Icciitii jiraattoota gandoota 12 al tokkotti rifeensa mataarraa harcaase

Nama rifeensi gutuummaan irraa dhume

Madda suuraa, Getty Images

Guyyaa nagaa ooltanii osoo akkuma tasaa rifeensi mataa keessanii isin irraa harca'ee battalatti moluu taatanii maal jettu? Taateen akkasii kun ammoo maatii tokko bira darbuun ollaa isin keessa jiraattan mara yoo mudate hoo?

Taateen akkasii kunis biyya Indiyaa, jiraattonni gandoota 12 kutaa Buldhaanaa bulchiinsa Mahaaraashtraa keessatti rifeensi walfaana harca'uutiin naasuu keessa galanii ture.

Erga Amajjii bara 2025 irraa eegalee, daa'imman umuriinsaanii hanga waggaa afur ta'e dabalatee, namoonni 200 ol rifeensi isaanii battalaa fi osoo hin eegamiin irraa harca'uu qondaaltonni fayyaa naannoo himan.

Tokko tokko ammoo guutummaatti rifeensi mataasaanii kan irraa dhume yoo ta'u, taatee kunis namoota hedduu yaaddoo keessa galche. Kunis rifaatuu kan uume yoo ta'u, aanga'oonni fayyaa Indiyaa sababoota bu'uuraa akka qoratan dirqisiise.

Anaand (kan maqaan jijjiirame), ganda Paahurjira Shegaon irraa namoota taatee kanaan miidhaman keessaa tokko.

Rifeensi isaa Mudde 31 bara 2024 irraa harca'uu jalqabe. Achiis gara mana rifeensaa deemuun kan hafe ofirraa musriise. Sana booda rifeensi isaa deebi'ee biqilulleen garuu yeroo muraasaan booda deebi'ee irraa harca'uu jalqabe.

Taateen kunis jalqaba buqqee mataa hooksiisuun eegaluun achiin battalumatti rifeensi irraa harca'uun itti fufa. Namoonni muraasni refeensa isaanii deebi'ee biqiluuf illeen garuu, sababiin isaa sirriin baramuu hin danda'amne ture.

Yeroo ammaa kana ministeerri Ayush, ministeerri filannoo qoricha Indiyaa, dhukkubsattootaaf mallattoo dhukkuba isaanii irratti hundaa'uun qoricha kennaafii jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan, ogeeyyiin fi Manni Maree Qorannoo Fayyaa Indiyaa (ICMR) sababa taatee kanaaf ta'uu danda'u irratti qorannoo eegalaniiru.

Saayintistoonni ICMR gareewwan Bhopal, Chennai, Pune fi Deelh irraa dhufan waliin ta'uudhaan gandoota dhibee kanaan miidhaman daawwachuun saamuda rifeensa dhukkubsattootaa, qeensa, dhiiga, fincaanii fi madda bishaanii naannoo sanaa walitti qaban.

Saamudaaleen kunneen Kolleejjii Meedikaalaa Mootummaa Akolaatti xiinxalaman.

Dura taa'aan kolleejjichaa, Dr Meenakshi Gajbhiye BBC News Marathi'tti akka himanitti: "Baayoopsii fi qorannoon dhiigaa kun infekshinii fangasiitiin kan dhufu akka hin taane ifatti agarsiiseera.

''Kana malees, akka dhukkuba addaatti ramadamuu hin danda'u. Sababni sirrii taatee kanaa adda baasuuf qorannoon itti fufee jira. Oomishaalee adda addaa naannootti fayyadamanii fi madda bishaanii irrattis qorannoon gaggeeffamaa jira."

Kolleejjicha irraa gareen oggeeyyis gandoota daawwateera.

Hogganaan fayyaa Aanaa Buldhana kan ta'an Dr Amol Gite BBC News Marathi'tti akka himanitti, "Rifeensi saffisaan akkasii akka bade yeroo baayyee infekshinii fangasii keessatti waan hin mul'anneef kun infekshinii fangasii ta'uu hin danda'amu."

Rifeensi harca'uufi hawaasaan qoollifatamuu

Nama riifensi wal jalaan irraa dhume

Madda suuraa, Getty Images

Taateen kunis jiraattota gandoota dhibee kanaan miidhaman irratti loogiin akka raawwatamu taasiseera.

