Tiraamp 'Lesootoon jiraachuusheeyyuu namni hin beeku' jechuun biyyattii rifachiise

Tiraamp Lesootoo namuu hin beeku jechuun erga qoosee biyyattii mufachiise

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp Lesootoo namuu hin beeku jechuun erga qoosee biyyattii mufachiise

Mootummaan Lesootoo yaada Pirezidant Doonaald Tiraamp waa'ee biyyattiirratti kenneen guddoo rifachuu fi mufachuu ibseera.

Tiraamp erga gara Waayit Haawus deebi'ee haasaa yeroo jalqabaaf Kongiresiif taasiseen, biyya Afrikaa Kibbaa kana ''namuu dhagahee hin beeku,'' jechuun miseensota kora sanarra turan itti kofalchiise.

Kora sanarratti Tiraamp maallaqa maqaa deeggarsaan gar-malee qisaasamaa ture hambisuuf akka hojjetu ibseera.

''Biyya Afrikaa Kibbaa- Lesootoo, biyya namuu dhagahee hin beekne, keessatti jaallattoota saala walfakkaataa- LGBTQ+ tumsuuf doolaara miiliyoona saddeet kennina,'' jechuun itti qoose Tiraamp.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Lesootoo ammoo biyyisaanii US waliin hariiroo gaarii akka qabdu BBCtti himan.

Lesootoon biyya Afrikaa sagantaa gabaa qaraxa irraa bilisaa Ameerikaan Afrikaaf uumte- African Growth and Opportunity Act (Agoa) jedhamu irraa bal'inaan fayyadamtuudha.

Mootummaan Ameerikaa akka jedhutti bara 2024 keessa biyyoota lameen gidduutti daldalli doolaara miiliyoona 240 ta'u daldalameera.

Meeshaaleen daldalaa maallaqa kana argamsiisan hedduunsaanii Lesootoo irraa gara US seenan. Oomishaaleen huccuu daldala kana keessatti isaan ijoodha.

Ministirri Dhimma Alaa Lesootoo Lejone Mpotjoane dureen biyya tokkoo biyya birmadummaa mataashee qabdu haala kanaan kaasuun akkaan ''nama rifaasisa'' jedhan.

''Kan nama ajaayibu 'biyyi namuu waa'eeshee dhagahee hin beekne' biyya US dhaabbiidhaan ergamashee keessaa qabduudha,'' jechuun BBCtti dubbatan Aab Mpotjoane.

''Lesootoon miseensa UN fi jaarmiyaalee idiladdunyaa hedduuti. US mataanshee imbaasii asii qabdi. Dhaabbileen US hedduun as, Maseru, keessa jiru,'' jedhan qondaalli Lesootoo kun.

Dhimma kanarratti sadarkaa mootummaatti xalayaa mormii agarsiisu Waashingitanitti akka ergan AFPtti himan. ''Dhimma kana akka salphaatti hin ilaallu,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaalonni Lesootoo haasaa Tiraamp ''deeggarsa maallaqaa adda kutuu'' fi ''dubbii falmii siyaasaa kaasisu'' irratti dubbateef bakka hin kennine.

''Hariiroo cimaa US waliin qabnu itti fufsiifna. Ergama as, Maseru, keessaa qabu. Nutis Washingtan keessaa qabna,'' jedhan dubbi himaan ministeera dhimma Lesootoo Kutloano Pheko.

Waa'ee maallaqa deggarsaa garee LGBTQ+ jedhamaniif kennamuurratti haasaa Tiraamp taasise kan hin mirkaneeffanne dubbi himaan kun, maallaqi jedhame kallattiin jara kana bira ga'eera yoo ta'e yaada irratti kennuun ga'eesaaniiti jedhan.

Aab Mpotjoane gamasaaniin biyyisaanii bulchiinsi Doonaald Tiraamp deeggarsa Ameerikaan biyyoota addunyaaf kennaa turte adda kutuutti guddoo miidhamuu ibsan.

Tiraamp deeggarsa yeroo rakkootti ajaja Pirezidantii Ameerikaan kennamu President's Emergency Plan for Aids Relief (Pepfar) jedhamu adda kutuu hordofee jaarmiyaaleen hedduun, keessattuu kanneen miti-mootummaa ta'an, rakkoo keessa galaniiru.

Bara 2003 bulchiinsa Pirezidant Joorj W Buush jalatti kan eegale sagantaan kun karaa dhaabbata gargaarsaa biyyoota alaa- USAID jedhamuun tumsa maallaqaa taasisa.

Amma gargaarsi maallaqa karaa USAID taasifamus adda citeera.

Lesootoon biyya gargaarsa kana baayyinaan argataa turte ta'uu ji'a darbe miidiyaa Afrikaa Kibbaa GroundUp jedhamutti kan himanii turan ministirri fayyaa biyyattii, maallaqa argamu keessaa garri caalu sagantaa ittisa dhibeewwan daranyoo sombaa (TB) fi HIV'f akka oolu ibsan.