Afgaanistaan dubartoota sadii dabalatee hedduun ummata duratti dhaanuun adabte

Madda suuraa, Reuters
Dubartoota sadii dabalatee namoonni 12 istaadiyeemii Afgaanistaan keessatti bakka namoonni kumaatamaan bahanii ilaalanitti dhaanaman [garafaman].
Qondaalonni Taaliibaan BBC'tti akka himanitti, namoonni kunneen kan ‘’yakka haamilee’’ [Moral Crimes] akka ejjumsaa, saamichaa fi jaalala saala wal fakkaataa kan raawwatanidha.
Gareen Islaamaa kun ji’a tokkoo keessatti yeroo lammaffaaf adabbii reebichaa akkasii raawwachuu ibse.
Tarkaanfiin kun agarsiiftuu bulchiinsa Taaliibaan bara 1990 keessaa deebisanii hojiirra oolchuuti.
Omaar Mansuur Mujaahid, dubbii Himaa Taaliibaan naannoo Loogar bakka adabbiin reebichaa kun itti raawwatee, dubartootni sadan erga adabbii isaanii kana fudhatanii gadhiifamaniiru.
Dhiironni gariin ammoo hidhamanii jiru, garuu lakkoofsi isaanii meeqa akka tahu hin dubbanne.
Dhiironnii fi dubartootni adabaman yeroo 21 hanga 39 tahu dhaanaman jewdhan qondaalli Taaliibaan.
Torban darbes namoootni 19 tahan naannoo Taakhaar jedhamu Kaaba Afgaanistaan keessatti adabbii reebichaa wal fakkaataa Kanaan adabamaniiru.
Adabbiin kun erga hogganaa olaanaan Taaliibaan Hibaatullaa Akhunzadaa akkaataa seera Shaariyaatti adabbiin tokko tokko fudhatamuu qaba jedhanii abboota seeraa ajajanii raawwate.
Seerri Islaamaa kun adabbiiwwan uummata fuulduratti ajjeefamuu, uummata fuulduratti qama irraa muruu fi dhagaadhaan dhaanuu [tumuu] qaba. Garuu yakka isa kamiif adabbiin akkasii kennamuu qaba kan jedhu ammoo ifatti hin ibsamne.
Ajajaa olaanaan Taaliibaan kun gareen kun ejjennoon mirgaa fi bilisummaa irratti qabu hammaachaa deemuu agarsiisa.
Bara darbe yeroo aangoo deebisanii qabatan bifa wayyaa’aa taheen bulchuuf waadaa galanii ture.
Bara bulchiinsa isaanii bara 1996 hanga 2001tti Taaliibaan adabbii akka uummata duratti reebuu [garafuu], ajjeesuu istaadiyeemii biyyaalessaa magaalaa Kaabul keessa jiru keessatti raawwachuun hedduu qeeqamaa turan.
Mootummaan Afgaanistaan mirga dubartootaa sarbuu irra deebiin akka hin raawwanne waadaa galanis erga aangootti deebi’anii as dubartootni mirga isaaniif gaafatan hedduun dhaanamuun, mirgi isaaniis mulqameera.












