Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xaa'oo tooniin kumoota dhibbaan alaa galaa jiru qonnaan bulaa qaqqabaa jiraa?
Mootummaan Itoophiyaa hanqina xaa'oo bara omishaa kanatti mudate furuuf torbanoota darban xaa'oo bitamee buufata doonii Jabuutii gahe toonii kumoota dhibbaan lakkaa'amu qotee bulaa biraan gahuuf duula guddaarra jira.
Ministeerrii Geejibaa fi Loojistiksii Itoophiyaa garee addaa hundeessee halkaniifi guyyaa xaa'oo kana buufatichaa kaasee kutaalee biyyattii adda addaatti raabsuu erga eegalee torbanootni lakkaa'amaniiru.
Deetaan Ministiraa Ministeera Gaajibaa fi Loojistiksii Obbo Dheenge Boruu duulli xaa'oo buufata doonii Jabuutii irraa kaasanii kutaalee biyyattii adda addaatti raabsuu qindoomina qaama dhimmi ilaallatuun akka milkaahaa jiru dubbataniiru.
Ministeerichatti hoji gaggeessaa itti aanaan damee geejiba fe'umsaa obbo Siiraaj Abdullaahii xaa'oon marsaa jalqabaan buufata doonii Jabuutiirraa kaafamee Adoolessa 15, 2023 buufata baaburaa andoodee qaqqabe kuntaala 25,900 ol akka ta'u dubbataniiru.
Xaa'oon kunis naannolee akka Dabrabirihaan, Tulluboolloo, Walisoo, Taaxaqiifi Alamganaatti kan raabsamu ta'uu dubbatanii ture.
Marsaa jalqabaan xaa'oo gidduugala biyyatti imale booda, Ministeerichi ibsa Adoolessa 20 baaseen konkolaattota fe'umsaa 240 ta'uu fi baabura fayyadamee guyyoota isa dura turan torba keessatti guyyaa guyyaan gidduugaleessaan xaa'oo kuntaala 104, 514 ta'u gara gidduugala biyyaatti galchaa akka ture ibseera.
Ministeerichi sana booda lakkoofsi konkolattota fe'isaa duula kana keessatti hirmaatanii gara 439 'tti, kutaalee baaburaa fe'umsaas 25'tti ol guddahuu ibseera.
Duulli mootummaa kun kan eegalee naannolee Amaaraa fi Oromiyaa keessatti qonnaan bultootni hiriira bahuun hanqina xaa'oo mudatee fi gatii qaaliin gurguramaa jiraachuu komachuu booda.
Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kutaayee keessa qootee bulaa kan ta'an Obbo Alamuu Nuurasaa amma dura wayita dubbifne ''Barana roobni yeroon dhufe, ooyiruus akka dansaatti qopheeffanne. Garuu namuu xaa’oo dhabee akkanumaan waan godhu wallaalee taa’a,'' jedhanii turan.
Dabalataanis ''Xaa’oon hin jiru. Isheedhumti akka carraa argamtuyyuu kuntaalli birrii 8,500 gurguramaa jirti. Oomishi hunduu ammoo xaa’oo barbaada'' jedhan.
Mootummaan raakkoo xaa'oo kana furuuf bittaa xaa'oof maallaqa guddaa ramadee rakkoo mudates furuuf akka hojjetu ibsee ture.
Namoota fayidaaf jedhanii maayibaasii irraa xaa'oo baasanii harka daldaltootaa galchan hordofaa tarkaanfii fudhachaa akka jirus ibsee ture.
Yaa'ii idilee paarlaamaa Adoolessa 6, 2023 gaggeefame irratti rakkoon dhiyeessii xaa'oorra jiru sababa lola Yukireeniifi Raashiyaa gidduu jiruun mudachuu Ministirri Muummee Abiy Ahimad dubbataniiru.
''Akkuma beektan nuti xaa’oo hin oomishnu, binneetu galchina. Haasawa gabaa wajjin taasisneen rakkoon mudateera. Rakkoo kana hiiknee kontiraata raawwanneerra. Bittaannis gaggeeffamee fe’amaa jira. Harkifannaan muraasnis yoo jiraateyyuu ni qaqqaba jedhamee abdatama,'' jedhan.
