Nami siyaasaa haasaa Tiraamp addaan kutan galma keessaa baafaman

Madda suuraa, Pool
Bakka bu'aan paartii Dimookiraatikii Al Giriin yeroo Donaald Tiraamp Kongirasii keessa haasaa taasisan waan addaan kutaniif chaambarii keessaa baafaman.
Hiwuustan Teeksaas irraa kan ta'an Giriin ol ka'anii dhaabachuun Pirezidant, isin bu'uura seeraa kana gochuu hin qabdan ['Mr President, you don't have a mandate!'] jechuun dubbatan.
Kallattumaan miseensonni Rippablikaanii "U-S-A!," jechuun isaan mormuun erga takkaa waltumsuun itti iyyan.
Achii Af yaa'iin Maayik Joonsan Miseensi Dimookiraatii chaambarii keessaa akka bahan ajaja dabarsan.
Giriin nama Donaald Tiraamp cimsanii qeequun beekamanidha. Marsaa duraa Tiraamp yeroo pirezidantii turan akka isaan aangoorraa buqqifaman waamicha taasisaa turan.
Erga chaambari keessaa baafaman booda rippoortarootatti kan dubbatan Giriin, waan raawwataniif adabbiin yoo jiraate fudhachuuf qophii ta'u himan.
Ergaa isaanii irra deebi'un Tiraamp tajaajila 'Medicaid adda kutuuf bu'uura seeraa hin qaban' jedhan.
Dabaluunis, Pirezidant Tiraamp aangoorraa buqqisuuf ragaa walitti qabaa akka jiran himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Kun biyya addunyaa dureettiidha, ammo namoonni tajaajila fayyaa gaarii ta'e hin qabne jiru.
''Waan fooyyee qabu hojjetuu osoo qabnuu tajaajila hiyyeessotaaf kan kennu Medicaid kutuuf jenna,'' jedhan.
Giriin Miseensa Dimookiraatikii tokkicha chaambarii keessa mormii dhageessisanidha.
Dubartoonni miseensa Dimookiraatikii ta'an baay'ee imaammata Tiraamp mormuun uffata halluu dimadii qabu uffatanii turan.
Kanas kan godhan gatiin jireenyaa dabaluun dubartoota haalaan miidhaa jira jechuuni.
Kaanimmoo deeggarsa Yukireeniif qaban ibsuuf karabaataa keelloofi cuquliisa godhatan.
Torban kana gaafa Wiixataa Tiraamp deeggarsa waraanaa Yukireeniif taasisan adda kutaniiru.
Kunis erga Zeleeniskii waliin waldhabanii guyyoota muraasa boodadha.
Yeroo Tiraamp Kongirasiitti dubbatan miseensonni Dimookiraatii gara caalu callisan.
Haa ta'u malee, dhimmoota tokko tokkoorratti kaardii 'soba' jedhu mirmirsaa turan.
Kun miseensota Rippablikaanii gara caalu Tiraamp leellisaa turaniin faallaadha.












