Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arsenaal akka injifatu kan onnachiise falaasama tapha raagbiiti, akkamiin?
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan bara dorgommii kana taphattoota jalqaba irratti galuun taphatan ciccimoo jedhaman caalaa warra booda galuun injifannoo nuuf galmeessantu caala jedhe.
Yaada kana ammoo dorgommii raagbii irraa akka fudhate hime.
Gabri'eel Maartineelii fi Tiroosaad jijjiiramanii galuun galchii lakkoofsisuu qofa osoo hin taane galchiiwan lakkoofsisanis waliif mijeessanii kennanniiru.
Kun seenaa Arsenaal keessatti isa jalqabaati. Taphattoonni jijjiiramanii galan lama yoo galchii lakkoofsisanii kubbas mijeessanii waliif kennan jechuudha.
Maartineeliin dhiyeenya gahumsi isaa gadi bu'uu irraa kan ka'e Ebereche Eezzeef bakka isaa dhabaa jira.
Tiroosaadis taphoota sadii irratti qofa jijjiiramee galee isayyuu daqiiqota 56 qofa taphate.
Kana jechuun taphattoonni lameen kilebichaaf hin barbaachisan jechuudhaa? Arteettaan lakki jedhe. Dorgommii raagbii keessatti taphattoota ''finishers'' jedhaman taphicha akka injifattuuf si gargaaran baay'een jaalladha jedhe.
Taphattoota isaa taa'umsa jijjiirraa irraa ka'uun tapha injifataniifii bahan akksitti akka ilaalu hime.
Taphattoonni taa'umsa jijjiirraa irra taa'an hin barbaachisan jechuu miti. Waan hundaa isaan waliin haasofneerra. Bara kana inumaayyuu isaan taa'umsa jijjiirraa irra taa'uun jalqaban warra jalqaba hiriiran caalaa warra nu gargaaranidha,'' jedhe.
Kun injifannoo tapha Shaampiyonsi Liigii jalqabaa bara kanaa Atileetiikoo Bilbaayoo irratti argataniin booda kan dubbatanidha.
Bukaayoo Saakaa fi Odeegaardi miidhamuun isaanii Arteettaan akka taphattoota isaa haaraa irratti amanatu isa taasiseera.
Takka takka taphattoota tokko tokko alatti dhiistee tapha jalqabuun nama miidha. Garuu shoorri isaan booda jijjiiramanii galuun bahatan olaanaadha jedhan.
Odeessa biraan dhiibbaa guddaa keessa kan jiru leenjisaan maanchister Yuunaayitid Ruuben Amoorim hojii isaa oolfachuuf carraa tapha sadii qofatu kennameeraaf jedhamaa jira.
Taphoota afur keessaa tokko mo'atee lama mo'amee tokko qixa kan bahe Amoorim bara kana Maanchister Yuunaayitidiin fooyyessuu qaba jedhameera.
Deeggartoota irraa dhiibbaa guddaan isa mudataa jira. Taphoota Piriimer Liigii 31 leenjisaa Maanchister Yuunaatitid tahee durse keessaa saddet qofa mo'ate. Taphoota 16 mo'ameera. Kan hafan qixa bahe.
Kilebichi taphattoota haaraa kan akka Maatiyaas Kuunaa, Biriyaan Embuumoo, Sene Laamensi fi Beenjaamin Sheeskoo mallattesisus ammayyuu dhiibbaa isaan fidan arguu hin jalqabne.
Amoorim taphoota ulfaatoodhaan bara dorgommii kanas jalqabe. Garuu falaasama tapha isaa jijjiiruu dhabuu fi 'mata jabinni' isaa hojii isaa dhabsiisuu danda'a jedhu xiinxaltoonni.
Innis ''ani falaasama koo hin jijjiiru, yoo barbaadan nama haa jijjiiran'' jedhe.
Amoorim Buruunoo bakka isaa malee taphachiisuu, Amaad bakka isaa malee taphachiisuun qisaasessuu, Maayinuu ammoo carraa dhowwachuun haalaan qeeqamaa jiru.
Akkaataatti taphattoota keilebicha keessatti hin barbaadamne itti qabatanis haalaan qeeqameera.
Alehaandiroo Gaanaachoo gareen ala taasisan. Rasmas Hooyilaandi akkasuma. Saanchoo, Raashfoordii fi Aantoonii kilebicha keessaa baasuu qofa osoo hin taane akka gareetti makamanii shaakala hin hojjenne gochuun isaanii akka Yuunaayitid gurgurtaa taphattootaa kanneen irraa gatii gaarii hin arganne taasiseera jedhamuun qeeqamu.
Benefiikaan Amoorimiin leenjisaa isaa godhee qacaruu akka barbaadu tibbana odeeffameera.
Haa tahu malee, dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessaa bahuu isaaf Fenerbaacheen Joosee Moorinihoo hojiirraa gaggeessee ture.
Benefiikaan tapha jalqabaa Shaampiyoonsi Liigii Karaabag wlaiin taphatee 3-2'n mo'amuu isaan kilebichi leenjisaa isaa Buruunoo Laage gaggeessuun Joosee qacaruuf dhumarra gahuu hime.
Joosee Moorinihoon hatattamaan leenjisaa Benefiikaa tahuun hojii eegalu jedhamee eegamaa jira.