Maallaqa birrii biiliyeena 21 ramaduun, xaa'oon kuntaala miiliyeena 15.9 bitamuun fe'amuu isaas MM Abiy ibsanii turan.
Xaa'oon biyya galaa jiru qonnaan bultoota qaqqabaa jiraa?
Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabarat keessa kan jiraatan qonnaan bulaa obbo Amansiisaa Angos torbanoota dura komii hanqina xaa'oo irratti qaban BBC'tti himanii ture.
Amma mootummaan alaa galchaa jiraachuu isaa hordofee xaa'oo argachuu jalqabuu isaanii hubachuuf bilbilleefii ''homaa nu hin qaqqabne'' deebii jedhu nuu kennan.
''Hin qaqqabne. Dabalataan yoo barbaaddemmoo xaa'oon madaabaraa tokko birrii 6,00'n gurguramaa ture sun, 8,000 galee, uummatni kanumaan bitee facaase.''
Naannoo isaanii rakkoon nageenyaa guddaan akka jiruufi qaama hidhattota WBO fi mootummaa irraa miidhaan akka irra gahu kan himan qonnaan bulaan kun, xaa'oon ammaa booda osoo isaan qaqqabee ni fayyadaaa? jennaan ''darbeera ammaa booda maal nuu godha'' jedhan.
Qotee bulaan godina Arsii keessa jiraatan Obbo Kamaal Furoo wayita bilbilluuf xaa'oo kuntaala tokko kuma sadeetiin bituuf bakka biraatti imalaa akka jiran himan.
Xaa'oon kumtaalli hedduun biyya alaatii gara biyyaa galaa jiraachuu odeeffannoo akka qaban kan himan obbo Kamaal, ''bu'ee malee gabaree harka gahee waan itti fayyadamne hin qabnu'' jedhan.
''Iddoo hundattuu qotee bulaan rakkoo xaa'oo kana akka malee himataa jira. Kan gahes kan hin geenyefi amma hanga ta'e facaasnee jirra. Kan hanqate ammoo soqataa, barbaaddataa jirra'' jedhu Obbo Kamaal.
Godina Arsii Aanaa Suudee keessatti qonnaan kan jiraatan obbo Gabiyoo Maammoos ammallee rakkoo xaa'oo hin furamnee jedhu.
Xaa'oon hangi ta'e gama mootumaan dhiyaatee namoota galmaahan keessaa jaha jahaan qoodanii kg shantama shantama hiramaafi akka jirus obbo Gabiyoon himaniiru.
''Hojjettoota qonnatu nuu hiraa jira. Kg 50'f birrii 2020 kaffalaa jirra.''
Xaa'oon amma booda isaan qaqqabu hangama isin fayyada jennee kan gaafanneen obbo Gabiyoon ''keenya qamadiin amma faca'a, xaafinis ni faca'a. Hanga Hagayya 30'tti ni barbaadama'' jedhan.
Namni tokko qonna isaaf kuntaala shaniifi jaha barbaada kan jedhan namni kun,'' hanga barbaanne argachaa hin jirru'' jedhan.
Kan amma hiramaafii jiruyyuu maayibaasii biraa irraa xaa'oon konkolaataa fe'umsaa (tasaabii) tokko dhufee jedhamee guyyaa tokko dura namoota 100 galmeessan keessaa calalanii isaan waamuu dubbatan.
Dhiyeessiin xaa'oo gahaan, hanga isaan barbaadaniin gitu jiraachuufi dhiisuu isaarratti qaamolee isaan ilallaturraa wanti dhagahan akka hin jirres obbo Gabiyoon dubbataniiru.
Dhiyeessii xaa'oo kana ilaalchiisee Biiroon qonnaa Oromiyaa akkamiin waliin gahaa akka jiru gaafachuuf yaaliin goone ammatti hin milkoofne.