Icciitiin meeshaa teknooloojii qunnamtii battala tokkotti guutuu Libaanositti dhohe duuba jiru maali?

Raadiyoon quunnamtii miseensonni Hezboollaa itti fayyadaman- Pager jedhamu bakka hedduutti yeroo tokkotti dhohuun namoonni kumaatamaan lakkaa'aman guddoo miidhamaniiru.

Haleellaa battala tokkotti kutaalee Libaanos hunda keessatti mudateen yoo xiqqaate namoonni sagal yoo du'an, kanneen madaa'an 2,800 keessaa hedduun fayyaansaanii yaaddoo keessa jira.

Haleellaan kun akkamiin akka raawwate ifa miti, Hezboollaan garuu Israa'el himate.

Aanga'oonni Israa'el ammoo hanga ammaa dhimma kanarratti yaada kennuurraa of qusataniiru.

Garuu waa'ee haleellaa- qaama muuxannoo fi beekumsa gabbataa qabuun raawwatame fakkaatuu, kanaa hanga ammaa wantoonni beeknu isaan kanneeni.

Yoom fi eessatti mudate?

Haleellaan kun Kibxata (Fulbaana 17, 2024) magaalaa guddoo Libaanos, Beeruut fi kutaalee biyyattii hedduu keessatti akka lakkoofsa biyya sanaatti sa'aatii 9:45 irratti mudate.

Battaluma wayita kiisii (giphii) namootaa keessaa aarri hurkuu jalqabu kanneen ijaan argan namoonni argan viidiyoodhaan waraabaniiru.

Taateewwan akkasii erga mudatanii yeroo muraasa booda wayita giddugala gabaa keessatti dhohiinsi mudatu viidiyoon agarsiisa.

Viidiyoo CCTV dhaan waraabame tokko keessatti meeshaan kiisii namaa keessaa sagalee dhukaasaa kan fakkaatu dhageessisuun achumaan namuu wayita kufu mul'ata.

Dhohiinsi akkanaa haala walfakkaatuun sa'aatii tokkoo oliif akka mudate Rooyitarsi gabaaseera.

Meeshaan kun akkamiin haala kanaan dhohe?

Dhohiinsi meeshaa qunnamtii kanarratti mudatee osoo hin turin xiinxaltoonni yaada kennuu eegalan. Gariin sirni oppireeshinii meeshaa kanaa butame jedhu.

Qaamni akkaan muuxannoo qabu meeshaa kana erga butee booda baatiriin akka ho'ee dhohu godheera jechuun kan yaada kennan jiru.

Ogeeyyii hedduun garuu kun ta'uu hin danda'u jedhu, sababni ammoo dhohiinsi bakka bakkatti mudate hundinuu baatiriin ho'uun kan walqabatu miti jedhan.

Gareen xiinxaltootaa kaan ammoo adeemsa dhiyeessii meeshaa kanaarratti balaan mudachuu hin hafne jedhu, rakkoon kun meeshaama kana waliin oomishamuu danda'a yookiin ammoo wayita dangaa ce'ee dhufu itti godhamuu danda'a jedhu.

Adeemsa dhiyeessiirratti haleellaan mudachuun addunyaa saayibarii (Cyber security world) keessatti dhimma akkaan yaaddessaa ta'eera.

Dhiheenya kana taateewwan haleellaa saayibarii qaama beekumsa gabbataa fi muuxannoo teeknooloojii sadarkaa olaanaa qabuun raawwataman dabalaa jiru.

Haakaroonni akkasii harkasaanii dheeressanii warshaalee oomisha meeshaalee keessa miliqanii seenuun daba raawwatu, isa booda meeshaan sun rakkoo qabaachuun wayita balaa uumu qofa barama.

Haleellaan amma Libaanos keessatti raawwate kun mosaajii (software) waliin walqabata.

Haleellaan qaama meeshaa teeknooloojii (Hardware) irratti raawwatu yeroo baayyee hin mudatu, sababani isaa haleellaa akkanaa raawwachuuf meeshaalee kunneen qaamaan argachuun dirqama.

Kanaafuu yoo dhohiinsi mudate kun rakkoo adeemsa oomishaa hanga dhiheessiitti jiru keessatti mudateen kan dhufe ta'e, oppireeshinii meeshaa qunnmatii kana waliin kan walqabatu ta'a.

Namni ogeessa oomisha meeshaalee waraanaa Biriteen ture BBCtti akka himetti meeshaalee dhodhohan kunneen keessa meeshaaleen dhuka'uu danda'an giraama 10 hanga 20 keessa galfamaniiru.

