Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el qondaala waraanaa olaanaa Hezboollaa Beerut keessatti ajjeeste
Ajajaa waraanaa Hezboollaa keessaa tokko kan tahe Ibiraahim Aqiil haleellaa qilleensarraa Israa'el Beerut keessatti gaggeessiteen ajjeefamuu himame.
Israa'el Jimaata kaleessaa Beerut keessatti haleellaa qilleensarraa raawwattee jirti.
Israa'el ajajooti olaanoon Hezbollaa hedduun ajjeefamaniiru yoo jettu Hezbollaan ammoo ajajoota olaanoo keessaa tokko kan tahe Ibiraahim Aqil ajjeefamuu mirkaneesse.
Qondaalonni Libaanos yoo xiqqaate haleellaa naannoo Daheehi jedhamutti raawwateen namoonni 14 ajjeefamanii hedduun miidhamaniiru jedhan.
Qondaalli olaanaa UN Roozmerii DiKaarloo naannoon Baha Gidduugaleessaa balaa hamaa irratti argama jedhan.
Erga meeshaan qunnamtii harkaa Hezbollaa Peejer jedhamuu fi Walkie-Talkies jedhaman dhohanii namoota 37 ajjeesanii wal gahii Manni Maree nageenyaa UN taa'e irratti akka dubbatanitti miidhaa kana dura dhaqabeen ol gahuu akka malu eeran.
Haleellaa qilleensarraa Beerut keessatti Israa'el gaggeesiteen gamoon mana jireenyaa tokko guutummaatti manca'e. Gareen lubbuu baraartotaa bakkichatti imaluun kanneen caccabaa gamoo jalatti danqaman baraaraa turan.
Waxabajji keessa Israa'el haleellaa Beerut keessatti gaggeesiteen ajajaan waraanaa Hezbollaa Fu'aad Shukir ajjeefamee ture.
Ergasii kun kan jalqabaa yoo tahu ammas ajajaa waraana garee kana Ibiraahim jedhamu ajjeeste.
Beerut keessatti muddamni hammaateera. Kanaaf Hezbollaan daandiiwwan cufeera.
Dubbii himaan Humna Ittisa Israa'el [IDF] humna Hezbollaa Radwan jedhaman keessatti ajajoota olaanoo keessaa tokko kan tahe Ibiraahim Aqil ajjeefameera jedhe.
Dabalataan ajajooti waraanaa Hezbollaa gara biraanis isa waliin haleellichaan ajjeefamuu himan.
''Beerut naannoo uummanni walitti tujjee jiraati Dahiyaa keessa gamoo mana jireenyaa namoota nagaa jalatti walitti qabamuun dhokatanii ture. Uummata nagaa akka dahootti itti fayyaamuun naannicha dhokatanii ture,'' jedhe.
Dubbii himaan kun akka jedhanitti ajajooti Hezboollaa fi namoonni dhuunfaa isaan waliin ajjeefaman ''Galiilaa weeraruuf namoota karoorsaa'' turan keessaati.
''Galiilaa keessa lohanii galuun namoota nagaa ajjeesuuf karoorsaa turan.''
Karoorri kun bara 2018 Humna Ittisa Israa'eliif kan himame yoo tahu, lafa jala boolla qotanii daangaa Israa'el galuun namoota nagaa butanii ajjeesuuf karoorsaa turan jedhame.
Humni ittisa biyyattii hulaa lafa jala qotamu akka cufee fi dhaabsise himeera.
Ji'a Ebla darbe keessa Ameerikaan ajajaa wraanaa amma ajjeefame Ibiraahim Aqil akka barbaaddu ibsite.
Maqaa Tahisin jedhamuunis beekama. Nama bakka inni jiru, eenyummaa isaa eeree fi odeeffannoo kennuun akka to'atamu godheef maallaqa kennuuf qophii tahuu ibsitee ture.
Qondaalli waraanaa Hezbollaa kun tokkon ajajaa olaanaa garee Ameerikaa, UK fi biyyoonni Lixaa shororkeessaa jedhan Hezboollaa keessaa tokko waan taheef gama biraan ammoo hidhata garee biraa waliin inni qabuun isa barbaadaa turte.
Bara 1980 keessa Aqiil namoota haleellaa imbaasii Ameerikaa Beerut jiru irratti raawate qindeessan keessaa tokko ture.
Haleellichaan namoonni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamaniiru.
Hezboollaan ajjeefamuu isaa miidiyaa hawwaasaa isaa irratti mirkaneessuun ''gaggeesitoota jihadistii gurguddoo keessaa tokko'' jedhe.
Gareen hezbollaa kun bara 1980 gara jalqabaa kan hundeeffame yoo tahu hordoftoota amantaa Islaamaa Shiyaan hundeeffame. Iraan Israa'eliin mormuuf jecha garee kana hundeessuun himama.
Yeroo sana Libaanos waraana walii waliinii keessa waan turteef humni waraanaa Israa'el Kibba Libaanos qabatee ture.