Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ce'umsa pireezidantummaa Kaamlaa Hariis akka hogganan kan filataman Yohaannis Abrahaam eenyu?
Maatii Itoophiyaarraa kan dhalatan Ambaasaaddar Yohaannis Abrahaam ce'umsa pireezidantummaa kaadhimamtuu dhaaba Dimookraatotaa Kaamlaa Hariis akka hoogganan filataman.
Miidiyaan US, NBC, maddeen dhaabicha keessaa qabu waabeffachuun akka gabaasetti Ambaassaadr Yohaannis guyyoota dhufan keessatti gaafatama Jaakartaatii qaban raawwachuun UStti deebi'u.
Ambaasaadar Yohaannis erga bara 2022 kaasee Ambaasaaddar Waldaa Biyyoota Kibba-baha Eeshiyaa ta'uun tajaajilaa jiru. Yeroo ammaas waajira waldichaa Indoneezhiyaa Jaakaartaa argamu jiru.
Gaafatamni haaraan Ambaasaaddar Yohaannis filannoo pirezidantummaa US Sadaasa dhuftu godhamuun Kaamlaa Hariis yoo filataman ce'umsa Pireezidantummaa godhamuuf haala mijeessu. Hojiin kun ammoo ammuma eegala.
Ambaasaaddar Yohaanis garee duula filannoo Kaamlaa Hariisin kan filataman yoo ta'u, bulchiinsa Baayidan booda Kaamlaan ijaaraniif karoorsu, haalas mijeessu.
Ammoo Hariis Tiraampiin injifatanii pirezidantii yoo ta'an bulchiinsa ijaaran keessatti gareen Abrahaam hoogganan eenyuun gara aangootti akka fidaniifi imaammatoota baasuu keessaa harka hin qabaatu.
Bulchiinsi Tajaajiloota Waliigalaa US, dhimma ce'umsa aangoo bulchu, garee Hariisiifi Tiraamp waliin dhimma ce'umsa aangoorraatti dubbachuuf akka jiru ibsera. Gareelee lamaaniifu deeggarsa barbaachisu akka godhus beeksise.
Ambaasaaddar Yohaannis gaafatama amma kennameef kanaaf haaraa miti. Bara afur duras wayita Pirezidant Baayidan aangoo kanaaf dorgoman, namni kun daayireektara waliigalaa ceumsa Baayidan turan. Itti antuu Baayidan kan ta'an, Kaamlaa Hariis waliinis dhiyeenyaan hojjetaniiru.
Gareen Tiraamp torban darbe keessa garee ce'umsa pirezidantii kan hundeesse yoo ta'u, Linda Maakmahooni, kan daldala xiqqaa Tiraamp bulchituun hooggantuu godhee filate.
Ambaasaaddar Yohaannis eenyu?
Abrahaam Yohananis maatii Itoophiyaa bara 1960oota keessa gara US godaanan irraa Aleksaandariyaatti dhalateanii, Ispiriing Fiild, Verjiiniyaatti guddatan.
Mana Barnootaa sadarkaa lammaffaa Saayinsiifi Teknoolojii Toomas Jefersenittis barnoota isaanii hordofan.
Odeeffannoon barnootaa fi gahee hojiisaanii amma duraa U.S. Mission to ASEAN, gubbaa maxxanfame akka agarsiisutti Ambaasaaddar Yohaannis barnoota Saayinsii SiyaasaanYale Yunivarsitiirraa digirii jalqabaa argataniiru. Addatti ammoo imaammata US irratti akka xiyyeeffatan gabaasameera.
Mana Barnootaa Bizinasaa Yunivarsiitii Harvaard irraas MBAn, qabxii olaanaan eebbifamaniiru.
Ambaasaaddar Yohaannis Waldaa Biyyoota Kibba-baha Eeshiyaatti bakka bu'aa US ta'uu isaaniin dura hogganaa waajiraafi barreessaa olaanaa Mana Maree Nageenyaa US ta'uun tajaajilaa turan.
Gaheen isaanii waajirichaa imaammata nageenya biyyaalessaa hordofuu, sichiweeshin ruumii Waayit Haawus hordofuufi hariiroo dippiloomasii pireezidant Baayidan karoorsuu ture.
Mana Maree Nageenyaa Biyyaalesssaa dura ammoo hojii amma itti filataman kana Pirezidant Joo Baayidaniif hojjetaniiru.
Hogganaa waajiraa Waayit Haawus ammaa Jeef Ziyeenits waliin ta'uun ce'umsa aangoo pirezidantichaa karoorsanii raawwataniiru. Darbees garee nageenya biyyaalessaa, dinagdee, imaammata biyya keessaafi filannoo Kaabinee irratti qooda fudhataniiru.
Bara Buchiinsa Baaraak Obaamaa ammoo gorsa olaanaa Mana Maree Diinagdee Biyyaalessaa turan.
Boodas Obama Faawundeeshin akka ijaaramu gargaaruun hoji gaggeessaa yeroo ta'uun tajaajilaniiru.
Ambaasaaddar Yihaannis gaaffiifi deebii barruu Itoophiyaa tokko waliin taasisan keessatti hegereen isaanii siyaasaatti akka maxxanu kan ta'e bara 2004tti wayita barataa koollejjii turan akka ta'e himaniiru.
Wayita sana Obaamaan senaatara ta'anii filatamuun hasaan taasisan qalbiisaanii booji'uu himaniiru.
Matiinsaanii hiree isaan argtan warri kaan akka hin arganne itti himuun jabaatanii akka hojjetan bu'uura akka ta'aniifis dubbataniiru.