Meeshaa elektirooniksii fakkeessanii hojjechuun meeshaalee dhuka'an keessa kaa'anii dhiyeessuu hima ogeessi dhimma meeshaa waraanaa kun.

Ogeessi kun akka jedhutti meeshaan kun mallattoo addaa (signal) kan qabudha. Ergaawwan iccitii yookiin koodiiwwan salphaatti hin hubatamne kan irratti waliif qoodaniidha jedhe.

Miidhamtoonni eenyu?

Maddeen Hezboollaatti siqan kanneen balaa dhohiinsaa kanaan du'an keessaa lama ijoollee miseensota Hezboollaa paarlaamaa Libaanos keessa jiraniiti.

Intalli miseensa Hezboollaa tokkos balaa kanaan du'uu ibsan.

Libaanositti ambaasaaddarri Iraan Mojtabaa Amaanii kanneen miidhaman keessaati.

Hoogganaan Hezboollaa Hasan Nasrallaa balaa kanaan akka hin miidhamne Rooyitarsi gabaaseera.

Ministirri Fayyaa Hawaasaa Libaanos Firaas Abiyaad namoonni hedduun fuulaa fi harkasaaniirra miidhaman jedhan.

Namoonni miidhamanii wal'aanamaa jiran hedduunsaanii uffata siivilii uffatu kan jedhan qondaalli mootummaa Libaanos kun, ''kanaaf garee tokkotti [Hezboollaa) maxxansanii ilaaluun nama rakkisa,'' jedhan.

Libaanos alattis Siiriyaa keessatti dhohiinsi walfakkaataan mudachuun namoonni 14 miidhamaniiru.

Eenyutu itti gaafatama?

Hanga ammaatti qaamni itti gaafatamummaa fudhate hin jiru. Ministirri Muummee Libaanos fi Hezboollaan garuu Israa'el himatan.

Ministirri Muummee Libaanos Najiib Mikaatii haleellaa kanaaf Israa'el himachuun ibsa baasan keessatti ''taateen mudate birmadummaa Libaanos kan sarbuu fi madaallii kamiinuu yakka dhala namaarratti raawwatamedha,'' jedhan.

Hezboollaan gamasaan ibsa baase keessatti ''Israa'el haleellaa bifa weeraraa qabuu fi lammiilee nagaarratti raawwatame kanaaf itti gaafatamummaa fudhachuu qaba,'' jedhe.

''Diinni hamaan kun gatii hojiisaa ni argata, adabbiin gochasaa gitu ni kennamaaf,'' jedhe Hezboollaan.

Aanga'oonni Israa'el himannaa kanaaf deebii hin kennine. Garuu xiinxaltoonni hedduun Israa'el haleellaa kana akka raawwatte akeekan.

Yuniversitii Lancaster jedhamutti dursaan Hariiroo Idiladdunyaa Pirofeesar Simoon Maboon, ''Israa'el teeknooloojii fayyadamuun diinashee adamsitee akka haleeltu beekna. Kun kan kanaan dura beekamurraan adda,'' jechuun BBCtti himan.

Hezboollaan maaliif meeshaa qunnamtii- Pagers fayyadama?

Hezboollaan teeknooloojii Israa'eliin adamsamuu jalaa miliquuf meeshaalee teeknooloojii qunnamtii- Pagers jedhaman fayyadaman.

Malli qunnamtii kun sadarkaa teeknooloojiin addunyaa gama kanaan irra ga'een yoo ilaalamu boodatti hafaadha.

Meeshaan Pager jedhamu kun teeknooloojii quunnamtii keebilii hin qabne yoo ta'u, ergaa gabaabaa koodii addaa lakkoofsaa fi qubee walitti makuun ergamu fi ergaa sagalee fudhachuu qofaaf fayyada.

Gareen Hezboollaa bilbila mobaayilaa fayyadamuu erga dhaabee waggaa dheeraa lakkoofsiseera.

Bara 1996 namni gameessi Hamaasiif boombii hojjechuun beekamu Yahyaa Ayyaash Israa'eliin kan galaafatame erga bilbilli mobaayilii harkasaarratti dhoheeti.

Ergasii bilbilli mobaayilaa faayidaarra akka hin oolle godhameera, sababnisaa diinaan hordofamuuf nama saaxila jedhanii waan amananiif.

Dameen oppireeshinii meeshaa teeknooloojii Hezboollaa garuu meeshaan qunnamtii kun haaraa akka ta'ee fi kanaan dura itti fayyadamee akka hin beekne AFPtti hime.