Hanqina xaa'oo baranaa qonnaan bultoonni himataniif MM Abiy maal jedhan?

Qonnaan bulaan Aanaa Tokkee Kuttaayee naannawa magaalaa Gudar jiraatan Obbo Alamuu Nuurasaa, kanaan dura bokkaan yeroon roobuu dhabuun qonnarratti dhiibbaa akka itti uumaa tureefi barana garuu roobi yeroon roobulleen sababa hanqina xaa’ootin midhaan osoo hin facaasin akka jiran himan.

''Barana roobni yeroon dhufe, ooyiruus akka dansaatti qopheeffanne. Garuu namuu xaa’oo dhabee akkanumaan waan godhu wallaalee taa’a,'' jedhan qonnaan bulaan kun.

Obbo Alamuun akka jedhanitti, qaamoleen mootummaa xaa’oon akka dhufee raabsamuuf abdachiisuurraan kan hafe qabatamaan harkasaanii hin geenye.

Jiraataan Aanaa Dandii Obbo Baqqalaanis waqtiin ammaa yeroo baaqelaa fi qamadii akkasumas xaafii itti facaasan ta’uu himanii ''garuu sababa hanqina xaa’oon hojiin qonnaa gufateera,'' jedhan.

''Xaa’oon hin jiru. Isheedhumti akka carraa argamtuyyuu kuntaalli birrii 8500. Oomishi hunduu ammoo xaa’oo barbaada.''

Qonnaan bulaa Obbo Alamuu Nuurasaa, laftisaanii xaa’oo bareera waan ta’eef ''taa’anii eeggachuu malee falli biraa hin jiru'' jedhan.

''Xaa’oo malee lafti midhaan gosa kamuu ol hin deebisu. Sanuu xaa’oo hedduu barbaada,'' jedhan.

Naannawa qonnaan bulaa Alamuun jiranitti midhaan akka xaafii, boqqolloo, ataraafi baaqelaa, oomishaman baadiyyaa sanarra darbanii jiraattota magaalaa sooru.

''Osoo xaa’oon akka hin jirre beeknee silaa wanti lafa qonnee qopheessuuf dhamaanuufuu hin jiru,'' kan jedhan Obbo Alamuun, ''xaa’oon kun nuuf hin dhihaatu taanaan egereef wanti eeggannu hin jiru waan ta’eef yaaddoo beelaa qabna,'' jechuun yaaddoo keessa jiraachuu ibsan.

Gabaa gurraacha (black market) xaa’oo?

Qonnaan bultoonni dubbisne xaa’oon walqabatee rakkoo gosa lamaan gidirfamaa jiraachuu dubbatan.

Akkasaan jedhanitti, akka kanaan duraa karaa waldaalee (yuuniyenootaa) maayibaasii isaaniitiin xaa’oo argachuu dhabuun rakkoo tokko, ammoo xaa’oo harka daldaltootaatii maallaqa guddaadhaan yoo bitatanis rakkoo biraadha.

Qonnaan bulaan aanaa Gindabarat irraa dubbisne kan biraa ammoo, ''Xaa’oon mureen tokko birrii 6,000, kuntaalli tokko ammoo birrii 12,000n bitamaa jira.

''Qonnaan bultoonni dhokatanii maallaqa guddaa kanaan bitatu. Yoo osoo kanaan bitanii qabaman ni adabamu waan ta’eef dhoksaan bitu,'' jechuun rakkoo hamtuu keessa jiraachuu himan.

Qonnaan bulaan Aanaa Tokkee Kuttaayee Obbo Alamuu Nuurasaas, namoonni muraasni dhoksaadhaan xaa’oo bitatan jiraachuu himan.

''Kanneen kanaan dura yaaddoon kun jiraachuu dursanii hubatan yeroo bonaa namoota beekanitti siquun xaa’oo fudhatanii turan. Isaan kunneen amma sanyii gadi baasanii facaasuu jiru. Namni hedduun garuu akkanumaan taa’aa jira,'' jedhan.

