Piriimer Liigiin torban kana Niwukasil V Arsenaal, Tootenhaam V Chelsii walitti fidu tilmaamameera

Taphataa Niwukasil (bitaan), taphataa arsenaal (mirgaan)

Madda suuraa, Getty Images

Taphoota Piriimer Liigii Ingliiz torban kana keessa eegaman keessaa Niwukasil V Arsenaal fi Tootenhaam V Chelsii waliin taphataniidha.

Roobii darbe tapha mo’anii darbu waancaa Karabaa’oo gaggeeffameen Arsenaal West Haamiin mo’ameera; Niwukasil ammoo maanchester Yunaayitidiin mo’achuun dorgomicha ala taasisaniiru.

Tapha waancaa Karabaa’oo kanarraatti garee mo’ame (Arsenal) fi garee mo’ate (Niwukasil) Sanbata waaree booda 11:30 irratti ammoo tapha Piriimer Liigiin waliif bahu.

Arsenaal Piriimer Liigiirratti haala gaariirra jira. Taphoota 10 darban keessaa sadii walqixa bahee torba mo’ateera.

Leenjisaan garee Arsenaal Mikeel Arteettaanis leenjisaa cimaa ji’a kanaa keessatti kaadhimameera.

Taphataan sarara gidduu Dekilaan Raayis ammoo taphataa cimaa ji’a kanaa keessatti kaadhimameera.

Taphoota 10 taphatan keessaa saddet mo'atee, lama walqixa bahuun qabxii 26 sassaabachuun Piriimer Liigii dursaa kan jiru Tooten haam ammoo Chelsii waliin Wixata taphata.

Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suuton eenyu akka goolii meeqan mo'atu tilmaameera.

SAMBATA SADAASA 4

Fuulham v Man Yunaayitid (12:30)

Hasxaa Fuulhaam fi Maanchester Yunaayitid

Maanchester Yunaayitid bara kana keessa taphoota 15 taphatan keessaa saddet mo'amaniiru. Tapha Sambata Fuulhaam waliin qabaniin deebiyee dandamachuu danda'aa? Roobii darbe tapha Karabaa'oo irratti Maanchester Yunaayitid qe'ee ofiisaa Oold Tiraafoordirratti Niwukasiliin 3-0n mo'amee dorgommicha keessaa baheera.

Leenjisaan garee kanaa Erik Ten Haag kilabi kun "sadarkaa gadheerra jira" , garuu ammas taanaan kufaa deemuu garee kanaa namni dhaabuu danda'u isa akka ta'e amana.

Eriik Ten Haag natti tola kan jedhu Kiriis Suutan, leenjisaan kun bara dorgommii darbe waan gaarii agarsiisuu isaa yaadata. Haata'u malee, leenjisaan kun bara kana dhiibbaa keessa jira.

Fuulham ammoo dandeettii bara darbe agarsiisaa turan amma agarsiisaa hin jiran kan jedhu Suutan, keessumaa taphattoonni sarara duraa sodaachisoo miti jedha.

Tilmaamma Suuton: 1 - 1

Bireentifoord V West Haam

Yeroo hunda West Haam walitti aansuun yeroo mo'amu laanjisaan isaanii Daavid Mooyes nama sirrii miti oduun jedhamu ni dhaga'ama. Oduu kana anaaf hin ta'u jedha Suutan.

Bireentifoord taphoota torba darban keessaa afur mo'amanillee amma sadarkaa gaariirra jiru jedha Suutan.

Bireentifoord torban darbe gara Istaamfoord Biriij deemee Chelsii mo'atee gale.

Suutan tapha kana walqixaan xumurama jedhee tilmaamuuf yaadeen garuu Bireentifoord akka migaan galu nan amana jedha.

Tilmaaa Suuton: 2 - 0

Barnilee V Kiristaal Palaas

Warri Barnilee taphoota shan dirree ofiirratti taphatan hunda mo'amaniiru. Amma walqixa bahuun bu'aa gaariidha.

Kiristaal Palaas ammoo taphhota 10 darban keessaa goolii saddet qofa lakkoofsisan.

Tapha kanarratti gamaafi gamanaa gooliin kan irratti lakkoofsifamu miti.

Tilmaama Suuton: 1-1

Everten V Biraayitan

Hasxaa Everten fi Biraayitan

Dorgommii bara darbe yeroo Everten istaadiyeemii Ameksitti Biraayitaniin 5-1n mo'atu achin ture kan jedhu Suuton, Biraayitaniin mo'achuudhaaf tooftaan guddaan deebisanii jifachuudha jedha.

Warri Evertan bara kana dirreesaaniirratti rikkardiin qaban dadhabaa ta'us erga dhiyoo as garuu dadammaqaa jiru.

