Bulchiinsi yeroo Naannoo Tigraay iddoowwan wal falmisiisoorratti rifarandamii gaggeessuf ''waliigalame'' kan jedhu kuffiise

Bulchiinsi yeroo Naannoo Tigraay iddoowan wal falmisiisoo tahanii fi Naannoo Amaaraa waliin irratti wal dhaban ilaalchisee rifarandamii gaggeessuuf waliigaleera dubbii jedhu kuffiise.

Bulchiinsi yeroo Naannoo Tigraay iddoowan naannoo Amaaraa waliin irratti wal dhabaniif furmaata waaraa kennuuf ‘’filannoo rifarandamii gaggeessuuf naannoo Amaaraa fi Tigiraay waliin waliigalteerra gahameera’’dubbii jedhu gonkumaa dubbii dogogoraati’’ jedhe.

Bulchiinsi Yeroofii Naannoon Tigiraay deebii kana kan kenne Wiixata 05/02/2024 ibsa gara galgalaa kenneen. Ibsi kun dubbii Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa guyyoota shan dura waa’ee naannichaa ilaalchisee kenneef deebii kennamedha.

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa torban darbe gaafa Kamisaa ibsa baaseen, akkaataa waliigaltee Piriitooriyaatti mootummaan federaalaa deeggarsa baajataa fi kaan naannoo Tigiraayiif taasiseera kan jedhu ibsee ture.

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa iddoowan naannolee lameen [Tigraayii fi Amaaraa] irratti wal dhabaniif furmaata waaraa kennuuf akkaataa heera mootummaan murtee hawaasaa [rifarandamii] gaggeessuf qaamolee dhimmichi isaan ilaallatu naannoo Amaaraa fi Tigiraay waliin waliigalteerra gahamee ture’’ jedhe.

Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaan durfamu garuu ‘’gonkumaa waan dogogoraati’’ jechuun ibsa baase.

Itti dabaluun ibsi mootummaan federaalaa baase kun ‘’waan fudhatama hin qabne’’ jechuun ibse.

Mootummaan federaalaa fi naannoo Tigraay akkaataa waliigaltee Piriitooriyaatti iddoowan naannoo Amaaraa fi Tigraay irratti wal dhaban akkaataa heera mootummaan deebii argata jedhanii ture.

Buqqaatota naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa Tajaajilli Komunikeeshinii mootummaa Federaalaa baases kufaa taasiseera.

Tajaajilli komunikeeshinii buqqatota qe’ee isaaniitti deebisuuf hojii mootummaan hojjete yoo ibsu, ‘’bakkeewan tokko tokkotti buqqatota sirrii tahan qe’ee isaaniitti deebisuuf mootummaan hojjechaa ture’’ jedhe.

Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay ammoo ibsa mootummaa kana ‘’ibsa baay’ee hamaa’’ jechuun ibse.

‘’Buqqaatota sirrii tahanii fi Buqqatota sirrii hin taane’’ jedhanii qooduun rakkoo hiikamu male inumaayyuu kan itti caalchisu waan taheef ibsichi fudhatama hin qabu jedhe.

Bulchiinsi Obbo Getaachoo itti dabaluun, ‘’ibsa akkasii baasuun isaa motummaan federaalaa qaama furmaataa tahuu osoo qabuu qaama rakkoo tahuuun waan fudhatama qabu miti’’ jedhe.

Erga waliigaltee Piriitooriyaa as deeggarsa baajataa fi kaan ilaalchisee kan mootummaan federaalaa naannoo Tigraayiif taasise kan caqase ibsi naannoo Tigiraay kun gabaasni isaa ministira muummeef kan dhiyaatudha jedhe malee deebii gahaa hin kennine.

Godinni Lixa Tigiraayi waggoota 30 oliif erga naannoo Tigiraay jalatti bulaa turee yeroo waraanni naannoo Tigiraay jalqabu naannoon Amaaraa to'achuun bulchiinsa isaa jala galchee ture.

Oomisha saalixaan kan beekamu naannichi Humaraa dabalatee aanoleen godinichaa to'annoo naannoo Amaaraa jala turan.

Kibba tigiraay keessaa Allaamaaxaa fi Koram fa'a dabalatees to'annoo naannoo Amaaraa jala galanii ture.

Wal dhabdee daangaa kana akkaataa heera mootummaan furuuf mootummaan federaalaa fi TPLF waliigaltee Pirootooriyaa irratti waliif mallatteessaniiru.

Hanga ammaa garuu furmaata waaraa osoo hin argatiin jira.