Nama ardii Afrikaa fiixee kibbaatii hanga kaabaatti fiige kanaan wal-baraa

Raasil Kuuk

Madda suuraa, GUUS VAN VEEN

Raasil Kuuk jireenyasaa alkoolii fi qorichi sammuu adoochu mancaase jijjiiruuf waan gochuu qabu gaafa yaadu, bakka jiraatu Inglaand irraa ka'ee Afrikaa fiixee tokkoo hanga fiixee biraatti deemuu murteesse.

Maalif akka Afrikaa filate garuu isatu beeka.

Araada tirgaa taphachuu fi alkoolii dhuguu qofa osoo hin taane, rakkoo fayyaa sammuus qaba. Kana keessaa bahee waan addaa tokko maafan hin raawwadhu jedhee murteesse.

Kanaanis fageenya 16,400km guyyaa 352 fiige. Fiixee ardii Afrikaa tokkoo ka'ee fiixee dhuma ardichaa gahuuf biyyoota 16 keessa qaxxaamure. Kana gochuu keessatti rakkoowwan garaa garaa isa mudataniiru.

Fiigichasaa kanaan mallaqa deeggarsaaf oolu paawundii 550,000 sassaabuus danda'eera.

Raasil Kuuk

Madda suuraa, HARRY GALLIMORE

Raasil Kuuk imalasaa kanas Guraandhala 2023 ture Ingilaand irraa kan eegale. Kaayyoonsaa jalqabaa Kaaba Afrikaa Tuniziyaa irraa eegalee fiixee Kibba ardii Afrikaatti kan argamti Afrikaa Kibbaa Kibbaa gahuu ture.

Kanaaf ammoo guyyoota 240tti nan gaha jedhee yaadee ture. Garuu Aljeeriyaa irraa hayyama viizaa waan dhabeef imalasaa Kaaba Afrikaatii eegaluun jalaa fashale.

Dhumarratti Kaaba Arikaatii ka'uu fiixee Kibba ardii Afrika kan taate Afrikaa Kibbaarraa gaafa Ebla 22, 2023 fiigichasaa tokko jedhee eegale.

Imalasaa kanaan waa heddu keessa qaxxaamuruu qaba: bosona yabbuu, magaalota, Gammoojjii Sahaaraa fa'aa keessa qaxxaamuruutu irraa eegama.

Saamicha garee hidhateen gaggeeffamu

Raasil Kuuk yeroo fiigu

Madda suuraa, GUUS VAN VEEN

Afrikaa Kibbaarraa ka'ee Namiibiyaa erga qaaxxaamureen booda guyyaa shantammaaffaasaatti garee hidhateen saamame.

Inniifi namoonni isa gargaaran meeshaalee akka kaameeraa, bilbilaa, maallaqa, paaspoorti, viizaa fa'aa Angoolatti irraa fudhatan.

Garuu samamuunsaa kaayyoo baheef irraa duuba isa hin deebisne. Imalasaa ittuma fufe.

Rakkoo fayyaa isa mudate

Raasil yeroo dhukkubsatee qorannoon godhamuuf

Madda suuraa, HARRY GALLIMORE

Walitti fufiinsan osoo addaan hin kutin fiigun rakkoo fayyaaf isa saaxile. Torbanoota jalqabaatti rakkoon fayyaa xiqqaan isa mudatus ammuma fiigicha itti fufaa deemu rakkoon fayyaas itti cime. Guyyaa 45ffaa fiigicha jalqabatti yeroo jalqabaaf guyyaa tokko guutuu akka boqotu ogeeyyin fayyaa itti himan.

Guyyaa 200ffaatti gaafa Naayijeeriyaa gahu guyyaatti fageenya fiigu akka hir'isuufi saffisa ittiin fiigus akka xiqqeessu doktaroonni itti himan.

Walitti aansun gaafa guyyaa 205ffaafi 206ffaa osoo hin fiigin hafe. Garuu sana booda fiigichasaa ittuma fufe.

Rakkoo viizaa argachuu

Rakkkoowwan karaatti isa mudatan hunda injifatee erga Afrikaa Kibbaa ka'ee Gammoojjii Sahaaraa qaxxaamuree Kaaba Afrikaatti qajeelee booda viizaa Aljeeriyaa argachuun danqaa itti ta'ee ture.

Rakkoon kan isa mudate fiigicha eegalee guyyaa 278ffaa isaatti. Moritaaniyaarraa Aljeeriyaa galuuf danqame.

"Viizaa argachuu yoo hin dandeenye, deemsi keenya asumatti xumura jechuudha," jechuun dubbate Raasil Kuuk.

Fuula X gubbaatti viizaa akka argatuuf viidiyoodhan waamicha taasisee namoonni miliyeena 11 ta'an viidiyicha ilaalaniiru- abba miidyaa hawaasaa X kan ta'e Elon Maask osoo hin hafin qalbii nama hedduu hawwate.

Waamicha Raasil miidiyaa hawaasaa gubbaatti taasiseen embasiin UK Aljeeriyaatti argamu dhimmicha hordofuun viizaa akka argatuuf mootummaa Aljeeriyaa irraa haala mijeessufii beeksisee ture.

Raasil viizaa dhabee yoo rakkatu

Madda suuraa, GUUS VAN VEEN

Yeroo jalaa gubate bakka buusufi gammoojjii biyyoota Kaaba Afrikaa keessa guyyaa fiigun waan itti ulfaatef halkan fiiguf akka murteesse himeera.

Fiigichasaa Dilbata Ebla 7 waaree booda akka xumuru beeksiseera.