Gaardiyoolan 'ganama ari'amuu keeti' isa jedhame Anfiilditti hin eegne jedhe

Morkii Liiverpuuliifi Maanchister Siitiif murteessaa ta'eefi Dilbata galgala gaggeefame irratti daqiiqaa 89ffaarratti deeggartootni Liiverpuul faaruu ''ganamaan ari'amuu keeti'' jedhu dhageessisan( "Sacked in the morning, you're getting sacked in the morning).

Morkiii kana Liiverpuul 2-0n injifachuun Siitiirraa qabxii 11n fagaatee liigicha dursuuf hiree argateera.

''Faaruun ganamaan ari'amuu keeti'' jettu ammoo leenjisaa Peep Gaardiyoolaaf jedhamte.

Gaardiyoolaan deeggarsa Liiverpuul isa sagalee olaanaa kanaaf quba isaa jaha irra deddeebiin agarsiisuun dirree keessatti deebii kenneera.

Peep Gaardiyoolaa bara 2016 erga Maanchister Siitii qabatee yeroo jaha Piriimiyeer Liigicha injifateera.

Peep faaruun deeggartoota Liiverpuul kun wayita dirree guutee dhagaahamu harkasaaa kiisa isaa keessaa baasee harka guutuu tokkoofi quba tokko harka biraarraa baasee seeqaa yeroo jaha injifachuusaa agarsiise.

Tapha kana booda yaada sagantaa Sky Sports jedhamuufkenneen ammoo ''Anfiilditti kana hin eegne'' jedhe faaruu sana ilaalchisee gaaffii dhiyaateef yoo deebisu.

''Namoota Liiverpuul irraa kana hin eegneen ture, garuummmoo homaa miti, qaama taphichaati, sirriittan hubadha'' jedhe.

Dabaluunis walii keenya gidduu morkattummaa jabaatu ture. Kabajan isaaniif qaba'' jedhe.

Siitiin Liiverpuuliin injifatamuu booda gabatee liigichaa sadarkaa shanaffaarra taa'eera. Arsenaal Cheelsiifi Biraayitanitti aanee jira. Peep Gaardiyoolaa taphoota waliitti aanan torba irratti morkataasaa injifachuu hanqate. Taphoota liigicha afur walitti aansee injifachuu hanqachuun erga bara 2008 kun kan jalqaaa ta'eera.

Gaardiyoolaan Etihaad erga dhufee injifannoowwan milkeesseen gammachuu kan hore ta'us, seenaa leenjisummaasaa keessatti tapha walitti aanu 7 injifachuu dhabee hin beeku.

Ji'a darbe Etihaad waggoota dabalataa lamaaf turuuf kontiraata haaraa kan mallatteesse Peep, Istaadiyoomii guutuu na ari'uu barbaaduun Sadaasa 9 Biraayitanitti eegale'' jedheera.

''Tarii qabxii galmeessaa jirrurraa kan ka'e isaan sirrii ta'uu malu.''

Waggoota saddeet Siitii ture keessatti Piriimiyeer Liigii jaha, Chaampiyoonsi Liigii tokko, FA kaappii lama, EFL kaappii afur, Kilab waarlid kaappii tokkoofi Supper Kaappii tokko injifateera.

Gabaasaan BBC Radio 5 Joon Muurii tapha kana Anfiilditti argamee daawwachaa ture. Peep deeggartootuma Siitii fuula dura dhaabatee quba jaha agarsiisa ature. jedhe.

Kunis dhaamsa ''wanta arganne yaadadhaa'' jedhu dabarsuufii jedha.

''Tarii qabxii galmeessaa jirrurraa kan ka'e isaan sirrii ta'uu malu.''

Waggoota saddeet Siitii ture keessatti Piriimiyeer Liigii jaha, Chaampiyoonsi Liigii tokko, FA kaappii lama, EFL kaappii afur, Kilab waarlid kaappii tokkoofi Supper Kaappii tokko injifateera.

Gabaasaan BBC Radio 5 Joon Muurii tapha kana Anfiilditti argamee daawwachaa ture. Peep deeggartootuma Siitii fuula dura dhaabatee quba jaha agarsiisa ature. jedhe.

Kunis dhaamsa ''wanta arganne yaadadhaa'' jedhu dabarsuufii jedha.

Liiverpuul Siitii mo'achuun waayee waancaa liigichaa maal hima?

Ittisni duraanii Liiverpuul amma kubbaa miilaa xiinxalu Jiimii Kaarageer Siiiin dorgomaa waancaa ta'ee deebi'ee ka'uuf hiree waan qabu hin se'u'' jedha.

''Bara kana Maanchister Siitiin waancaa Piriimiyeer Liigii hin injifatu'' jedheera.

Ittisni duraanii Maanchister Siitii Miikaah Richaardis gama isaan ''dhuma Siitiiti jedhee hin dubbadhu'' jedhe.

Yeroo rakkisaadha, garuummoo karaa itti deebi'anii ka'an ni argatu. Taphattootni gariin har'a Gaardiyoolaa gaddisiisaniiru. Gaaddidduu ofii ta'anii argaman'' jedheera.

Leenjisaan Liiverpuul Arni Isloot waayee shaampiyoonaa ta'uu wayita gaafatamu gareewwan akka Arsenaliifi Siitii ammaa booda taphoota hafan mara injifatanii waancaaf morkachuu warra danda'an ta'uu dubbate.

BBC Sport waliin turtii godheen ''isin ana caala beektu, Arsenalaiifi Siitiin hanga barri dhumutti taphoota jiran mara injifachuu danda'u'' jedhan.

Amma Liivepuul sadarkaa lammaffaarra kan jiru Arsenaalirraa qabxii sagaliin, Siitiirraa ammoo qabxii 11n fagaatee argama. Ta'us Isloot hiree waancaa injifachuu qabuu jechuun injifannoon hanga ammaa qaban gaarii ta'us, ammoo hiika biraa akka hin qabne dubbate.

Sirni koompiitaraa Opta Liiveeruul hiree waancaa injifachuu dhibbeentaa 85.1 qaba jedheera Siitiif ammoo hiree dhibbeentaa 4.4 kenne. Arsenalaiif ammoo dhibbeentaa 9.8 qaba jedheera.

Haala qabatamaa Maanchister Siitii keessa jirurraa kan ka'e Siitiin warra jalqabaa afur keessaa tokko ta'uufuu dorgommii keessa jira jedhu ka'aa jira.

Ammoo xiinxaltootni hedduun Peep Gaardiyoolaa injifannootti deebi'a jedhu.