Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Loltoonni Israa’el osoo kallattiin tamsaasaa jiruu waajira Al Jazeera weeraruun cufan
Humnoonni waraanaa Israa’el Waajjira Tamsaasa oduu Al Jazeera Raamallah, Weest Baank bakka humnaan qabatan keessa jiru weeraran. Humni Israa'el kun waajirri Al Jazeeraa kun yoo xiqqaate guyyoota 45f akka cufamu ajajeera.
Loltoonni Israa’el hidhannoo fi haguuggii fuulaa godhatan Dilbata wayita gara waajjira dhabbatichaatti seenan tamsaasa kallattiin mul'ataniiru.
Wayita loltoonni ajaja cufamuu kana hogganaa waajjira Al Jazeera Weest Baank Waliid al-Omaariif kennuun dubbisu tamsaasa kallattiin daawwattoonni hordofaa turan.
Israa’el baatii Caamsaa waayita Yerusaalem Bahaa qabattee waajjiraalee Al Jazeera Yrusaalem keessa jiran weeraruun, tamsaasni Al Jazeera waajjira Qaxar keessa jiru nageenya biyyaaf balaa ta’uu ibsiteetti.
''Gaazexeessitoota irratti haala kanaan xiyyeeffachuun yeroo hunda dhugaa ukkamsuu fi namoonni dhugaa akka hin dhageenye dhorkuu kan kaayyeeffate,'' jechuun Omaar yaada kennuu gabaasa dhabbatichi beese keessatti ibsameera.
Loltoonni kun sagalee guddistuu fi kaameraa daandii alaa irra jiru saamuun hogganaa waajjirichaa Omariin dirqiin waajjira keessaa akka baasan gaazexeessaan Aljaziiraa Mohammad Alsaafin kan dubbate.
Taatee kanaa miidiyaa hawaasaa irratti kan maxxanse Alsaafin, loltoonni kunneen poostara Shireen Abu Aqla - rippoortara Al Jazeeraa kan haleellaa humnooti Israa’el Weesti Baankii keessatti raawwatan utuu gabaasuu ajjeefame maxxanfame ture buusuu isaanii eera.
Gabaasaaleei fi namoonni yeroo sana ijaan argan akka jedhanitti,Gaazexeessituun lammii Palastaayinii-Ameerikaa humnoota Israa’eliin rasaasaan ajjeefamuu himan.
Israa'el jalqaba irratti loltoota Falasxeemiin rukutamte jechuun kan falmite yoo ta'u ji'oota booda garuu loltootaishee keessaa tokko ishee ajjeesuu akka hin oolle amante.
Wal dhabdeen Aljeeziraa fi mootummaa Israa’el gidduu jiru yeroo dheeraaf kan ture yoo ta’u, waraanni Gaazaa keessatti ka’uu isaa hordofee haalaan hammaateera.
Gaazexeessitoonni biyya alaa gara naanawa wal waaraansa sana akka hin seenne dhorkamuu isaaniitiin, hojjettoonni Al Jazeera naannoo sanatti teessoo isaanii godhatan gabaasaa waraana kana kanneen gabaasa turan keessaa muraasa.
Israa’el irra deddeebiin miidiyichi afaan shororkeessati jechuun maqaa itti moggaafteetti, himannaa kana garuu Aljaziiraan ni haale.
Ji’a Eblaa keessa paarlaamaan Israa’el seera mootummaan tamsaasa biyya alaa yeroo waraanaa nageenya biyyaaf balaa ta’ee fudhatamu, yeroodhaaf akka cufu aangoo kennuu raggaasiseera.
Uggurri dilbataa kunis marsaa jalqabaaf guyyoota 45f kan turu yoo ta'u, haaromfamuu danda'a jedhame.
Jalqaba baatii Caamsaa keessa waajjiraaleen Aljaaziiraa Jerusaalemi fi naannawa Bahaa keessatti Israa'el sakatta’iinsa adda addaa raawwattetti.
Uggura amma kan ilaalchisee garuu Israa'el hanga yoonaa yaada hin kennine.