Qonnaan bulaan kun namoonni dhoksaan xaa’oo argatan haala kamii fi eenyurraa akka argatan ibsuu baatanis, xaa’oon karaa Yuuniyenii (Maayibaasii) ta’uun hafee harka daldaltootaa galuun rakkoo kana walxaxaa taasisuu amanu.

''Xaa’oo kan gurguran naggaadota. Muree tokko (walakkaa kuntaalaa) birrii 4,000 hanga 5,000tti gurguru,'' jedhan.

''Kanaan dura qabiyyee lafa keenyaarratti hundaa’uun erga dhiheessinee booda xaa'oo nu barbaachisu akkaataa maayibaasii keenyaan arganna. Amma adeemsi isaas namaaf hin galu. Bitaa nutti galeera,'' jedhu.

Akka qonnaan bulaan aanaa Gindabarat jedhanitti marsaa kanaan duraa wayita midhaan akka boqqolloo, dinnicha facaasan xaa’oo argatanii turan.

''Amma rakkoon ni heddummaate. Daandiin Gincii irraa kaasee Shukutee keessa ba’ee Gindabarat fidu rakkoo waan godhateef akka fedhanitti xaa’oo fiduun hin danda’amne. Ammoo dhiheessiidhumti xaa’ooyyuu akka duraanii miti. Xaa’oon harka daldaltootaa malee harka yuuniyenii hin jiru.''

Qonnaan bulaan ooyiruusaa dirqama qotuu waan qabuuf humna qabuu fi carraa argate hunda fayyadamee xaa’oo barbaadee bitata kan jedhan qonnaan bulaan kun, ''waliin qabamnaan ammoo maaliif gatii kanaan bitte jedhamnee adabamna,'' jedhan.

Qonnaan bulaan Aanaa Dandii Obbo Baqqalaan erga callaa guddistuuwwan akka xaa’oo fi sanyii filatamaa fayyadamuu eegalanii waggoota lakkoofsisaniiru.

Keessattuu akkuma lafti xaa‘oo hedduu gaafataa deemuun hanqinni xaa’oo hammaachaa deemuun qonnaan bulaa akkasaaniif qormaata guddaa ta’uu himan.

''Duraan wayita karaa yuuniyenii dhiyeessan rakkoon xaa’oo hin turre. Yeroo keessa gatiin dabalaa dhufe. Booddana kanammoo daldala seeraan alaatu xaa’oo keessa seenee laaqe. Daldaltoonni, qaamolee xaa’oo dhiheessan gandaa hanga godinaa jiran waliin ta’uun daldala xaa’ootti gadi taa’an. Kun yeroon hin furamu taanaan jiruun qonnaan bulaa ni diigama, biyyas rakkoo keessa buusa,'' jedhan.

Obbo Baqqalaan xaa’oon dhufee kuusaa (magaazina) galuu quba qabaachuu himanii, garuu akkamii fi maaliif baasanii akka gurguran gaaffii itti ta’uu dubbatu.

''Xaa'oon hinuma dhufa. Garuu galgala gale yoo jedhan ganama hin argamu. Harka naggaadeetti argina,'' jedhan.

Qonnaan bulaan kun akka jedhanitti gatiin xaa’oo kuntaala tokkoo birrii 3700 ta’ee osoo jiruu, daldaltoonni dachaa oliin dabaluun birrii 8,000 oliin gurguru.

''Warri daldaltootaa warra yuuniyenii, warra aanga’oota gandaa fi aanaa waliin quba walqabu. Xaa’oon akka dhufeen harkumasaanii gala. Harkuma abbaa qabeenya gale madaabaraan,‘‘ jedhan.

''Osoo xaa'oo eegnuu facaasaan nu darbaa jira''

Qonnaa bulaan aanaa Dandii Obbo Baqqalaan qonnaan bultoota kaan waliin ta’uun iyyatanis furmaata hin arganne jedhan.

