Dubartiin abbaafi haadha irraa dhalatte barbaadaa turte abbaanshee hiriyyaashee Feesbuukii tahee argame

Taamunaa Museeraadiiz abbaa waliin

Taamunaa Museeraadiiz hafuura dheeraa baafachuun booda nama wayiitti bilbilte. Kunis ilmaan guddifachaa tahuushee baruun boodadha.

Nama haadhashee dha jedhamteef gaafa bilbiltu dubbiin gara seenaa abjuu fakkaatutti geeddarama jettee hin yaadne ture.

Haatahu malee, dubartiin silkii kaastu dheekkamtuufi kan namaa hin naane taati jettee garuu hin eegne.

''Natti iyyuu jalqabde- daa'ima deesse akka hin qabne natti himte. Homaa nan barbaanne ture,'' Taamunaan aaru irrayyuu akka dinqamte ibsiti.

''Waan dhufu hundaaf qophiin ture, deebiin argadhe garuu isan yaadeen olidha,'' jette.

Taamunaan nama ganna 40 yoo taatu Hagayya darbe haadhasheef yeroo bilbiltu ishee akka barbaaduu dhiistu yaadaa qabdi. Haa tahu malee Taamunaan abdii hin kutanne ture.

Waan baruu barbaaddu tokko haala itti guddifachaaf kennamteefi haatishee maqaa abbaashee isa sirrii akka itti himtudha.

Taamunaan barbaachashee bara 2016tti dha kan jalqabde. Haatishee guddiste erga lubbuun darbee booda yeroo mana qulqulleessitu waraqaa dhalootashee maqaa sirrii garummoo guyyaa dhalootaa dogoggoraa qabu aragite.

Yeroo kana guddifachaan akka fuudhamte shakkitee garee Feesbuukii hundeessite maatii ishee dhalootaa barbaaduu jalqabde.

Dubartiin ogummaan gaazexeessituu taate kuni Joorjiyaatti daddabarsa daa'immaniin namooti kumaatamaan lakkaa'aman akka miidhaman hubatte. Maatiin baayyee waggootaan dura ijoolleen isaanii akka jala du'antu itti himamee ture.

Hojii isheetiin namoota baayyee walitti fiddeetti garuu icciitii ofii hiikuu garuu hin dandeenye. Isheenis akka warra kaanii hatamteet guddifamte tahuu hin beektu.

''Seenaa kana keessatti ani gaazexeessituu dha garuu ergama dhuunfaas qaba ture,'' jechuun ibsiti.

Garee Feesbuukii uumterraan bona darbe ergaan tokko dhufeefi. Nama baadiyyaa Joorjiyaa keessa jiraaturraati.

Namni kunis dubartii ulfa tahuushee dhoksitee naannoo Tibiliisii jedhamutti bara 1984 mucaa godhattee beeka jechuun ergaa itti dhaame. Kunis yeroo Taamunaan dhalatte sanadha.

Hidda maatii Taamunaa
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namni ishee qunname kuni dubartiin sun haadha Taamunaa akka taate yaada- waan murteessaan ammoo maqaa kenneera.

Taamunaan onlaayinii haadhashee barbaaduutti kaate garuu homaa argachuu hin dandeenye. Namni ishee beeku yoo jiraate jechuun Feesbuukii irratti gaaffii dhiyeessite.

Dubartiin gaaffii sanaaf deebii kennite tokko haati Tamunaa adaadaashee akka taate himtee maxxansa sana akka kaastuufi qorannoo DNA gochuuf eeyyamamuu tahuu itti himte.

Torbee tokko booda qorannoon DNA Tamunaa fi dubartiin Feesbuukii irratti deebii kenniteef durbii akka tahan mirkanaa'e. Taamunaan ragaa kana qabachuun haadhasheedhaan maqaa abbaashee akka kennituuf dirqamsiisteen. Maqaan abbaashee Gaargeen Kaahooraavaa jedhama.

''Baatii lamaa oliif waan kunis anas mudachuusaa amanuun na rakkisee ture. Maatii koo dhaloota argachuun waanuma ani amanuu dadhabe ture,'' jetti.

Taamunaan takkaa maqaa Gaargen jedhamu argannaan Feesbuukii irratti barbaaduu jalqabde. Edaa namni isheen barbaaddu yeroo dheeraaf hiriyyaashee Feesbuukii ture. Maatii gargar faca'an walitti fiduun Joorjiyaa keessatti baayyee beekamti ture.

