan dura mul'atee hin beekneen dargaggoonni ukkaamfanii hidhamaa akka jiranii fi maatiinis dararamaa akka jiran maddeen BBC'n dubbise ibsaniiru.
Dhalataan naannawa kanaa maqaansaa Fitsum jedhamu waraanni mootummaa, maatiin dargaggoota humna waraanaa ganan jedhamanii manaa akka hin baane, horiin isaanii gara dheedumsaatti akka hin baane gochuun ''mooraa keessatti beelaan akka dhuman,'' gochaa jiru jedhe.
Namni beelaan dararamuun humnaa ol kan isaanitti ta'e dargaggootni fi miseensonni tajaajila biyyaalessaa fedhiisaanitiin mootummaatti harka kennataa jiraachuus maddeen ibsaniiru.
Kanneen yeroo ammaa humnoota waraanaa Ertiraan barbaadamaa jiran hedduun isaanii namoota waggoota 10 oliif raayyaa ittisa biyyaa keessa tajaajilanii, booda rakkoosaaniif furmaata waan dhabaniif maatiisaanii gargaaruuf kanneen miseensummaa humna waraanaa keessaa ba'aniidha.
''Dargaggoonni hanga yoomiitti tajaajila waraanaa bu'aa hin qabnee fi dirqamaan namarratti fe'amu keessatti kan adabaman? kan hidhaman?'' jechuun gaafata Fitsum.
Dabalataan kanneen waggootaaf tajaajilanii of ijaaruu fi jireenyasaanii bulchuu dadhaban, carraa kan dhaban, ijoollee fi maatiisaanii gargaaruuf jecha kanneen tajaajila waraanaa daangaa hin qabnee fi dirqama ta'e keessaa ba'uun gara biyyoota ollaa iddoo lammiileen Eertiraa jiranitti baqatan waraana keessatti hirmaachuuf fedhii akka hin qabne ibsan.
Waraana kaaba Itoophiyaatti deebi'ee ka'ee gaggeeffamaa jiru keessatti loltoonni Eertiraa hirmaataa jiru jedhamuun himatamu, garuu hanga yoonaa mootummaan Ertiraa dhimma kanarratti homaa hin jenne.
Akka Amnastii Intarnaashinaal fi Hiyuuman Raayitis Waach jedhanitti dirqamni waraanaa daangaa hin qabne kan mootummaan Eertiraa humnaan lammiileerratti fe'u, dargaggoota hidhaa fi baqaaf saaxileera jechuun deddeebi'anii komatu.
Mootummaan Ertiraa gamasaan qeeqi biyyoota lixaa fi jaarmiyaalee mirga namoomaan irratti dhiyaatu dhara jechuun deebisa, biyyattii maqaa balleesuuf akka ta'etti wayita dubbatu dhagahama.