Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Viidiyoon tibbana Walaayittaatti mudate jedhamuun qoodamu dhugaadhaa?
Tibbana viidiyoon tokko namicha 'qaama saalaa nama intalasaa gudeedee mureeti' jedhamuun miidiyaalee hawaasummaa irratti bal'inaan qoodamaa jira.
Taateen Naannoo Kibbaa Godina Walaayittaa Aanaa 4 keessatti raawwate jedhame.
BBC'nis dhimma kana adda baafachuudhaaf gara Godina Walayittaatti bilbiluudhaan qondaala qajeelcha poolisii godinichaa dubbiseera.
Viidiyoon gabaabaa kuni abbaan nama intalasaa 'gudeedaa ture irraa qaama saalaa mure' jedhamuun kan namoonni walii qoodan.
Haata'u malee, qondaalli poolisii dhimmi kun 'sobaafi ta'e jedhamee kan qindaa'eedha' jechuun BBCtti himan.
Viidiyicha irratti, "Abbaan intalasaa iyyitu dhaga'ee yeroo mana seenu namicha ollaasaa intalasaa gedeedaa ture arguun rukutee kuffise.
''Sana booda qaama saalaasaa irraa mure" jechuun fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa wal harkaa fuudhaa jiru.
Abbaan gochicha raawwate jedhames akka waan to'annaa seeraa jala oolfameetti haasa'ama.
Warraabbii viidiyoo sanarrattis namni ga'eessa tokko waan gogaa fakkaatu harkasaa bitaatti baatee namoonni qaamolee seera kabachiisan fakkaatan ammoo qabanii otoo adeemanii namoonni kaan ammoo duubarraan marsanii itti wacaa yeroo yaa'an muldhata.
Ajajaan Qajeelcha Poolisii Godina Walaayittaa BBC bilbilaan dubbise, Komaandar Nigaatuu Geetaachoo garuu, "Kun sobadha, wanti akkasii Godina keenya keessatti hin raawwanne" jechuun BBC'tti himani.
Suursagalee qoodamaa jirus "argineerra" kan jedhan komaandarri kun, "kutaalee Godina Walaayittaa kamittuu waan akkasii kan hin raawwannee fi odeeffannoo sobaa qindeeffamedha" jechuun gocha kana ibsan.
Achi dhufteen suuraa kanaa maali, eessatti qoodame, namni suuraarra mul'atan maali kan jedhu BBC'n ammatti adda baafachuu hin dandeenye.
Ajajaan Qajeelcha Poolisii Godina Walaayittaa, kanaan duras "wanti akkasii hin turre" jechuun taateen suursagaleedhaan miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamaa jiru dhugaa miti jedhan.
Taatee Walaayitaatti raawwate jedhamuun karaa viidiyootiin miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamaa jiru kanas kan qondaalli poolisii godinichaa jedhaniin alatti BBC'n addatti hin mirkaneeffanne.
Bara teknolojii haalaa keessatti babal'aa dhufe kanatti biyyoota garaa garaa keessatti suuraalee fi waraabbii sagalee fakkeeffaman ykn hubannoo namni tolcheedhaan qindeeffaman qooduudhaan odeeffannoo dogongoraa tamsaasuun taatee baramaa ta'aa dhufeera.
Viidiyoon tibbana akka waan taatee Godina Walaayittaa keessatti mudateetti bal'inaan miidiyaa hawwasaa irratti qoodamuu kunis ta'i qaamaa odeeffannoo sobaa akkasii ta'innaa laata?
Yoo akkas ta'e odeeffannoowwan miidiyaa hawaasaa irratti gadi dhiifaman yeroon of eeggannoon ilaaluu itti qabamu yeroo kamu caalaa amma waan dirqii ta'aa dhufe fakkaata.
Gudeeddiin maali?
Namni tokko dhiiras ta'e dubartii fedhiifi eeyyama ofiin malee saalqunnamtiin raawwatu kamuu akka gudeeddiitti akka ilaalamu ogeeyyiin ni ibsu.
''Namni tokko fedha malee waan tokkoyyuu gochuu qaba jedhee hin yaadu... Fedhii dhuunfaa keenya eeguu qabna,'' jechuun himti ogeettiin seeraa Radi'eet.
Osoo qaamoleen lamaan saalqunnamtii osoo raawwatanii gidduutti qaamni tokko eeyyama isaa osoo dhiiseefi ergasii sochiin taasifamu gudeeddii ni ta'a jechuun ibsu.
''Eeyyamni kan kennamu dhalli namaa yeroo of beeku, qorichaanis ta'u kaaniin yeroo of hin wallaallettidha. Dabalataan, kan umrii 18 gadii eeyyama kennuu hin danda'u,'' jetti Radi'eet.
Sababa kanaaf eeyyamni kan takkaa kennamu osoo hin taane, yeroo yerootti kan haaromuu qabu akka ta'e himti.
''Dhirsaafi niitiin erga bultii ijaarratanii jireenyi saalqunnamtii isaanii eeyyamarratti kan hundaa'e miti jedhanii yaaduun rakkoo guddaa akka ta'ettin hubadha.''
Rakkoon gudeeddiifi haleellaa saalaan wal qabatan booda kana Itoophiyaatti dabaluu ibsuun dhaabbileen mirgaa yaaddoo himu.