''Lafti xaa’oo malee dideera. Xaa’oon hin jiru taanaan oomishi hin jiru. Qonnaan bulaan waanuma godhu wallaalee akkanumaan facaasaa jira.''

Akkasaan jedhanitti silaa xaa’oon Caamsaa keessa raabsamee, Adoolessa keessa ooyiruun qotamuu qaba, ''amma garuu sababa xaa’oon hin dhihaanneef midhaan kanaan dura faca’uu qabu hin facaane,'' jedhan.

''Kanaan dura boqqolloon faca‘uu qaba ture, nu biraa namni xaa’oo argatee boqqolloo facaase hin jiru. Amma yeroon kan qamadii fi xaafiiti. Kunis yeroonsaa darbaa jira. Haala kanaan bara dhufu beela malee maaltu nu eeggata?'' jechuun yaaddoo guddaa keessa jiraachuu himan.

Qonnaan bulaan aanaa Gindabarat Obbo Amansiisaa Aangos wayita iyyatanis ''Ni dhufa! Obsaan eeggadhaa! jechuu malee wayita dhufu hin arginu. Osoo qara ilaalluu yeroon oomishaa darbaa jira,'' jedhan.

''Amma xaafii, qamadii, baaqilaa waan ittiin facaasnu hin qabnu. Facaasuun kun dabarraan egereen keenya yaaddoodha,'' jedhan qonnaan bulaan kun.

Mootummaan sababa rakkoo biyya keessaa fi akka addunyaatti mudateen hanqinni xaa’oo mudachuu ibsuun, qonnaan bultoonni xaa’oo mala aadaan qopheeffachuun rakkoo mudateef qaama furmaataa ta’uu qabu jechuun gorsa.

Obbo Alamuu Nuurasaa ''qonnaan bulaanis laftis xaa’oo ammayyaa kana bareera, har’a kaanee gara xaa’oo aadaa (kompostii) deebi’uun ulfaataadha. Yoo qopheeffachuu ta'es muraasi hin ga'u,’’ jedhan.

Akka qonnaan bulaan kun jedhanitti xaa’oon dhihaachuu kan qabu Bitootessa keessa yeroo boqqolloon, dinnichi faca’u ta’uu qaba ture.

''Yeroon kun kan qamadii, garbuu, baaqelaan itti faca’uu qabuudha. Isa booda kan xaafii facaasuuf qophoofnuudha. Kun hunduu nu jala darbaa jira,'' jedhan.

Qonnaan bulaa Amansiisaa Aangos akkaataa gorsa ogeeyyii qonnaatiin xaa’oo mala aadaan qophaa’u (kompostii) qopheeffachuun qonnaan bulaa hedduun bu’a qabeessa ta’eera jedhan.

''Garuu yeroo ammaa lafti xaa’oo hedduu barbaada. Kompostii muraasi hin ga’u. Xaa’oon jiraachuu qaba. Kompostii qopheessuuf loon sirriitti jiraachuu qabu. Rakkoon gama hundaan jira.''

Mootummaan dhimma xaa'oo maal jedha?

Biiroon Qonnaa Oromiyaa bara oomishaa darbe sababa weera koronaavaayirasii, waraana Yukireen, waraana kaaba Itoophiyaa fi hir'ina sharafa alaan gatiin xaa'oo harka 300n dabaluu ibsee ture.

Rakkoon kun bara oomishaa kanas hammaatee, inumaa alanammoo gatiin xaa'oo akkaan dabaluurra darbee dhiheessiinuu dhibuu qonnaan bultoonni himataa jiru.

Yaa'ii idilee paarlaamaa Kamisa Adoolessa 6, 2023 taa'amerrattis rakkoon dhiheessii fi raabsaa xaa'oon walqabatu oomisha qonnaarratti gufuu ta'aa jiraachuun ka'eera.

