Boeing maatiiwwan miidhamtoota balaa xiyyaara Itoophiyaa waliin waliigalteerra gahe

Poolisootaafi namoota bakka itti xiyyaarri Itoophiyaa kufetti

Madda suuraa, Reuters

Dhaabbanni Boeing maatiiwwan balaa xiyyaataa Itoophiyaa Boeing 737 Max bara 2019’tti lubbuu namoota 157 galaafate waliin waligalteerra ga’eera.

Kampaaniin xiyyaara omishu kun du’a namoota kanaaf itti gaafatamaa ta’uu isaa akka amane ragaaleen mana murti Chikaagoorraa argame ni ibsa.

Abukaatootni maatiwwan namoota miidhamanii, Boeing ammayyuu wanta uumameef “guutummatti itti gaafatamaa” ta’uu isaa ni fudhata jechuun waliigaltee kana akka tarkaanfii ijootti simataniiru.

Waligalteen kun maatiiwwan US ala jiran, biyyoota akka Itoophiyaafi Keeniyaa jiran, karaa manneen murtii USn akka beenyaa argataniif karaa bana.

Beenyaan kun mana murtii biyyaa isaaniitti gaggeeffamuurra, USttii gaggeeffamuun isaa bu’aa qabeessadha. Sababiin isaas yoo biyyaa isaaniitti gaggeeffame haalli isaa cimaa ta’uufi maallaqi beenyaaf kaffalamus baayyee xiqqaachuu danda’a.

UK irraa Mark Peegram, kan ilmi isaa Sam balaa kanaan lubbuun isaa darbe, “Nuuf waanti guddaan Boeing balleessaa kanaaf Daandii Qilleessaa Itoophiyaa ykn paayileetota himachuu dhiisee balleesicha amanuu isaadha… akka isaan harka kennatan barbaadne,” jedha.

Suura namoota balaa xiyyaara Itoophiyaatiin lubbuu dhaban

Madda suuraa, THE WASHINGTON POST / GETTY IMAGES

Harmeen Saam, Debiin, akka BBC’tti himtetti : “Beenyaa nuuf kaffalamuun nuti maqaa Saamiin gargaarsaaf gumaachuudha. Kun wanta nuti gochuu barbaannuufi wanta Saam akka nuti goonuuf barbaadudha,” jetteetti.

Yeroo balaan kun uumametti, xiyyaarri Boeing 737 Max , xiyyaaraa Boeing baayyee gurguramaa turedha.

Ta’us garuu ji’oota shan keessatti balaan hamaa lama – balaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa fi kan Lion Air Jet Indooneeshiyaa- uumamuun isaa xiyyaarichi rakkoo cimaa akka qabu agarsiiseera.

Xiyyaarri kunneen, hanga qorannoon geggeeffamutti ji’oota 20f balalii irraa dhorkamanii turan. Ta’us garuu erga dhaabbatichi sooftiweerii isaa irratti jijjiirama guddaa uumeefi leenjii dabalataa kennee booda xiyyaarotni kun balalii deebi’anii eegalaniiru.

Waligalteen Chikaagoo, Ilenooy, bakka wajjirri muummee Boeing jirutti gaggeefame kun, karaa itti kaffaltiin beenyaa ittiin gaggeefamu bana.

Waliigaltichi sadarkaa beenyaa maatilee miidhamtootaaf keennamu addatti ibsuu baatuus, hanga isaa fi adeemsoota gara fulduraa irratti daangaa ni kaa’a.

Oggeessotni seeraa, waligalteen kun carraa hoggantoonni ammaa ykn duranii mana murtiitti dhiyaachuu isaanii ni hir’isa jedhu.

“Boeing maatiileen namoota balaa kanaan lubbuu isaanii dhabanii akka beenyaa sirrii fi madaalawaa ta’e argatan goochuuf kutateera,” jechuun dhabbatichi ibsa baaseen eerera.

“Itti gaafatamummaa fudhachuun, waligalteen Boeing maatilee waliin taasise qaamoleen hundi xiyyeeffannoo isaanii maatilee hundaaf beenyaa sirrii ta’e adda baasuu irratti akka taasisaniif gargaara.”

Abukaatooonii maatilee ibsa baasaniin, waliigaltee kanaan, Boeing “xiyyaarri 737Max rakkoolee miidhaa uuman qabaachuu isaa amanee, balaa uumameef qaamolee biro kamuu himachuuf yaalii akka hin taasisne,” waliigaleera jedhan.

“Kun maatilee Boeing irratti akka haqi gaggeeffamu barbaadaniif waan guddaadha, sababiin isaa seeraa Ilenooy jalatti hundi isaanii wal qixxummaan akka ilaalamanii fi beenyaa sirrii argatan taasisuun, kanumaan ammoo waliigaltee ykn dhaddachaanis haata’u waligaltee xumuraa irra akka ga’an taasisa,” jechuun abukaatoonni ibsaniiru.

Amajjii keessa, Boeing Waajjira Haqaa US waliin walii galtee taasiseen, addabbii maallaqaa doolara biiliyoona 2.5 fi balaa xiyyaara 737 Max kamiinuu uumameen beenyaa kafffaluuf walii galeera.

Odeeffannoo walfakkaatan: