Sababoonni sigigni lafaa akka uumamu godhan maal fa'i? Akkamiin of eegna?

Tibbana balaa sigiga lafaa Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Goofaatti mudateen lubbuun namoota 229 ol galaafachuun ibsameera.

Taateen inni jalqabaas sababa rooba cimaa halkan Adoolessa 21 roobeetiin wal qabatee ture kan sigigiin lafa mudate.

Balaa guyyaa sanaatinis lubbuun namoota afurii galaafachuu Komishinarri Komishinii Hoggansa Yaaddoo Balaa, Ambaasadar Dr Shifaraa Taklamaariyaam miidiyaalee biyya keessatti himan.

Guyyaa Wiixataa ammoo dura taa'aa gandaa fi miseensoota poolisii dabalate namoonni hojii lubbuu baraarsaa irra turan irra lafti sigigaachuun balaa gara biraa mudateen, lubbuun namoota hedduu badeera.

Hanga ammaattis reeffi namoota 229 biyyoo jalaa baasuun kan danda'ame yoo ta'u, barbaachi namoota kaan itti fufuun aanga'oonni naannichaa BBCn subbise himan.

Kanaan dura Godina Jimmaa dabalatee Itoophiyaa keessatti taateen sigigoo lafaa kan mudate yo ta'u, kan amma tibbanaatti gaaga'ama lubbuu namoota hedduu hin qaqabsiifne ture.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhutti, balaawwan lafaan walqabatee uumaman keessaa sigigni lafaa isa ijoo fi eessumattuu mudachuu kan danda’udha.

Ogeessonni akka jedhanitti ammoo sababa jijjiirama qilleensa Addunyaatiin sigigni lafaa kun amma heddummaachaa fi hammaachaa deemaa jira.

Nutis odeessa kana keessatti sababiiwwan sigigii lafaa, gosa sigigii akkasumas wayita taateen akkasii mudatuutti maal gochuun akka gorfamu kan jedhan irratti akkasiin qindeessineerra.

Ofii sigigni lafaa maalidha?

Obbo Tolaa Garoo Yunvarsiitii Saayinsii fi Teeknolojii Adaamaatti qorataa fi Barsiisaa Ji’oolojiiti. Sigigni lafaa sochii lafti yookaan dhagaan kattaa olka’iinsarraa gara irraan gadeetti socho’udha jedhu.

“Kan socho’u yookan sigigaatu kun biyyoo yookan dhakaa yookan makaa jara lamaanii ta’uu danda’a. sochiin kun immoo lafa olka’aarraa gara irraan gadeetti” kan deemuudha jedhu.

Ragaan dhaabbata qorannoo ji’oolojii Biriitish akka mul’isutti ammoo, sababni wantoonni kun olka’iinsarraa gara gadiitti socho’an harkisni dachee humna biyyoo yookan dhakaa sana walitti qabee taa’u yeroo caaludha.

Akka oggeessoon damee kanaa ibsaniitti, taateen sigiga lafaa kun addunyaarratti kan itti fufuudha.

Addunyaarrattis taateen sigigaachuu lafaa kun biyyoota akka Indoneeshiyaa, Neeppaal fi Papaaw Giinii keessatti mudachuun gaaga'ama lubbuu namootaa qaqabsiiseera.

Sababoonni sigiga lafaatif ka’umsa ta’an maali?

Sababni ijoon sigigni lafaa akka uumamuuf ka’umsa ta’uu danda’u akkaataa teessuma lafaati jedhu ogeessi Ji’oolojii Obbo Tolaan.

“Yeroo baayyee sigiga lafaa kana lafa diriiraa irratti hin arginu. Lafa gaarreen itti baayyatanitti kan uumamu. Kanaaf dhundhulli lafaa murteessaadha. Inni lammaffaan akkaataa fi gosa biyyeetu ka’umsa ta’a,” jedhan.

Dhaabbanni qorannoo Ji’oolojii US akka jedhuttis, lafa sigigaaf mijataa ta’e wantoonni dammaksanii akka sigigatu godhan sababoota hedduutu jiru.

Isaan keessaa Roobni cimaan, hammeentaan bishaanii naannawa sanatti dabaluun, kuufama bishaan lafa jalaa, kirkira lafaa, dhohiinsi Vilkaanoo fi sochiiwwan hojii dhalli namaa naannawa sanatti raawwatu sigiga lafaa dammaksuu danda’u jedhan oggeessi kun.

