Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘TPLF yoo diigame waliigalteen Piritooriyaas hin jiru’-Dr Dabretisyoon Gabramikaa’el
Dura taa'aan Adda Bilisaa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Dabratsiyoon G/Mikaa'el "Yoo TPLF diigame waliigalteen Piriitooriyaas hin jiru" jedhan.
Dr Dabratsiyoon haasaa baniinsa yaa’ii paartichaa 14ffaa paarticha keessatti qoqqoodinsa uumerratti kana dubbatan.
Dura Taa'aan dhaabichaa kun ALI Kibxata Hagayya 7, 2016 seera qabeessummaa paartichaa dhorkuun ‘’diiguu’’ kan jedha Dr Dabratsiyoon, Dhaabicha diiguun "uummata Tigraay diinatti dabarsinee kennuudha" jedhan.
Wal-waraansi mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti waggoota lamaaf ture, waliigaltee Piritooriyaatti mallatteeffame goolbamee ture.
Dr Dabratsiyoon paarticha diiguun waligalticha diiguudha haa jedhan malee, Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Dr Laggasaan Tulluu, TPLF yaa’ichaa ta’uun ‘’Waliigaltee Piritoriyaa diigee’’ jedhanii himatan.
Dr Laggasaan akka jedhanitti, TPLF ji'oota muraasa darban keessa Waliigaltee Piriitooriyaa darbaa ture jechuun "Nageenya ummanni Tigraay hanga tokko argate akka nurraa mulqameetti ilaalama" jedhan.
Yeroo tokko, lama, dogoggoruun jira. Garuu dogongora yeroo sadii haala wal fakkaatuun hojjechuun daandii gara badiitti geessu jedhan.
Kanaaf kan itti gaafatamu TPLF qofa ta'a" jechuun yaadasaanii toora miidiyaa hawaasaa isaa irratti ibsan.
Waggoota 50 oliif siyaasa Itoophiyaa keessatti shoora olaanaa taphataa kan ture TPLF gidduutti wal dhabdeen mudate naannoo Tigiraayitti muddama jabaa uumaa jira.
Adeemsi kora waliigalaa paartichaa taa'uu fi irra-deebiin Boordii Filannoo Biyyaalessatti galmaa'uu wajjin wal qabatee hoggantoota paartichaa olaanoo gidduutti wal dhabdee guddaan mudateera.
Kana irraa kan ka'e Bulchaa Yeroofii naannichaa, Itti Aanaa Dura Taa'aa TPLF tahan Obbo Getaachoo Raddaa fi Dura Taa'aa TPLF, Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el gidduutti wal qoodinsi uumameera.
Gareen Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'elii fi Fatilewarqi G/Igzaabiheriin gaggeeffamu ammoo waraana Kaaba Itoophiyaa gaggeefame hordofee beekamtiin paartichaa haqamee akka deebi'uu fi Kibxatarraa jalqabee ammoo korri paartichaa 14ffaa taa'amaa jira.
Gama biraan gareen bulchaan yeroo naannichaa Obbo Getaachoo Raddaa fi Pirofesar Kindiyaa jiran ammoo yeroo ammaa Korri paartichaa akka gaggeeffamu hin barbaadan.
Beekamtiin seeraa paartichaa akka deebi'uuf sanadoota Boordii Filannoo Itoophiyaaf akka galaniif gaafatamanii fi sanadoota dhiyaatan irratti gaaffii seeraa akka qaban kaasu.
''Diinni nu gidduutti wal hore jira''
Dursaan paartii TPLF sirna baninsa Kora paartichaarratti ‘’kora waggoota 49 keessatti yeroo 13 gaggeesinee fi wal gahii ariifachiisaa tokko taasisnerraa kan ammaa kun waan adda isa godhu qaba’’ jedhan.
Korri kun waggaa jaha booda kan waamame tahuu eeruun yeroo waraanni Tigiraay keessa ture uummanni Tigiraay rakkoo hedduuf saaxile keessatti gaggeeffamuu fi ‘’wal dhabdeen keessoo paartichaatti mudate akka malee hammaate keessa gaggeeffamuun isaa adda isa taasisa’’ jedhan.
Rakkoo guddaan seenaa paartichaa waggaa 50 keessatti mudatee hin beekne hoggansa koree gidduugaleessaa wagga jahan darban paarticha gaggeessan keessatti mudachuu kan ibsan Dr Dabratsiyoon, ‘’hoggansa tortoraa’’ jechuun ibsan.
Haala Paarticha diiguun uummata bittinsuu keessa taanee kora gaggeessaa jirra’’ jedhan.
Paartichi beekamtii qaama seerummaa akka hin argannee fi kora akka hin gaggeesine kan gufachiisanii fi ‘’keessoo keenyatti gareen badii wal horan jiraachuun rakkoo paarticha keessaa gara sadarkaa guddaatti akka ce'u taasisaniiru,’ jedhan.
Itti dabaluun ‘’kora gaggeessuun furmaata tokkicha jirudha’’ jedhan.
Korri gaggeefamuu mormuun hoggantoonni paartichaa hedduun irratti akka hin hirmaanne ibsaniiru.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ammoo Wiixata gaafa 11, bara 2024 xalayaa paartichaaf barreesseen korri TPLF gaggeessuuf jedhu adeemsa seeraa keessa darbuu qabu waan hin guunneef fudhatama hin qabu jedhee ture.