Yeroo BBCn gandicha daawwateetti ijoolleen dhiiraa fi shamarran muraasni as bahanii dubbachuu sodaataa turan.

Qophiileen gaa'elaa akka addaan cite kan taasifame yoo ta'u, namoonni rifeensi isaanii irra harca'es sochii hawaasummaa irraa kan hafe ta'e. Barattoonni tokko tokkos mana barumsaa fi kolleejjii keessatti itti qoosamaa akka ture himataniiru.

Paarvaati (kan maqaan jijjiirame), dubartiin ganna 55 akkas jedha: "Rifeensi ilma kootii irra harca'ee. Beellamni gaa'ela isaatiif qabamee ture ni hafe."

Itti dabaluudhaanis: "Ilmikoo ganda sana keessa nama kamiyyuu fuulduratti [hin bahu]."

Dubartiin umuriin waggaa 60 Kaaverii Dhaalokaar rifeensi ishee duraanii hanga mudhii isheetti dheeraa ture, amma garuu mataanshee irratti bald kan lakkaa'amutu buqqeesheerratti hafe.

"Jalqaba irratti, rifeensi xiqqoo qofatu harca'aa ture," jette. "Ergasii booda rifeensa koo yoon filadhu, baay'naan harca'e. Yeroon dhiqadhu ammoo hundisaa narraa harca'e. Rifeensikoo harca'usaattis natti dhagahama."

Kaaverii Dhaalokaar
Ibsa waa'ee suuraa, Kaaverii Dhaalokaar rifeensa ishee irraa harca'e walitti qabdee keessee jirti

Dr Somesh Guptaa, ogeessi gogaa Inistiitiyuutii Saayinsii Meedikaalaa Indiyaa Guutuu Delhii (AIIMS) naannoo rakkoon kun keessatti mudate daawwatan. Innis jiraattota waa'ee rifeensi isaanii harca'uu fi haalli kun kan daddarbuu fi hin dadarbine ta'uusaarratti yaaddoo qabaniif mirkaneessuuf yaalan.

Innis BBC'tti akka himetti: "Warri jalqaba rifeensi isaanii harca'e, rifeensisaanii deebi'ee guddachuu eegaleera. Rakkoon kun kan yeroo dheeraaf turu natti hin fakkaatu. Rifeensi deebi'ee guddachaa jirus gaariidha."

Itti dabaluudhaanis: "Infeekshinii vaayirasii ta'ee hin mul'atu. Akkasumas baay'ee daddarbaa ta'ee hin mul'atu."

Ogeettiin ICMR-Institiyuutii Qorannoo AIDS Biyyaaleessaa, Dr Sheela Godbole akka jedhanitti: "Dhukkubsattoonni yeroo shaampoo fi zayita fayyadaman of eeggannoo gochuu qabu. Akkasumas filaa mataasaanii fayyadamuu qabu. Rifachuun isaan hin barbaachisu."

Daa'ima qoratamaa jirtu

Namoota yeroo dhiphina olaanaan, kan akka yeroo weerara Covid-19, isaan mudatuutti yeroodhaaf baay'een isaanii rifeensi mataarraa harca'uun akka rakkatan gabaafameera.

Haata'u malee, taateen akka tasaa, keessattuu naannoo murtaa'e kan akka ollaa Indiyaa kun kanaan dura mul'achuun galmaa'e hin jiru.

Yeroo baayyee faalamni naannoo dhimmoota akkanaa keessatti kanneen sababoota ijoo ta'an keessaa sadarkaa tokkoffaan kan eeramu yoo ta'u, qondaaltonni madda bishaanii qorachuu fi dhimmoota naannoo biroo ilaaluu dabalatee, tarkaanfiiwwan adda addaa hojiirra oolchaniiru.

Saamuda bishaan lafa jalaa gandoota dhibee kanaan miidhaman irraa fudhatame laaboraatoon xiinxalamee, bulchiinsi aanichaa maddeen bishaanii naannoo sanaa hunda akka kilooriin itti dabaluun nageenya bishaan dhugaatiif of eeggannoo akka qabaatu gorseera.