Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Sudaan keessatti gaheen biyyoota Arabaa naannichaa maali?
Wal dhabdeen Kaartumiitti janaraaloota waraanaa ciccimoo gidduutti umamee biyyoonni qaxanichaafi addunyaa dhimmicha itti dhiheenyaan akka hordofan taasiseera.
Sudaan biyyi sarara daldala galaanaa kan ta’e Galaana Diimaa daangeessitu, qabeenyaa qonnaa fi boba’aa olaanaa qabdi.
Kana malees, Sudaan biyyoota qaxanichaatin alatti sababii umama mijataa fi hawwataa ta'e qabduuf jecha Ameerikaa fi Raashiyaanis dhibbaa biyyattii keessatti fedhii akka qabaatan taasisera.
Sudaaniitti kan ta’u dhimma Sudaanotaa qafa osoo hin taane, dhimma biyyoota hedduus ilaallatu ta’eera.
Erga wal dhabdichi ka’een booda, humni addaa janaral Mahaammad Daagaloo (Hemeetii)n dursan kanneen deegaran ‘humnootiin ardii’ jiru jechunsaa, qaamoolee wal dhabdee Sudaan keessatti harka qabu jedhaman irratti akka dubbatamu taasiseera.
Biyyoonni Arabaa hedduun fedhiisaanii keessootti qabachuun, wal dhabdee Sudan irratti ejjannoo walabaa qabna jechuun ifatti dubbatan.
Biyyoota Arabaa keessaa Sa'udii, Masriifi Gamtaan Araboota Imreetsi kanneen dhimmi Sudaan nu ilaallata jedhan keessaayi.
Biyyoonni kunneenis dhimmi Sudaan nu ilaalata jechu qofas osoo hin taane, janaraaloota amma wal waraanaa jiran waliniis karaa adda addaatiin quunnamtii qabu.
Fedhiiwwan Masrii maaliidha?
Torban lamaan dura erga wal dhabdeen Sudaan umameen booda, Masriin dhimmicha irratti Afriikaa, biyyoota Arbaa fi biyyoota lixaa waliin hojiiwwan dippilomaasii cimsite jirti.
Daangaa dheeraa Sudaan waliin kan qooddattu Masriin, nageenya biyyaalessaa ishee mirkaneeffachu keessatti Kaartum deeggartu murteessitu isheeti.
Dhimma hidha Itoophiyaan Laga Abbayyaa irratti ijaaraa jirtu irrattis Sudaan ejjannoo Masriin wal fakkaatu qabattee akka itti fuftuu mirkaneessuun dhimma murteessaa Al- Sisiiti.
Pirezidantiin Masrii Ali Siisiin ija jabinaan biyyisaanii ejjannoo dhimma keessoo Sudaan keessaa akka hin galleen gaggeessaa jiraachu dubbatanilleen, gabaasaaleen tokko tokko ammoo Kaayiroon qaama tokko waliin dhaabbachu agarsiisu.
Gabaasaaleen biyyoota Arbaatiin bahan, Kaayiroon Janaraal Al-Burihaan aangoo irra akka turaniif fedhii waan qabduuf waraana biyyattiif deegarsa akka taasiftu himu.
TV'n Al-Huraa kan mootummaa Amerrikaatiin deeggaramu, Masriin Sudaan keessatti osoo bulchiisni siivilii hin jiraatiin akka waraanni idilee biyyattii bulchuu itti fufuuf fedhii qabaachu xinxalaa tokko eeruun gabaaseera.
Al Burihaaniifi Al-Siisiin michooma cimaa qabu. Hoggantoonni lamaan bara 2019 asiitti irra deddebbiin wal arganiiru.
Hoggantoonni kunneenis waliigalteewwan walii mallatteessan keessaa tokko miseensoota garee obboolaa Islaamaa Masriidhaan balaaleeffatamuu dabarsanii Kaayiroof kennuun ni argama.
