Milkaa'ina Arsenaal, hiree Saalaa, Siitiin mo'ichatti deebi'uufi morkii waancaa Chelsii

Arsenaal morkataasaa Maanchistar Yunaayitid goolii 2 fi 0 dhaan mo'achuun leenjisaa haaraa kilabichaa Ruuban Amoorim harka qullaa galche.

Erga leenjisaan kun erga Piriimer Liigii Ingilaand dhufee amma mo'amuusaati, kanas kan isa dhandhamsiise ijoollee Arteettaati.

Arsenaaliif goolii lameenuu kan galchan taphattoota sarara ittisaa Juuren Tiimber fi Wiiliyaam Saaliibaadha.

Wayita Arsenaal qabxii amansiisaa sadi argatee ba'u, gabatee Piriimer Liigii dursaa kan jiru Liivarpuul ammoo dirree Jeemsi Paarkitti qabxii gate. Kun Arsenaaliif carraa guddaadha.

Haata'u malee goolii hedduun kan mo'ate Chelsiin qabxii 28n Liivarpuulitti aanee lammaffaarratti argama.

Arsenaalis qabxii 28 kan qabu yoo ta'u gooliidhaan caalamuun Chelsiitti aanee sadaffaarratti argama.

Gooliiwwan Arsenaal ittiin Yunaayitid mo'ate kan adda taasisu kubbaa koornaarraa dhiitame haala bareedaan lakkoofsisuu isaanii fi kan lakkoofsisan ammoo taphattoota sarara ittisaa ta'uusaaniiti.

Arsenaal erga erga bara darbee as kubbaa koornaa irraa dhiitame irraa gooliiwwan 22 galcheera. Kilabni Piriimer Liigii kana raawwate hin jiru.

Waggoota dhihoo as raawwii gaariitti deebi'ee kan jiru gareen Mikeel Arteettaa taphoota Intar Miilaan fi Nuwukaasil waliin taphate mo'amuu hordofee muddama keessa galee ture.

Erga dursaan taphattootaa Martin Odegaard miidhamarraa bayyanatee deebi'ee garuu miira waancaaf falmachuutti deebi'aniiru.

Arsenaal tapha 500ffaa Emireet irratti taphate keessaa bara kana yeroo sadaffaaf walitti aansee dirreesaa kanarratti mo'achuusaati.

Sadaasa 11, 2023 gara Yunaayitid leenjisuutti kan dhufe Amoorim Arsenaal waliin taphatanii milkaa'inaan akka hin galle eegee ture.

Leenjisaan lammii Poorchugaal kun hin dogoggorre.

Chelsiin ammoo dorgommii falmannaa waancaaf taasisu akkaan cimseera. Taphattoota colleedhaan dabaalamee garuu milkaa'inarraa fagaachuun kan qeeqamaa ture Chelsiin bara kana raawwii ajaayibaarra jira.

Kaleessa halkan Saawuz Haampitan irraa goolii fi qabxii guurratan. Kun gulantaa Chelsii daran ol kaase.

Gama kaaniin Chaampiyoonaan bara darbee Maanchistar Siitiin bara kana hoonga'eera. Inumaa waggoota dhiyoo as kan ta'ee hin beekne ta'eera- sadarkaa 1-4 keessaa ba'ee ture.

Tphaoota torba osoo hin mo'in turee yeroo jalqabaaf kaleessa mo'ate.

Tapha Nootiingihaam Foorast waliin taphatanii 3 fi 0 dhaan mo'atan irratti ga'een Kevin Deburaayina akkaan faarmeera.

Qabxii dhabuurraa kan ka'e yaadda'uun dhiphina keessa galee kan ture leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaan gammachuudhaan taphaticha akka daa'imasaatti ofitti qabe.

Taphataan kun lafee dugdaa kilabichaa ta'uu gochaan mirkaneesse Peep gaardiyoolaan.

Gama kilaba fiixee Piriimer Liigii ta'e Liivarpuuliif akkasuma utubaadha kan jedhamu Mohammad Saalaan ijoo dubbii ta'eera.

Leenjisaa Arni Siloot taphataan lammii Masrii kun ''yeroo dheeraaf Liivarpuul keessa turuu qaba'' yaada jedhu qaba.

Leenjisichi yaada kana kan kenne erga tapha Liivarpuul fi Niwukaasil goolii 3 walqixa xumurame boodadha.

Tapha kanarratti ga'een Mohaammad Saalaa olaanaa akka ture ibse leenjisichi.

Taphataan umrii waggaa 32 Saalaan kontiraati inni Anfiildi turuuf qabu dhuma bara taphaa kana obba'a.

Taphataa gameessi kun torbee darbe yaada kenneen kilabichi kontiraata biraa dhiheessuufii dhabuusaatti akka mufate ibsee ture.

Siloot akkas jechuun Amazoon Piraayimitti hime: ''Yeroo hunda Mohammad Saalaa yeroo barbaannutti goolii galcha. Yeroo dheeraa akka as turu ni abdanna, ni eegnas. Taphataa addaati, carraa addaa hedduu nuuf uuma.''

Mohammad Saalaa Piriimer Liigii Ingilaand keessatti taphataa kubbaa mijeessuu fi goolii galchuun sadarkaa qabuudha.

Taphattoota gameeyyii kanneen akka Alaan Shiirar, Harii Keen, Waayin Roonii, Andiriiw Kool, Serjiyoo Aguweeroo, Firaank Laampaard fi Teerii Henrii malee kan isa caalaa goolii galchan hin jiran.

Saalaan erga bara 2017 Roomaa irraa gara Liivarpuul seenee taphoota 370 irratti gooliiwwan 325 galcheera.