Ameerikaan gargaarsa waraanaa dhaabuunshee Yukireeniif maal jechuudha?

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidanti Doonaald Tiraamp gargaarsa Ameerikaan Yukireeniif kennitu hunda dhaabuuf murteessuun isaanii Yukireeniif naasuu cimaadha.
Kiiv qofaaf osoo hin taane michoota Awurooppaatiis bulchiinsi Ameerikaa deeggarsa isaa akka itti fufuuf amansiisuuf yaalaa turan.
Ameerikaan gargaarsa waraanaa yoo dhaabdu kun kan jalqabaa miti. Ganna 2023tti miseensoonni kongiresii Rippabilikaanotaa gargaarsa waraanaa guddaa Pirezidaantii yeroo sanaa Joo Baayidan Yukireenif kennan ugguranii turan.
Sanaan booda ammoo, Yukireen gargaarsa Awurooppaatiin rasaasa amma jiru argachuu dandeessee turte.
Dhumarratti ammoo Kongireesiin bara 2024tti paakeejii gargaarsaa Paawundii biliyoona 60 raggaasiseera. Yeroon sanaatti Yukireen haleellaa Raashiyaan akka haaraatti Khaarkiv keessatti raawwattu ofirraa ittisuuf rakkachaa kan itti turte waan ta'ef yeroo sirrii ture.
Dhufaatiin meeshaan waraanaa Ameerikaa harkifate ergameefis haala sana garagalchuuf gargaareera.
Akkuma bara 202, miidhaan gargaarsa Ameerikaa addaan kutuu yoo xinnaatee rasaasaa fi qawwee irratti osoo hin dhaga'amin ji'oota turuu danda'a.
Biyyoonni Awurooppaa suuta suutaan oomisha meeshaa waraanaa isaanii daran dabalaniiru. Walumaagalatti Awurooppaan amma Yukireen gargaarsa harka dhibbeentaa 60 kenniti, kunis US caalaa.
Haata'u malee, deeggarsi waraanaa Ameerikaa ammallee Yukireeniif murteessaadha. Qondaalli biyyoota dhihaa tokko dhiheenya kana gama meeshaa waraanaatiin "kireemiidha" jechuun ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dandeettiin Yukireen ummataafi magaalotashee tiksuuf qabdu kan sirna ittisa qilleensa Ameerikaa ulfaataa, kan baayinaan akka baatirii Paatriyaat fi NASAMS, Noorweey waliin ta'uun hojjetame irratti hirkatuudha.
US Yukireen haleellaa fageenya dheeraa akka raawwattuuf misaa'ela HIMARS fi ATACM kenniteef. US itti fayyadama meeshaalee kanneenii Raashiyaa keessatti daangessitee jirti, garuu ammallee naannoo dhuunfatame keessaa qiyyeeffannaa sirrii haleelluudhaaf murteessaa turan.
Qulqullina qofa osoo hin taane, baay'inaas olaanaadha. Akka waraana addunyaa humna guddaa qabuutti, Humvees fi konkolaattota waraanaa dhibbaan lakkaa'aman erguu danda'eera. Kunis lakkoofsa waraanni Awurooppaa xiqqaan gonkumaa wal gituu hin dandeenyedha.
Gargaarsi kun muraasni isaa dhabamuunis adda waraanaa gadi buusuuf yeroo fudhachuu danda'a. Garuu dhiibbaan battalaa kana caalaa yaaddessaa ta'e jiraachuu kan danda'u, gama odeeffannoo waliif qooduutiin ta'u danda'a.
Gama hordoffii hawaa irratti hundaa'e, odeeffannoo basaasaa walitti qabuufi qunnamtiitiin biyyi kamuu US waliin wal gituu hin danda'u.
Akkasumas deeggarsi kun kan waraana Ameerikaa qofaan osoo hin taane, dhaabbilee daldalaatiinis kan kennamudha.

Madda suuraa, Reuters
Neetwork qunnamtii saatalaayitii Ilon Maask Starlink fudhadhaa. Bakkeewwan Yukireen adda waraanaa gaazexessaan BBC daawwate hundi dishii Starlink qaba.
Isaanis odeeffannoo haaraa dirree waraanaa irratti dabarsuudhaaf itti fayyadamu. Haleellaa meeshaa waraanaafi diroonii qindeessuuf barbaachisoo ta'aniiru.
Yeroo darbe Peentaagoon sarara bilbilaa kanaaf deeggarsa maallaqaa akka taasisu amanee ture. Ilon Mask bulchiinsa Ameerikaa keessatti nama ijoo ta'uusaa yoo ilaalle, amma kaffaltii kana kaffaluuf fedhii qabaachuun isaa waan hin oolle fakkaata. Innis qeeqa cimaa pirezidantii Yukireen Volodymiir Zeleniskiiti.
Ameerikaan biyyoonni Awurooppaa meeshaalee isaanii Ameerikaan hojjette gara Yukireen akka hin ergine ni dhorkitii? Biyyoonni Awurooppaan jeettiiwwan F-16 Ameerikaan oomishte Yukireeniif dhiyeessuu yoo barbaadan jalqaba hayyama Waashingitan argachuu qabdu turan.
Sana booda suphaa meeshaalee Ameerikaan dhiyeessitu hoo? US humnoota Yukireen leenjistee ergasii meeshaalee Ameerikaan dhiyeessitu akka suphaniif gargaaraa turte.
Baayidan gara dhuma bara aangoosaatti kontiraaktaroota Ameerikaa Yukireen keessatti hojjetan irraa uggura kaa'e ture kaaseera. Keessattuu jeettiiwwan F-16 hojjachuu akka itti fufaniif injinarootaa fi meeshaa jijjirraa barbaadu.
Murteen Tiraamp gargaarsa dhaabuuf murteessan, namoota hedduu Yukireeniifi sanaa ol jiraniif, waan nama gaddisiisu fakkaachuu mala. Garuu kaayyoon siyaasaa dafee gara mariitti akka deebii'uuf dirqisiisaa akka jiru ifaadha.
Abdiin michoota Awurooppaa bira jiru dhorkaan Ameerikaa kan yeroo gabaabaa qofa ta'a kan jedhuudha. Deeggarsa Ameerikaa malee, Yukireen lubbuudhaan jiraachuuf mataasaa daran cimaa itti ta'u danda'a.












