Dhohiinsi volkaanoo Affaaritti kaleessa mudate hangam yaaddessaadha?

Dilbata darbe waaree dura Naannoo Affaar Afdeeraatti dhohiinsi volkaanoo mudateera.

Dhohiinsa kanaan aarri samii keessa olbahee mul'atuu fi sagaleen dhohiinsaa olaanaa ta'e uumamuu Yunvarsiitii Finfinneetti Daayireektarri Ji'oolojii, Astiroonoomii fi qorannoo hawaa Piroofeesar Ataalaay Ayyelee BBctti himan.

"Ragaa saatalaayitii irraa argame akka mul'isutti dhohiinsi volkaanoo kuni Fantaallee irraa gama kibbaan kiiloomeetira 10 irratti mudate" jedhan.

Dhohiinsi volkaanoo kuni kirkira jabaa kan uume waan hin turreef safartuu kirkira lafaa Finfinnee jiru irratti ragaan hagas mara jedhamu akka hin galmoofne himan. Kunis bakki dhohiinsi kuni ka'e irra lafaatti dhihoo ta'uu akeeka jedhan.

Dhohiinsi volkaanoo akkanaa kuni kan mudatu humni lafa keessa jiru sukkummaa gara irra dacheetti bahuuf godhu keessatti akka ta'e himan.

"Bakki amma dhohiinsi volkaanoo itti mudate kuni Ertaallee, sulula Danaakil irraa kiiloomeetira 10 qofa fagaata. Ji'a adoolessaa darbes dhangala'aan lafa keessaa irra lafaatti bahee ture"

"Lafa jalaa dhiibbaatu jira. Kattaa gubbaarraa gadi ukkaamsee qabe kana darbee gara irra lafaatti bahuuf sukkuummaatu jira.

Humni lafa jalaa kuni kattaawwan caccabsee dacheetti olbaha. Yeroo kana sagalee guddaa uuma" jedhan.

Fayyaa namaa fi beelladaa irratti miidhaa fida

Aarri olka'iinsa qabu yeroo dhohiinsi volkaanoo mudatu gara samiitti olbahu kuni fageenya dheeraa kan deemu jedhan Piroofeesar Ataalaay.

Qilleensa keessa hanga biyyoota Saawudii fi Yemenittuu fulla'uu akka danda'u himu.

Hurriin yeroo dhohiinsa volkaanoo uumamu kuni elementoota adda addaa kan ofkeessaa qabu waan ta'eef namaa fi beellada irratti miidhaa fayyaa geessisuu akka danda'us dubbatu.

Ta'ulleen miidhaan gahu fageenya hurriin kuni imaluu hundatti osoo hin taane naannoo dhohiinsi kuni itti mudatetti carraan miidhaa geessisuu guddaadha.

Bakki amma dhohiinsi itti mudate kuni bakka olka'iinsa qabuu fi namni fi beelladni dhiheenyarra hin jiraanne ta'uun miidhaa gahuu malu ni hir'isa.

Biiroon eegumsa Fayyaa Naannoo Affaar dhimma dhohiinsa volkaanoo naannichatti mudate kana ilaalchisuun ibsa baaseen 'aarrii fi caccabaan dhohiinsa volkaanoo hordofee uumame fayyaa irratti balaa fiduu waan danda'uuf ofeeggannoon taasifamuu qaba" jedhe.

Dhohiinsi volkaanoo kuni Godina Kilbelti Raasuu aanaa Afdeeraatti mudachuu kan hime Biiroon fayyaa naannichaa, dhohiinsa kana hordofee aarrii fi caccabsaan qilleensa keessa kallattii adda addaatiin faca'uu ibse.

Balaa sababa kanaan gahuu malurraa of hambisuuf jechas hawaasni naannoo sanaa hanga aarrii kuni badutti afaanii fi funyaan isaaniitti maaskii godhachuun akka ofeegan gorse.

Sababa kanaan balaa gahuu malu hambisuufis biiroon fayyaa naannoo Affaar ogeessota fayyaa yaala hataattamaa kennan gara naannichaatti bobbaaseera.

Ogeessi qorannoo kirkira lafaa piroofeesar Attaalaay iddoowwan kirkirri lafaa jirutti dhohiinsi akkanaa mudachuu kan danda'uu fi nidhaabbata jennee yaannas jedhan.