Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti naannolee kamtu ganna kana lolaafi sigiga lafaatiin miidhame?
Itoophiyaatti rooba cimaa ganna baranaatiin walqabatee naannolee adda addaa keessatti balaan sigiga lafaafi lolaa mudatee, namoonni hedduun du’anii, kuma 100 ol kan ta’an ammo buqqaafamaniiru.
Waajjirri Qindeessaa Gargaarsa Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtomanii (OCHAn) gabaasa torban dura baaseen, Itoophiyaatti balaa umamaa Adoolessaafi Hagayya keessa mudateen lubbuun namoota 281 darbuu ibse.
Kana malees namoonni 300,000 ta’an balaadhuma kanaan rakkoof saaxilamanii, kanneen 142,000 ta’an qe’eerraa buqqa’uu gabaasichi kaaseera.
Naannolee Itoophiyaa balaa kanaan midhaman keessaa Oromiyaa, Gaambeellaa, Affaar, Somaalee, Sidaamaa, Kibba Itoophiyaa fi Kibba Lixa Itoophiyaa ni argamu.
Keessattuu Kibba Itoophiyaatti balaan kun miidhaa cimaa qaqqabsiiseera.
Sigiga lafaa walakkeessa Adoolessaatti Godina Gaamoo Goofaa, Aanaa Gazzeetti mudateen namoonni 243 ol du’uufi gandoota balaaf saaxilamoo ta’an 17 keessaa ammoo yoo xinnaate namoonni 24,000 baafamuu gabaasichi ibseera.
Akkasumas naannoo Oromiyaa, Gambeellaa, Affaar, Amaaraa, Somaalee, Sidaamaa fi Kibba Lixa Itoophiyaatti balaa lolaa mudateen namoonni 120,000 ol ta’an naannoosaanii dhiisanii bahuudhaaf dirqamuu OCHAn gabaasa isaatiin ibseera.
Lolaa mudate kanaanis midhaan ooyiruu irra jiru, looniifi qabeenyaa kaan irra miidhaan qaqabeera.
Balaa walfakkaataa erga OCHAn gabaasa baaseen booda mudateenis lubbuun namootaa darbuun gabaafameera.
Fakkeenyaaf, naannoo Amaaraa Godina Gondar Kaabaa, aanaalee garaa garaa keessatti sigiga lafaa mudateen namoonni 23 lubbuusaanii dhabuufi kumaatamni buqqaa’uu aanga’oonni godinichaa BBCtti himan.
Lolaa cimaa tibbana naannoo Jidduugala Itoophiyaa, Godina Silxee, aanaalee lama keessatti mudateen, jiraattoonni 6,000 ol buqqa’uusaanii Ittigaafatamaan Waajjira Hoggansa Balaa godinichaa, Wasiil Asaffaa dubbatan. Balaan kun wagga waggaan mudataa jiraachus kaasan.
Naannoo Oromiyaa, Arsii Lixaa, aanaa Dodolaatti rooba cimaa Hagayya 26, 2024 roobeen, beeladoonni 19 du’uun, midhaan lafa heektaara 270 irra ture barbadaa’uu bulchaan aanichaa, Awaliyi Nabii BBCtti himan.
Dubbi himaan Komishinii Hoggansa Balaa, Obbo Ataalaay Aboohaay, Goofaa dabalate naannooleen balaan kun keessatti mudate irra caalaan balaaf saaxilamoo ta’un adda baafamu BBCtti himan.
Daarektarri ittaanaa dame Raaguu Meetiriyoloojii fi akeekkachisa dursaa, Dr Asaaminawu Tashomaa, Itoophiyaatti sababii rooba cimaa waqtiiwwan gannaafi balgiitiin naannoolee balaa lolaatiif saaxilamoodha jedhamuun adda baafaman keessaa yaa’aan Awaash, Yaa’aa Waabii Shaballlee, Sulula Qinxaamaa, yaa’aa Omoo Gibee kannneen ergaman keessa ta’u BBCtti himaniiru.
Biyyattii keessatti naannoolee sagal lolaadhaaf saaxilamoo ta’u kan hina daareektarri kun, naannoolee kanneen keessatti aanaalee adda addaatti namoonni miiliyoona tokko balaa lolaatiin ni buqqa’u jedhamuun akeekkachiisanni kennamu kaasu.
Balaawwan kunneen maaliif miidhaa cimaa qaqqabsiisan?
Haalli teessuma lafaa naannoolee balaan kunneen itti qaqaban caalaa saaxilamoo isaan taasiseera. Gaarreen caalaa sigiga lafaatiif yoo saaxilaman, naannooleen sululaa ammo balaa lolaatiif saaxilamu.
Eddoowwan balaan cimaan itti qaqabees ‘‘kan duraanu turedha’’ jechuun xiyyeeffannaa dhorkuu, kaan ammo balaan kan duraan tilmaamameen caalaa mudachu kaasu Obbo Ataalaayi.
Fakkeenyaaf, Goofaatti kana dursa sigigni lafaa mudatee ture kan jedhan Obbo Ataalaayi, naannichi balaaf saaxilamaa ta’un adda baafame ture jedhu.
Jiraattoonni akeekkachiisni dursaa wayita kennameefiitti, ‘waggaa darbees mudatee jiraanneera’ jechuun ka’udhaaf fedhii akka dhaban dubbatu.