Qonnaan bultoonni dubbisnes rakkooma walfakkaataa himachuun hojiin qonnaasaanii gufachuu kan himatan yoo ta'u, Ministirri Muummee Abiy Ahmad garuu, inumaa bara oomishaa kana lafa hektaara miiliyoona lama dabalataan ni qonna jedhan.

Kanaanis seenaa keessatti yeroo jalqabaaf Itoophiyaa keessatti lafti hektaara miiliyoona 15 ni qotamuu danda'eera jedhan.

Bara kana bittaa xaa'oof mootummaan birrii biiliyeena 21 deeggarsa gochuu kan himan MM Abiy, kanaanis xaa'oon kuntaala miiliyeena 15.9 bitamuu ibsan.

Xaa'oon uumamaa (kompostiin) kiyuubik meetirii miiliyoona 178 qophaa'uus eeran.

MM Abiy Itoophiyaan xaa’oofi qamadii gara caalu Raashiyaafi Yukireen irraa akka bitttu himuun, ''lola achi jirurraa kan kahe salphumatti LC bananii qamadii fi xaa’oo bituun biyyoota hedduuf rakkoodha.

Seektara kanatti wal saamichatu jira. Sababa sirni gabaa jeeqameef, LCn hamma taheen harkifateera,'' jechuun kun madda rakkoo ta’uu himan.

''Akkuma beektan nuti xaa’oo hin oomishnu, binneetu galchina. Haasawa gabaa wajjin taasisneen rakkoon mudateera. Rakkoo kana hiiknee kontiraata raawwanneerra. Bittaannis gaggeeffamee fe’amaa jira. Harkifannaan muraasnis yoo jiraateyyuu ni qaqqaba jedhamee abdatama,'' jedhan.

Akka MM Abiy jedhanitti imbaasiin Itoophiyaa Jibuutii jiru, Ministeerri Dhimma alaa fi Ministeerri Qonnaa dhimma kanarratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiru.

''Haalli kun otoo jiruu bakka gariitti ammoo, aanaaleefi gandoonni ‘kuntaalli 100,000 ykn 50,000 yoo na harka gahe malee hin raabsu’ jechuun, mankuusaa keessa kaahan jiraachuu odeeffannoo arganneerra – kun sirrii miti,'' jedhan.

''Xaa’oo argame qonnaan bulaaf dhiyeessaa, jala jalaan akka seenu gochuu; kompoostii babal’isuu; nooraa gargaaramuun, biyyee asiidummaa qaban fooyyeessuutu nurraa eegama. Malee mootummaan Itoophiyaa xaa’oo oomishee of biratti qabatee akka taahetti ilaaluu hin qabnu. Yoo gabaan nuuf dhiyeessedha, kan binnu.''

Itoophiyaan xaa'oo sharafa alaan biyya alaarraa galchitu hanga tokko hir'isuuf biyya keessatti warshaa xaa'oo hundeessuuf akka jirtu himamaa ture.

Warshaan xaa'oo rakkoo xaa'oon walqabatuuf furmaata waaraa fida jedhamee abdatame amma sadarkaa irra jiru kan gaafataman MM Abiy, gaaffii kanaaf kallattiin deebii kennuu baatanis, ''warshaan nooraa asiidummaa biyyee hir'isu'' garuu hojii eegaluu ibsaniiru.

Lafa qonnaa asiidiin miidhaman hektaara miiliyeena torba fayyisuuf warshaaleen nooraa shan banamuu ibsan.

Qonni diinagdee waliigalaa Itoophiyaa keessaa harka 30 qooddata kan jedhan MM Abiy, dameen kun bara oomishaa kana dhibbeentaa 6.3n akka guddatuu fi guddina kanaafis oomishi midhaan nyaataa kanneen akka qamadii, boqoolloo, ruuzii fi kkf akka gumaache ibsan.