Dargaggeessa Gaazaa erga lolli Israa'el-Hamaas jalqabee tola-ooltummaaf hospitaalatti gale

Ibsa waa'ee viidiyoo,

Maahmud Imaad jedhama, Kaan Yunis keessatti hojii tola ooltummaan uummata isaa hanga danda'u gargaaruuf murteesseera.

Hamaas Onkololeessaan 7 irratti daangaa Israa'eel seenuun halleellaa gaggeesse as, Israa'eel torban tokkoo oliif halleellaa qilleensaan Gazaa tumteetti.

Sababa kanaan lammilee Filisxeem kumaataman lakka'aman qe'ee isaaniirra buqqa'anii gara kibba Gaazaatti baqachaa jiru.

Maahmuud namoota kunneen gargaaruuf murteesse.