Waggaa sadiif abbaanshee seenaa isheen barreessitu otoo hordofuu qaama dhimma kanaa tahuusaa hin beeku ture.

''Haati koo akka ulfoofteyyuu quba hin qabu ture,'' jette Taamunaan. ''Isaafiyyuu waan tasumaa hin eegamne ture,'' jetti.

Kana booda magaalaa inni keessa jiraatu Zuugdiidii lixa Joorjiyaa lafa ishee jiraattu Tibiiliisii irraa km260 fagaatutti wal-arguuf murteessan.

Otoo isa hin argin dura naasuu guddaa keessa akka turte kan himtu Taamunaan yeroo mooraa mana jireenyasaaa seenuuf jettu akka tasgabboofte himti.

Namni ganna 72 yeroo achi as bahu wal-hammatanii ija keessa wal-ilaaluudhaaf yeroo fudhatan.

''Waan nama dhibu ija keessa na ilaalee akkan mucaasaa tahe beeke, ani garuu miira wal-makaatu natti dhagahama ture,'' jechuun yaadatti.

Gaaffii baayyee qabdi garuu eessa akka jalqabdu hin beektu ture. ''Wal bira teenyee otoo wal ilaalluu waan wal nufakkeessu barbaadaa turre,'' jetti.

Yeroo haasa'anitti fedhiiwwan wal isaan fakkeessu akka qaban baran - Gaargen yeroo tahe tokko shubbisaa beekamaa ture - mucaan Taamunaa jechuunis mucaan, mucaasaa akkasaa shubbisa jaalatti.

''Mucaa koo, abbaa warraa koofi abbaan koo shubbisa jaalatu,'' jetti.

Gaargen firaafi ollaa akkasumas obbolaashee haadha kaanirraa dhalatan, durbiiwwan, adaadoliifi eessumootashee waamee wal ishee barsiise. ''Ijoollee hunda caala anatu abbaakoo fakkaata,'' jetti.

Halkan sana seenaa walitti himaa, nyaata aadaa Joorjiyaa soorataa Gaargen meeshaa muuziqaa akkoordiyoon jedhamu taphataa, sirbaa bulan.

Taamunaan ammallee gaaffii hin deebine qabdi, akkuma lammiilee Joorjiyaa biroo haadhashee jalaa hatamtee fudhatmuu baruu barbaaddi. Maatii ishee guddisan akka hin gaafanneef lubbuun hin jiran.

Dhumarratti Onkololeessa darbe haadhshee dhalootaatti dubbachu dadneesseetti. Kaampaaniin TV Poolaand tokko waa'ee Taamunaa dokimantarii hojjetu haadhashee dhoksaan argattee akka dubbistu ishee dhaqate.

Taamunaan namoota maatii jalaa yeroo daa'ima turan hataman wal-quunnamsiisa turte. Seenaan ishee garuu akkas miti. Haatsihee guddifachaaf ishee kenniteet, dhimmicha waggaa 40 dhoksitee turte.

Haatishee fi abbaanshee hariiroo yeroo gabaabaa tahe qabu ture. Haatsihee qaanofteetu ulfa tahuushee dhoksitee Fulbaan bara 1984 gara Tibiliisii wal'aansa baqabsanii hodhuun qaba jettee sobuun mucaashee deesse. Achuma turtee daa'imshee Taamunaa guddifachaaf kennite.

''Guddifachaaf fudhatmuu koon dura haadha koo wajjin guyya 10 qofan dabarse. Waa'eesaa amma yaaduu hin barbaadu,'' jetti.

Haatishee akkasheen hatamte akka himtu ishee gaafachuus himti. ''Yoo hatameeni jettee hin himtu tahe anaaf sii gidduu waan hundiyyuu ni dhaabbata naan jette,'' jechuun dubbatti. ''Kana gochuu hin danda'un,'' jedheeni jette.

Maatiiwwan ijoolleen isaanii jalaa hatamaniif ani soba dubbachuun waan haqaa miti jetti. ''Yoon kana godhe haadholii dhugumaan ijoolleen isaanii jalaa hataman namni hin amanuuni,'' jetti.

Kanumaan haatishee manaa akka baatu ishee gaafattee, sana booda takkaa hin haasofne dubbatti.

Barbaacha kee kana irra debitee godhi otoo jedhamtee irra deebitee gootaa jedhamtee gaafatamnaan ''eeyyee maatii koo dhalootaa baruudhaaf waan ani hin goone hin qabu,'' jechuun deebisteetti.