Namoota wallaansa gogaa fuulaa susuntuuru balleessu fudhatan maaltu muudate?

Dubartii miidhaginaaf wallaansa kennaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ingiliz keessatti torban dabre gogaa fuulaa susuntuure balleessuudhaaf wallaansa miidhaginaa qoricha sobaa Botox jedhamu fakkeeffamee kennameen namoonni 30 ol summiin miidhamuun himame.

Wallaansa Botox jedhamu fuula susuntuuree sirreessuuf kennamu keessatti qabiyyeen kennamu sirrii ta'uu yoo baateefi hangi kennamu of eeggannoon hin madaalamu taanaan warra fayyadamanirratti miidhaa summii rakkoo fayyaafidu ykn hanga lubbuuf yaaddessuutti qaqqabuu danda'a.

Dhaabbanni Fayyaafi Nageenyaa Yunaayitid Kingidam (UKHSA) akka beeksisetti, torbanoota ja'an darban kutaalee biyya Ingiliz gara garaa keessatti qabiyyeen mi'a miidhaginaa hayyama hin argatiin jiru kun namoota 38 ta'aniif kennamee booda balaan miidhaa summii isaan mudateera.

Kana hordofee Dhaabbanni Fayyaafi Nageenyaa Yunaayitid Kingidam namoonni wallaansa miidhaginaa akkasii argachuu barbaadan ogeessota tajaajila kanaaf gahumsa qabaachuun isaanii mirkanaa'ee fi qorichaawwan dhimma kanaaf hojiirra oolan ammoo kanneen hayyama qaban ta'uu akka mirkaneessaniif gorsa dhiyeesseera.

Wakllaansi Botox marfeen ykn lilmeen kennamu kun, sararawwan fuularratti bahan ykn fuula shushuntuure hir'isuudhaaf bal'inaan kan hojiirra ooludha.

Omishni wallaansa fayyaa kanaaf faayidaarra oolu kun wanta betuliniyeem jedhamu qabiyyee summii of keessaa qabu (botulinum toxin) xiqqaa ta'erraa fuudhamee hojjetama. Kanaaf, hangi isaa baayyatee hojiirra oollaan summii miidhaa geessisu akka ta'u ogeessonni ibsaniiru.

Akka odeeffannoo dhaabbanni nageenya fayyaa UK kun argatetti, miidhaan summii kun kan mudate, omisha isa sirrii kan fakkaatu garuu qorichoota hayyamni hin kennamneef waan fayyidaarra ooleefidha.

Dhiyeenya namoota qorichoota kana fayyadamuun sababa miidhaa summii haala kana fakkaatuun isaaniirra gaheen arganuu dadhabuu, nyaata liqomsuu dadhabuufi dubbachuufis rakkachuu kan isaan mudate yoo ta'u, hanga sadarkaa meeshaa arganuuf isaan gargaaru fayyadamuurra gahaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaan alattis, namoonni summii kanaan miidhaman rakkoowwan akka baallee ija isaanii to'achuu dhabuu, qulqulleessanii arguuf rakkachuu, akkasumas maashaan fuula isaanii dadhabaa ta'uuti isaan mudate.

Ogeessa dhaabbata nageenya fayyaa Yunaayitid Kingidam kan ta'an Dr. Gaawurii Gaadilbool, adeemsa wallaansa fayyaa kana fakkaatu keessatti mallattoowwan miidhaa summii mudachuu danda'an arguudhaaf hanga torbanoota afuruu turuu waan danda'uu, namoonni shakkii qaban hatattamaan gara dhaabbata fayyaa akka deemaniif gorsa kennaniiru.

Gogaa fuula isaanii ykn gogaa naannoo ija isaanii jiru shushuntuureef namoonni akkuma argan Botox fayyadamuun akka hin barbaachifne kan cimsanii akeekkachiisan ogeessi kun, marii doktoroota ykn narsoota waliin taasifamuun kan ajajamu ta'uu akka qabu, akkasumas wallaansi isaa kunis ogeessa gahumsa qabuun kan kennamuu qabudha jedhan.

Qabiyyee fi gosti qoricha tajaajila Bptox'f oolu kan beekamanii fi qaama ilaallatuun hayyama kan hin arganne taanaan, nageenyi isaanii balaaf kan saaxiluufi miidhaa kan fudan ta'u jedhan.