Tapha Arsenaal fi Yunaayitid booda deeggaraan gammachuusaa ibsate rasaasaan ajjeefame

Ajaayiba! yeroo garii dhimma nama hin ilaallanneefis lubbuu gabbaruun jira. Garuu miira abbaati.

Deeggaraan Arsenaal kun miirasaa ibsachuutti lubbuunsaa gaaga'ame.

Tapha Arsenaal fi Maanchistar Yunaayitid Roobii galgala taphatan booda deeggaraan Arsenaal kun miira ho'aa keessa galee osoo gammachuusaa ibsatuu poolisiin Yugaandaa rasaasaan rukute jedhan.

Lammiin Yugaandaa kun kilaba kubbaa miillaa Ingilaandiif kan isarraa fagoo jiruuf lubbuusaa dabarse.

Mo'icha Arsenaal booda deeggartoonni gurmuudhaan walitti ba'uun mana nyaataa magaalaa handhuura Yugaandaa taate Lukaayaa keessatti osoo gammachuu ibsatanii eegdonni bakka sanaa dhukaasa irratti banan.

Bakki balaan kun itti mudate magaalaa guddaa biyyattii Kaampaalaa irraa kiilomeetira 100 fagaata.

Dhukaasa banameen deeggaraan Arsenaal biraanis madaa'eera.

Arsenaal tapha kana goolii 2 fi 0 dhaan kan mo'ate yoo ta'u taateen kunis taphichi wayita xumuramuutti dhihaartu mudate.

Gaazexeessaan miidiyaa biyyattii tokko BBCtti akka himetti qaamni gamoo deeggartoonni keessatti gammachuu ibsataa turan hoogganu wacaa fi jeequmsa tureen waan mufateef eegdonni hidhatan akka gidduu seenanii tasgabbeessan gaafate.

Haata'u malee namuu qaamolee nageenyaa dhagahuu dide. Deeggartoonni Arsenaal miira gammachuu hammeenyatti isaan oofu keessa galan keessaa deebi'uu hin dandeenye.

Kanneen ijaan argan gaazexeessaa BBctti dubbate, Farish Magembe jedhamutti akka himanitti abbaan qabeenyaa gamoo sanaa iyyaa fi jeequmsa deeggartootaa dadhabuun ibsaa balleesse.

Tarkaanfiin kun daran kan isaan mufachiise deeggartoonni, irruma caalaa iyyuu fi jeequu eegalan.

Wayita kanadha kan eegdonni gidduu seenuun dhukaasa hedduu banan.

Dhukaasa banameen namni ajjeefame ga'eessa umrii waggaa 30 Joon Sesenyoongaa akka ta'e barameera.

Inni bakkuma sanatti ajjeefame, deeggaraan Arsenaal kaan Lawuransi Mugejeeraa jedhamu ammoo rasaasaan erga rukutamee booda hospitaalatti wal'aanamaa ture.

Taatee kanaan booda eegdonni fi hoogganaan gamoo sanaa baqatanii jiru, poolisiin garuu isaan hordofaa jira.

Biyya kilaboonni Piriimer Liigii Ingilaand deeggartootaa fi jaallattoota hedduu keessatti qaban Yugaandaatti wayita taphi kilaboota kunneen gidduutti gaggeeffamu walitti bu'uu fi namni miidhamuun waan baratameedha.

Onkoloolessa darbe deeggaraan Arsenaal deeggaraa Maanchistar Yunaayitid waraanee ture.

Bara darbe Amajjii keessa wayita Arsenaal Maanchistar Siitiidhaan mo'amu kaawunsilariin dargaggootaa magaalaa Kaampaalaa keessatti waraanamee ture.

Boodas lubbuunsaa dabarte.

Sana dura, torban tokko dura, ammoo deeggaraan Arsenaal akka badaatti tumamee ajjeefame.