Tilmaama Suton:2 - 1

Maanchester Siitii V Bornimaawoz

Warri Bornimaawoz leejisaa haaraa argatanii torban darbe milkaa'niiru garuu ammallee waan baayyeetu isaan hafa.

Maanchester Siitiin taphoota 21 dirree ofiirratti taasisan hunda mo'ataniiru. Rikkardiin kun qoraata hangamiitu akka Bornimaawoz akka eeggatu agarsiiftuudha.

Peep Gaardiyoolaa akkaataa taphattoota itti hiriirsan jijjiiranii galuu danda'u jedha Suuton.

Akka barbaadetti hiriirsus, abbaa fedha galchee abbaa fedhe dhiisus Maan Siitiin goolii baayyeetiin mo'ata jedheera xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Suton.

Tilmaama Suuton:4 - 0

Shefiild Yunaayitid V Wolviiz

Taphoota 10 jalqabaa kana taphatan keessaa qabxii tokko qofa qabaachuun Shefiild Yunaayitid seenaa Piriimer Liigii keessatti kilaba qabxii gadi aanaa ta'e qabu jedhamuu danda'a.

yeroo jalqabaatiif qabxii sadii argachuudhaaf hawwii kan qaban Shefiildonni, torban kana keessa ciminasaaniitti deebiyaa kan jiran Wolviz waliin taphata.

Tilmaama Suuton: 0 - 1

Niwukasil V Arsenaal

Hasxaa Niwukasiliifi Arsenaal

Niwukasil Roobii darbe gara dirree maanchester Yunaayitid deemee tapha Karabaa'ootiin mo'atee Maan Yunaayitidiin dorgomicha keessaa baasee deebiye.

Arsenaal garuu gara West Haam deemee mo'amee deebiye. Arteettaan hanga 3-0n mo'amutti taphattoota ciccimoo akka Saakaa, Maartineeliifi Odegaardiin osoo hin galchiin turuun isaa na ajaa'ibeera jedha Suuton.

Mo'achuu barbaadee jennaan maaliif taphattota ciccimoo jalqabumarraan hin galchine jedha Suuton. Yeroo caalamaa jirutti 1-0 irra wayita jiran jijjiiruun osoo jiruu hanga 3-0 gahanitti maaliif eega? jechuun gaafata.

Tapha Niwukasiliifi Arsenaal kanaan goolii baayyee hin eegnu kan jedhu Suuton, Arsenaal garuu ni mo'ata jechuun tilmaameera.

Tilmaama Suuton: 0 - 2

DILABATA SADAASA 5

Notingihaam Forest V Aston Viilaa

Hasxaa Notingihaam Forest fi Aston Viilaa

Notingihaam Forest dirree ofiisaaniirratti yeroo taphatan ni cimu kan jedhu Suuton, Aston Viilaan garuu cimina amma irra jiraniin garee kamiyyu mo'achuudhaaf duubatti hin deebiyan yaada jedhu qaba.gareen unaayee emirii kun tapha ajaa'ibaa agarsiisaa jiraachuun isaanii ofitti amanamummaa isaanii cimseeraaf.

Forest taphoota ja'an darbaniin hin mo'anne, garuu ja'a keessaa afur walqixaan xumuran.

Tilmaama Suuton: 0 - 2

Luuton V Liiverpuul

Warri Luuton dirree ofiisaaniirratti gooliin baayyeen itti hin galu jedhama. Haata'u malee, kun anaan hin amansiisu kan jedhu Suuton, tapha Tootenhaam yaadachuun daqiiqaa 15 jalqabaattti gaaliin galuu danda'a jechuun dubbata.

Kilaboota bara kana keessa Piriimer Liigiitti makaman keessaa Luuton Tawon gahumsa gaarii agarsiisaa jira.

Ta'us garuu dhiibbaa Liiverpuul dura dhaabbachuu danda'a tilmaama jedhu hin qabu jedha Suuton.

Tilmaama Suuton: 0 - 3

Tootenhaam V chelsii

hasxaa tootenhaam fi Chelsii

Tootenhaam tapha kana ni mo'ata jedhee yaadus wanti tokko garuu na 'kinikkina' jedha Suuton. Taphni kun akkamitti akka xumuramu waraqaarratti tilmaamuuf baayyee salphaadha. Ispars Liigicha dursaa jira. Chelsiin ammoo bu'ee bahaa jira.

Haata'u malee, leenjisaan Chelsii Pochetiinoon, erga bara 2019 ari'amanii booda yeroo jalqabaatiif gara Landan kaabaatti deebiyu.

Kanas ta'ee sana, cimina amma qabanirratti hundaa'uudhaan Tootenhaam tapha kana ni mo'ata jedhu Suuton.

Tilmaama Suuton: 2 - 0