Akka dhaabbanni Fayyaa addunyaa jedhutti, baroota 1998 hanga bara 2017 gidduutti addunyaarratti sigigni lafaa namoota miliyoona 4.8 ta’an miidheera. Kanaanis lubbuu namoota kuma 18 ta’anii ammoo galaafateera.

Sigigni lafaa kun dhaqabee osoo miidhaa hin geessisne dura hawaasni ofeeggannoo dursaa gochuu qabu akkas jechuun himu Obbo Tolaan.

“Hawaasni naannoo Gaaraa irra qubatee jiraatu dursee daandii lolaan ittiin deemu qopheeffachuu barbaachisa. Kun bishaan gara lafa keessaa seenee sochii sigiga lafaa dammaqsuu waan danda’uufidha.”

Ofeeggannoo akkamiitu godhamuu qaba?

“Sochiiwwan akka daandii hojjechuusuutiif lafti yeroo kutamus qorannoon ji’oolojii taasifamuu qaba. Sababnisaa lafa tokko yeroo hojii akkanaaf murru teessuma duraa sana jeeqee sigiga lafaaf haala mijeessuu danda’a,” jedhan.

Kana malees naannoo gaarreen itti baayyatutti biqiltuu dhaabuu, daagaadhaan hidhuu fi iddoo yaaddoon sigiga lafaa jiraachuun beekamerraa ammoo waqtii roobaa yeroo ta’u bakkichaa godaanuun akka barbaachisus himu.

Sigigini lafaa yeroo mudatutti biyyoo, bishaanii fi dhakaan walmakee olka’iinsarraa sololaatu kuni saffisa dhalli namaa ittiin fiigu caaluu akkasumas guyyootaafi torbanootaafis itti fufuu danda’a.

Kanaaf jechas yeroo balaan sigiga lafaa mudatee miidhaa geessisu lubbuu baraarsi ofeegannoon ta’uu qabas jedhan.

“Sigigni lafaa yoo uumamu kutaan tokko yoo sigigaate kutaan biraa wanti utubee qabu jiraachuu dhiisuu mala.

''Kanaaf jecha yeroo balaan gahe birmachuudhaan dura inni sigigaate lafa diriiraa irra gahuu hubachuu, kutaan sigigaa hafe jiraachuu dhabuu sirritti adda baafachuu barbaachisa,” jedhan.

Itoophiyaatti iddoowwan sigigni lafaa itti hammaatu kami?

Barsiisaan Yunvarsiitii Saayinsii fi Teeknolojii Adaamaa Obbo Tolaan dhimma sigiga lafaa kanaarratti qorannoo gaggeessaa jiraachuu fi Itoophiyaa keessatti iddoowwan sigigni lafaa itti hammaatu adda bahanii akka beekaman dubbatu.

“Itoophiyaa keessatti sigiga lafaatiin hedduu kan beekaman Kaaba Itoophiyaati. Sababni ammoo haala teessuma lafaa gaarreen itti heddummatu waan ta'eefiidha. Yeroon ganda tokko guutuulleen itti fudhate tureera,” jechuun kana dursa haalli wal fakkaatu mudachu kaasu.

“Kibba Itoophiyaa iddoowwan akka Arbaa Minci, Gamoo Gofaa, Koontaa, Kibba Lixa Itoophiyaa, Iluu Abbaa Booraa, Kafaa, Jimma bakka tokko tokko, Lixa Shawaa naannawa Abunaa Gindabarat fa’ii kanneen balaa kanaaf saaxilamummaa qabaniidha,” jedhan.

Iddoowwan sigigni lafaa itti mudachuu danda’a jedhamanii qorannoodhaan adda baafamanii jiran ragaa gahaan jiraatulleen qorannoolee kana hojiirra oolchuurratti hanqinni jiraachuulleen himu.

Meeshaan teeknolojii sigigni lafaa mudachuun dura ittiin adda baasanii beekan hanga ammaa kan hin jirre ta’ulleen, amala teessuma lafaa fi haala roobaa irratti hundaa’uudhaan garuu tarkaanfiiwwan dursaa fudhachuun akka dandamus dhaamu.