‘‘Hawaasichi naannoo keessa jiraataa ture waan ta’ef ka’uf hayyamamaa ta’u dhabuun mullateera’’ jedhu.
Haata’u malee jiraattoonni BBCn dubbisa ammo bakki qubannaa dursa isaaniif qophaa’ee waan hin turreef, eddoowwan kaaniitti ammo sababii nageenyaatiin bahuudhaaf fedhii dhabu ibsan.
Kanaan alattis hir’ina hubannoo hawaasa biraatiin wayita balaan mudatuutti yaalii lubbuu baraarsaa keessatti namoonni yoo du’an hubatameera.
Gama biraatiin ammo hojiiwwan ,ootummaan raawwachu qabu osoo hin raawwatamaniif hafuutti waggaa waggaan ganna lubbuun lammiilee balaaf yoo saaxilamu ni hubatama.
Fakkeenyaaf, jiraattoonni naannoo Amaaraa, godina Gondar Kibbaatti balaan lolaa sababii balaa umamaatiin osoo hin taane. Waan ijaarsi hidha naannochatti gaggeeffamu hin xumuramneef ta’u BBCtti himan
Jiraattoonni BBC Amaariffaa dubbise akka jedhaniitti, balaan lolaa jiraachuu durfamee itti himamulleen sababii nageenyaatiin bahu akka hin dandeenye dubbatan.
Sigiga lafaa namoota hedduu galaafate
Balaan sigiga lafaa jijjirama qilleensaa addunyaa mudateen wal qabatee irra deddebiin mudachuufi gara fuulduraattis cimaa akka dhufu dubbatu oggeeyyoonni.
Itoophiyaattis ganna kana keessa balaan sigiga lafaa mudachuun gabaafameera.
Sigigni lafaa kunis sababiiwwan akkka rooba cimaa, baquu cabbii, dhiqamuu lafaa, kirkira lafaa, sochii volkaanoo, jijjirama hanga bishaan lafa jalaafi sababiiwan nami tolchee biraatiin mudachu akka danda’u odeeffannoon Qorannoo Gi’oloojii Ameerikaa irraa argame ni mul’isa.
Qaama bishaanii keessatti dhiqamni lafaa kan mudatu yoo ta’u, sigiga lafaa, dambalii bishaaniin umama. Yeroo tokko tokkos taateewwan kunneen bubbee hamaa hordofsiisuun qarqara ganaalaa miidhu.
Odeeffannoon Dhaabbata Fayyaa Addunyaa akka agarsiisuutti, sigigni lafaa taateewwan umamaa kaan caalaa bal’inaafi eessattuu mudachu danda’a. Waggaa kanatti Indooneeshiyaa, Neeppaal fi Paapaawaa Niiw Giiniittis balaa walfakkaataan mudate lubbu hedduu balleesseera.
WHOn bara 1998- 2017tti balaan sigiga lafaa namoota miiliyoona 4.8 irraan balaa karaa garaagaraa qaqabsiiseera jedha. Baruma walfakkaatutti lubbuun namoota kuma 18 ol sababii kanaan badeera.
Balaa kanarraa attamiin ooluun danda’ama?
Balaa sigiga lafaa Godina Goofaatti qaqabeen lubbuun namoota hedduu kan bade balaa wayita namoota duraan miidhaman oolchuuf taasifamuutti lammaffaa qaqqabeen.
Firootaafi jiraattoota naannichaa reeffa namoota sigiga duraan mudateen awwaalaman afur baasuuf walitti qabaman keessaa 200 ol kan ta’na balaa walfakkaataa irra deebiin mudateen du’na.
Haaluma walfakkaatunis sigiga lafaa Gondar Kaabaa, Aanaa Xalamtiitti dhiheenya mudateenis, lubbuun namoota hedduu kan darbe balaa lammaffaa wayita reeffa namoota lamaa akka kalleessumtii sigigaan awwaalaman baasuutti osoo jiranu qaqabeetiin.
Ofii balaawwan akkasii osoo miidhaa hin qaqqabsiisiin dura of eeggannoon taasisuu qabnu maaliidha?
Fannoo Diimaan Ameerikaa yoo balaan kun akka tasaa isinitti dhagahme hariitiin naannichaa bahuun ollaafi aanga’otaatti beeksiisu akka qaban gorsu.
Akkasumas sagalee naannicha jiru si’ominaan akka hordofan gorsu. Fakkeenyaaf, yeroo mukeen socha’an, yoo garreen sagalee uuman callisuun ilaaluun hin barbaachisu.
Kanneen dhiheenya lagaa jiraataniif ammoo, ‘‘akka tsaa bishaan yoo dabale ykn hir’ate, bishaan yoo qullaa’e ykn gara dhoqqeetti yoo jijjrame sirriin hubadhaa. Jijjiramni akkasii jiraannaan mallattooleen sigiga lafaa ta’u waan maluuf hariitiin naannichaa bahutu barbaachisa’’ jedha.
Yoo balaan qaqabees namoota jijjigaa jalaa baasuuf yaalii taasisuun dura, oggeessootatti beeksiisuufi balaan gara biraa akka hin jiraannee mirkanneessuun barbaachisu gorsu oggeessoonni.