Hojjetaan kunuunsa daa’immanii shamarran 60 ol gudeede hidha umurii guutuu adabame

Karunii yakkamaa

Madda suuraa, Sharon Gordon/ABC News

Akeekachiisa: Oduun kun qabiyyee miira keessan jeequ qaba

Awustiraaliyaatti hojjetaa wiirtuu kunuunsa daa’immanii kan tureefi daa’immanni gudeeduun nama hamaa jedhamuun maqaan kan mogga’eef namni kun ijoollee durbaa 70tti siqan gudeeduufi miidhaa saalaa irratti raawwachuun hidhaa umurii guutuun adbame.

Namni umuriin isaa wagga 47 ta’eefi maqaan isaa Ashilii Pool Giriifiit jedhamu kun bara 2003 hanga 2002tti wiirtuuwwan kunuunsa daa’imaa Awustiraaliyaa kutaa bulchiinsa Kiwiinsilaand fi Xaaliyaan keessatti yakkawwan 307 raawwachuu isaa amaneera.

Daa’imman namni kun gudeede ammoo umuriin isaanii wagga tokko hanga wagga torbaati.

Abbaan seeraa dhimma kana ilaale Pool Ismiiz, sadarkaafi haalli yakka kanaa “fokkisaa” fi “jibbisiisaa” jechuun ibsaniiru.

Giriifits kutaa Niiwu Saawoz Weels keessatti daa'imman lakkoofsi isaanii sirriitti hin beekamnerratti miidhaa saalaa raawwachuun himatameera.

Jimaata mana-murii Biriirbenitti argamurrati kan dhiyaate Giriifiits, miira "daa'immanirratti fedhii saal-qunnamtii qabaacuu ("paedophilic disorder") akka qabu mana-murtichaatiif kan ibsame yoo ta'u, irra deebiin carraan yakki kun raawwatamuu akka danda'u yaaddoon guddaa waan jiruuf jecha Abbaan Seeraa Pool Ismiiz ol iyyannoo tokko malee yoo xiqqaate waggaa 27f hidhaa cimaa keessa akka turuuf murtee dabarseera.

Giriifiits yeroo jalqabaatiif bara 2022 poolisii Awustiraaliyaatiin to'atamee kan ture yoo ta'u, wagga atokoon booda ammoo daa'imman kuma tokkoofi 600 irratti miidhaa saalaa geessiseera jedhamuun himatameera. Kanneen keessaa garuu garri caalan kuf ata'aniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namni kun miidhaa kana raawwachuu isaatiin alatti, viidiyoowwan waraabuun marsariitiiwwan irratti dhosaadhaan suuraawwan maxxanseefi viidiyoowaan ol kaa'e qorattoonni argataniiru.

Viidiyoo waraabamerratti fuulli isaa akka hin ml'anne taasifamullee sababa uffata siree wiirtuu kunuunsa daa'immanii Kiwuunsilaand isaaf kennameen Giriifits maal akka hojjetaa ture bira gahameera.

Himannaa gudeeddii 28, daa'imman 200 ta'an irratti ammoo miidha ageessisuun, akkasumas yakka daa'imman fedhii saalaaf goyyoomsuurratti hirmaachuufi qooduu waliin walqabsiisee waan raawwate amaneera.

Miidhamtoota keessaa afur isa jalatti kan bulaniifi Xaaliyaan Piisaa keessatti wiirtuu daa'immanii keessa warra jiran yoo ta'u, kanneen hafan 65 ammoo Awustiraaliyaa Biriiban keessatti naannawaa 11 keessa warra jirnidha.

Manni-murtichaa adabbii kana osoo hin dabarsiin dura warra Giriifiits miidhaa irraan gaheefi maatii isaaniirraa dhuga ba'umsa gaddisiisoo ta'an dhaga'eera.

Isaan keessaa obbolaan durba lama oolmaa daa'immanii keessatti miidhaan irra gahe kan keessatti argaman yoo ta'u, Giriifits barsiisaashee jaallattu akka ture isheen tokko yaadatteetti.

"Wanta inni godhe yaadachuun kan onnee nama cabsudha' miira wal faallessu nama keessatti uuma," jechuushee Ze Kuuriyeer Maayi gabaaseera.

"Ammallee tanaan waan kana hubachuu waanan danda'u natti hin fakkaatu."

Miidhamtuun kan biraa ammoo taaten kun akkamitti akka yeroo ijoollummaashee akka jalaa balleesseefi waggootaaf dhibee sammuu waliin akka turti ishee taasisuu dubbatti.

"Jireeyi kiyya maal ta'uu akka danda'u, tasa hin beeku," jechuushee Gaardiyaan Awustiralaiyaa gabaaseera.

"Osoon namoota hin sodaatiin guddachuun maal akka fakkaatu tasa baruu hin danda'u."

Maatiin ijoollee gamasaaniin yakka ijoolleesaaniirratti raawwatame baruusaaniitiin sodaa isaanitti dhaga'ame mana-murtiifi ibsanii, Giriifits amanuu isaniitiin yakka raawwataniif gaabbii hamaa keesa jiraachuu dubbatu.

"Mucaan koo akka eessumasheetti si jaallatti ture. Ati garuu akka asaangulliitiitti itti fayyadamte, jechuun maatiin tokko dubbachuu Niwus Koorp gabaaseera.

Maatiin biraan ammoo miidhaan micaasaaniirra gahe ishee dhoksuudhaf yaalaan jira jedha.

"Waan isheerra gahe duubatti deebisuu baadhus miidhaa sammuusheerra gahu hir'isuudhaaf waanan danda'u hunda nan godha," jechuusaanii Niwus Koorp gabaaseera.