Balaa xiyyaaraa Boeng 737 Max maatii isaanii kan dhaban Waajjira Haqaa UStti komii isaanii dhageesisan

Madda suuraa, Reuters
Balaa xiyyaaraa Boeing 737 Max 2 daandii xiyyaara Itiyoophiyaa fi Indooneezhiyaa irratti mudateen namootni maatii isanii dhaban waliigaltee Waajjira haqaa US fi Dhaabbata Boeing giddutti waliigalame irratti komii qaban ibsan.
Bara 2021 maatiin miidhamtootaa waliigaltee dhaabbata xiyyaara Boeing oomishu waliin taasifame mormuun Ministeera Haqaa Ameerikaa irraa ibsa gaafachuu isaanii dhaabbati oduu Rooyitars gabaaseera.
Sababa rakkoo teeknikaa xiyyaara Boeing 737 Max daandiiwwan qilleensaa Indooneezhiyaa fi Itiyoophiyaa irratti mudateen lubbuun namoota dhibbaan lakkaa'aman darbuun ni yaadatama.
Maatiin namoota balaawwan kanaan du'anii Boeing mana murtiitti himachaa turaniiru. Boeing miidhaa qaqqabeef beenyaa kaffaluufis walii galeera.
Namoonni balaa lamaan kanaan maatii isaanii dhaban waliigaltee Waajjira Haqaa US fi Boeing gidduutti taasifameef ibsi akka kennamu gaafachaa jiru, kunis dhaabbanni oomisha xiyyaarichaa ''himannaa yakkaa malee akka miliqu'' taasiseera jedha gabaasni kun.
Murtii ji'a darbe Teeksaas keessatti kennaniin, abbaan murtii Ameerikaa Riid O'Konor balaa xiyyaara 737 Max 2 kanaan miidhaman ''miidhamtoota yakka raawwateeti’' jedheera. Abbaan murtiis beenyaan akkamii akka kennamu ni murteessu jedhan.
Balaan bara 2018 fi 2019 Indooneezhiyaa fi Itiyoophiyaa keessatti mudateen Boeing baasii Doolaara biiliyoona 20 kan baasuun garasittis xiyyaarri 737 MAX ji'oota 20f akka ugguramu taasiseera.
Balaa lamaan kana booda Kongireessiin Ameerikaa seera haaromsa hayyama xiyyaaraa raggaasiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maatiin miidhamtootaa mootummaan Ameerikaa nu haaleera, icciitiidhaan mirga keenya nurraa mulqeera jechuun abbaa seeraa Okneelitti himataniiru.
Balaa xiyyaara 737 Max Itoophiyaa fi Indooneezhiyaa keessatti mudatee lubbuu namoota 346 galaafate irratti Boeing adabbii maallaqaa doolaara biiliyoona 2.5 kaffaluuf walii galuun isaa ni yaadatama.
Boeing odeeffannoo waa’ee dizaayinii xiyyaara 737 Max ogeeyyii nageenyaa fi to’annoo Ameerikaa jalaa dhokseera jedhamuun ture adabbiicha kaffaluuf kan waliigale.
Yeroo sanatti Ministeerri Haqaa Ameerikaa dhaabbatichi ''iftoomina caalaa bu'aa isaa durse'' jedhame.
Akkasumas yeroo sanatti maallaqa Boeing kaffaluuf walii gale keessaa doolaarri miiliyoona 500 namoota balaa xiyyaarichaatiin maatii isaanii dhabaniif akka kaffalamu ibsamee ture.
Kanaan dura maatiin namoota balaa xiyyaara Boeing 737 Max mudateen lubbuu isaanii dhabanii mootummaa Ameerikaa irratti himannaa seeraa dhiyeessan.
Maatiin namoota du'anii US waliigaltee Boeing himannaa yakkaa irraa bilisa taasisuu dhoksaan qopheessite jechuun himataniiru.

Madda suuraa, Reuters
Balaa kanaan ilma ishee ganna 24 kan dhabde Naadiyaa Milroon, ''Ministeerri Haqaa Ameerikaa waliigaltee dhoksaa fi seeraan alaa Boeing waliin qabachuun isaa waan nama gaddisiisudha'' jetteetti. ''Kun sagalee miidhamtootaa kan ukkaamsu yoo ta'u, Boeing itti gaafatamummaa jalaa akka bahu taasisa,'' jechuun Rooyitarsiif himteetti.
Dhaabbanni Boengi fi Ministeerri Haqa erga Booyiing adabbii doolaara biiliyoona 2.5 kaffaluuf walii galee booda dhimmi kun irra deebiin ka’uu isaa mormaniiru.
Adabbii doolaara biiliyoona 2.5 keessaa Doolaarri miiliyoonni 500 miidhamtootaaf, doolaarri miiliyoonni 243.6 adabbii maallaqaan kan kaffalamu yoo ta’u, doolaarri biiliyoona 1.7 ammoo daandiiwwan qilleensaaf kan kaffalamu ta’a.
Ministeerri Haqaa waliigaltee kana duubatti deebisuu akka hin qabne ibsuun, "Murteen kun yoo duubatti deebi'e miidhamtoota beenyaan kenname dabalatee namoota dhimmi ilaallatu irratti dhiibbaa qaba" jedhan.
Ministeerri Haqaa itti dabaluudhaan waliigalteen kun yoo kabajame Boeing jijjiirama imaammata nageenyaa akka godhu dirqisiisuu akka danda’u ibseera.
Haa ta'u malee Biiroon Haqaa gaaffii maatii miidhamtootaa akka hin daganne beeksiseera.
Boeing gama isaatiin himata kana deebisee banuuf tattaaffii taasifamaa jiru akka mormu mana murtiitti himeera.
Boeing adeemsa kana ''kan hin eegamne, haqa kan hin qabnee fi kan hin milkoofne'' jechuun ibsuun, ''qaamni qoratame mootummaa waliin erga mari'atee booda dhimmicha cufuuf mirga qaba'' jedheera.
Waliigaltichi waggoota lamaaf hojiirra oolaa akka jiru dhaabbatichi ibseera.
Balaa gaddisiisaa xiyyaarota lamaan mudate hordofuun xiyyaarri ammayyaa Boeng 737 Maaksii 2 yeroo dheeraaf balali'uu irraa fagaatee ture, sirreeffama fi sakatta'iinsa barbaachisaa ta'een booda, Daandii Qilleensaa Itoophiyaa dabalatee daandiiwwan qilleensaa addunyaa hedduun akka beeksisanitti xiyyaarichi tajaajilaaf deebi'eera.