Waraanni Sudaan eegale guyyootaan booda, Ebla 19, 2023 irratti Masriin waraanaa Sudaaniif xiyyaaroota waraanaa deeggarsa fe’an ergu ishee Barruun Wool Istiriit madda maqaan hin eeramne caqasuun gabaase ture.
Barruun Wool Istireet, lixa Liibiyaa kan to’atan Janaraal Kaaliif Haafixaar ammo hunda addaa qaama faallaa dhaabbatuuf xiyyaara deeggarsa fe’e erguu gabaasuma kanaan ibsee ture.
Miidiyaalee biyya keessaa Masrii ammo, gabsaa isaanitiin wal dahbdee kana keessatti Al- Burihaaniif deeggarsa qabaachusaanii hubachuun ni danda’ama.
Wal dhabdicharratti ilaalchi Sa'uudii maali?
Sa'udinis akkuma Masrii wal dhabdee Sudaan irratti ejjannoo walanbaan qaba jetti.
Sa'udiin xiyyeeffannaan ishee karaa jarsummaa Ameerikaatiin waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamuuf gaheeshi bahachu ta’u ibste jirti.
Al- Burihaan caalaa ammo waraana idlee waliin wal waraanaa kan jiru Heemeetiin Saawuditti caalaa akka dhiyaatan kan himan jiru.
Janaraal Heemeetiin humna Sawudii deeggaruudhaan lollu humna addaa saffiisaa gara kuma 40tti siqu gara Yemaniitti erganiiru.
Mootummaa Kaataariin kan deeggaramuufi Landaniitti kan bu’ureeffate Al-Araabaay Al-Jaadeedii, Riyaad Janaraal Daagaaloo waliin walitti dhufeenya gaarii qabdi jechuun gabaaseera.
Gama biraatiin ammo, sabaa himaan Saawudii Riiyaad fedhiin ishee Janraal Al-Burihaan waliin ta’u gabaasan.
Madda oduu gurguddaa Saawudii keessaa tokko kan ta’e, Al Arabiiyaan, waraana Sudaan kan eegale humna addaa Heemeetiitii jechuun alattis, dirree waraanaatti injifataa kan jiru waraana Sudaan jechuun deeggarsa Al Burhaaniif qaban gabaasichaan agarsiisaniiru.
Gamtaa Araboota Imreetsi (UAE)
Gamtaan Araboota Imreetsi (UAE) akkuma Masriifi Saawudiitti, waraana Sudaan keessatti qaama kamiifu hin looguu jettulleen maqaan ishee garuu irra deddeebiin humna addaa waliin ka’a.
Gamtaan Arabaa sababiiwwan itti Heemeetii deeggartuuf lama gurgudda qabdi. Kan jalqabaa, qabeenyaa Heemeetiin to’atan irraa fayyadamtu ta’uufidha.
Humni addaa biyyattii naannoolee albuudni warqee itti argamu hedduu to’atee jira. Heemeetiin warqee Gamtaa Araboota Imireetsiitti gurguruun loltoota isaatiif mindaa kanfalu.
Kana malees, Abu Daabiin sochiiwwan finxaaleeyyii Isilaamaa qaxanichatti eddo akka hin qabaanneef humna Heemetiitti fayyadamti gabaasaalee jedhan jiru.
UAEn torban tokko dura loltoota Masrii waraana Heemetiin to’ataman gadhiisiisuuf hojii mariisiisuu hojjachu ibsite turte.
Kunis Abu Daabiifi Heemeetii jidduu walitti dhufeenyi cimaan jiraachu kan agarsiiseedha.
Kana jidduuttis miidiyaaleen Imiraatii gabaasaalee qaama kamu hin deeggarree hojjataa jiru.
Dhimmi xyyeeffannaa gabaasa miidiyaalee UAE ta’e, miidhaa Sudaaniitti namoota nagaarra gahaa jiru ta’eera.