‘Dorgommiin mirgaan galuu itti fufeera’ – akkamitti akka Odegaard fi Saakaan abdii Arsenaalitti lubbuu horaa jiran

Piriimer Liigii keessatti kilaba tokko keessatti taphattoonni cimndiin kubbaa bareechuufi waliif kennuun milkaa'an hedduudha.

Kilabiin tokko milkaa'uufis taphattoota cimdii akkasii miidhaginna kubbaa miilaa baasanii mul'isa agarsiisuu barbaachisa.

Shiirer fi Suutan, Ruunii fi Ronaaldoo, Vaardii fi Mhaareez, Diroogbaa fi Laampaard, akkasumas Silvaa fi Aguweeroo yaadachuun gaarii ta'a.

Cimdii taphattootaa miilaafi qalbiin waliif galan akkasii goolii lakkoofsisuuf mijeeffamu dorgommii waancaa keessatti gahee guddaa qaba.

Amma Arsenaal keessatti ifatti kan argaa jirru kanadha.

Bara kana Arsenaal waancaaf itti fufee dorgoma taanaan, sababa taphattoota cimdii miidhaginniifi bu'a-qabeessummaan kubbaa maal akka fakkaatu agarsiisaa jiran -Bukaayoo Saakaafi Maartiin Odegaardiifida.

Tapha Piriimer Liigii torban 13ffaa irratti Landan Darbii West Haam waliin taphataniin Arsenaal ciminni daqiiqaa 25 jalqabaa dirree ormaarratti agarsiisan 'ajaa'iba' jedhameera.

Kubbaa guutummaatti to'achuurra darbanii goolii wal walirratti galchuun warra abbaa qe'ee, West Haamitti 'lubbuu itti miyeessanii' ture.

Tapha kanarratti gooliin baayyee boqonnaa dura lakkaa'amunis adda kan ture yoo ta'u, walumaagalatti Arsenaal 5 fi 2n West Haamiin mo'eera.

Kana keessatti jarri lamaan-Saakaa fi Odegaard 'akka sirba muuziqaafi yeedaloon isaa' wal unatee qalbii seenuutti waliif ta'uun Arsenaaliif ta'aniiti.

Jarri lamaan waliif ta'uun bakki itti mul'ate tokko yeroo gaalii lamaffaa lakkofsisanittidha.

Saakaan jalqaba kubbaa gurmuu taphattoota sarara ittisaa West Haam gidduu loosee Odegaard biraan gahee ulluuqee funyaan karra gooliirratti bakka qabate.

Odegaard ammoo kubbaa 'qeenxii' quba miilaan ol fuudhee qoma Saakaarra kaa'e. Innis ofiin hanga gooliitti dhiitutti jedhee qopha'aa miila Tiroosaard irra kaa'e. Liyaandiroo Tiraasaard ammoo goolii lamaffaa lakkofsise.

Jarri kun lamaan yeroo wal dubbisaa socho'aniifi kubbaa waliif dabarsan taphaan ala akka hin taane eeggachuu qofa miti, akkaataafi gara taphattoonni masaanuu itti jiran ija adda ta'een argatu.

Dirree irratti hariiroo isaan qaban baayyee gaariifi kan fakkeenya ta'edha. Hanga adabbii peenaaliitii waliif ooguun dabarsanii waliif kennuuttis gahaniiru.

"Kubbichaaf na gaafate-lakkoofsisuu barbaade," jechuun BBCtti waa'ee Odegaard penaaliitii jalqabaa lakkofsisuu dubbate. "Inni kubbaa hedduu naaf kenneera, kanaaf isaaf deebisuun gaariidha."

Saakaa fi Odegaard Arsenaaliif baayyisanii barbaachisoodha. Isaan akka kanaan itti fufnaan carraa isaan ittiin Liiverpuuliin adamsanii qabuu guddaadha.

Tapha Arsenaal Barnimaazii waliin taphate lamaan isaanii (Saakaafi Odegaard) keessa hin jirre akkam akka fokkisaa ture yaadachuun gahaadha.

Lamaan isaaniiyyu miidhamaan tapha sanarratti hin hirmaanne ture.

"Maartiin Odegaar dhabuun Arsenaaliif miidhaa guddaadha, akkuma Roodirii dhabuun Maanchester Siitiif miidhaa ta'e?"jedhamee kan gaafatame xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan, "Arsenaal akkan ilaalutti baayyeema cimaafi guddataa deeman. Maariin Odegaard deebiyee amma isaan garee addaati," jechuun deebise.

Arsenaaltapha Piriimer Liigii Maartiin Odegaard keessa jiru erga Ebla bara darbeetii hin mo'amne.

Keessumaa ammoo yeroo lachuu waliin hiriiran gahumsi Arsenaal baayyee dabala.

Odegaard Saakaaf dhiyeessa, Saakaan ammoo garichaaf dhiyeessa.

'Gahumsa keenya isa gaariitti deebineerra'

Tokkummaafi cimina taphattoota kanneen lamaan dabalatee Arsenaal ammo miira ofitti amanummaatiin mo'achuutti deebiyeera.

Piriimer Liigiirratti qofa osoo hin taane, Shaampiyiins Liigii Awurooppaa irrattis Ispoorting Lisbaniin dirree isaarratti deemee goolii shan irratti lakkofsisuun deebiyeera.

Arsenaal kanaan dura sarara fuula duraarraan jifataa gahoome goolii lakkofsisuu dhabuutuun rakkata ture. Tibba kana garuu taphoota sadii walitti aansuun taphateen walumaa galatti gaaliiwwan 13 lakkoofsisuu danda'eera.

"Gahumsa gaarii argisiisneerra, goolii baayyees galchineerra," jechuun BBCtti dubbate Saakaan.

"Kubbaa miilaa bareedaa taphataa jirra, kanumaanis itti fufuu barbaadna."

"Amma gahumsa keenya gaarii ta'etti deebineerra."jedhe

Piriimer Liigii keessatti Liiverpuul bara kana hanga ammaatti haala gaariirratti argama. Kanaaf, Arsenaal amma yoo Liiverpul bakki itti raafamu jirate isa eeggatee rukkutee darbuudha.

"Amma Arsenaal gahumsa barbaadamurra jira, kun isaaniif waan gaariidha-dorgommiin mirgaan galuus itti fufeera," jedha Kiriis Saatan.