Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Godina Gofaatti balaa sigiga lafaa qaqqabeen namootni du'an 220 ol gahan
Balaa sigiga lafaa Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Gofaatti qaqqabeen lakkoofsi namoota du’anii 229 gahe.
Balaa ALI Wiixata Adoolessa 15, 2016 dhaqqabeen dubartootaafi daa’imman dabalatee lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii dabalaa.
Balaa ganda Kencho Shaachaa, Aanaa Gazee Gofaatti mudateen hanga Kibxata waaree boodaatti reeffi namoota 229 akka argame hogganaan to'annoo balaa godina Goofaa Obbo Maarqoos Mellesee BBCtti himaniiru.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy AHimad balaa kanaan lubbuun nama heduu darbuu himuun, ''lubbuu darbeef gaddii cimaan natti dhagaaameera'' jedhan.
Dabaluunis ''balaa kana hordofee gareen addaa Ittia Blaa Federaalaa jalatti hundaa'e naannichatti ergameera, miidha abalaa kanaa xiqqeessuufis hojjechaa jira'' jedhan.
Roobni cimaa Dilbata halkan erga roobe booda Dilbataafi Wiixata ganama sigigi lafaa lama akka mudatan Hogganaan Kominikeeshinii godinichaa Obbo Kaasahuun Abbaayinah BBC’tti himaniiru.
Lafni citee manneen jireenyaarra kan jige yoo ta’u suuraaleen qoodaman reeffi namootaa biyyoo itti tuulame jalaa yeroo baafaman mul’isa.
Keessumaa sigiga lafaa Dilbata bari mudate hordofee osoo namoonni birmatanii jiranii si’a lammataaf lafni sigigaate.
Wiixata naannawa sa’aatii afuritti dura taa’aa gandichaa dabalatee miseensonni poolisiifi jiraattonni lakkoofsaan baay’ee ta’an lubbuu baraarurra osoo jiranii lubbuun namoota hedduu darbeera.
Barbaacha hanga ammaa taasifameen reeffi dubartoota 50 fi dhiirota 100 argamuu hogganaan kominikeeshinii godinichaafi walitti qabaa koree balaa atattamaa kan ta’an Obbo Habtaamuu Fetanaa ibsa har’a kennaniin dubbachuu isaanii qajeelchi kominikeeshinii godinichaa fuula Fesbuukii isaarratti beeksiseera.
Qondaaltonni naannichaa hojii lubbuu baraaruu fi reeffa barbaaduu cimsanii akka itti fufanii jiran ibsi qajeelfamichi baase eera.
Dabalataan, lakkoofsi namoota balaa kanaan du’ani dabaluu akka danda’u Obbo Habtaamuu dubbachuu isaanii gabaaseera.
BBC’n Obbo Kaasahuniin Wiixata galgala yoo dubbisu bulchaa gandaa fi poolisii tokko dabalatee namoonni 30 maqaan isaanii barame du’uu himan. Waliigala lakkoofsi namoota balaa kanaan du’anii 55 gahuu ibsanii ture.
Bakka sigigi kun dhaqabetti hojiin qotanii namoota lubbuun oolan baraaruu fi reeffa baasuu cimee itti fufuu kan himan Obbo Kaasahun, halkan edaa fi har’as namoota dhaban baasuuf yaalaa akka jiran himan.
Viidiyoo yeroo namoonni dhibbaan lakkaa’aman bakkichatti argamuun lafa sigigaate jalaa namoota baasuuf qotan agarsiisu miiidyaa hawwaasaa irratti qoodameera.
Hojii lubbuu oolchuu cinatti dahoo ykn dunkaanni yeroof tajaajilu qophaa’uun deeggarsi akka kannamus Obbo Kaasaahuun himaniiru.
Naannichatti darbee darbee sigigi lafaa mudatee kan beeku tahus lubbuu namoota haga kanaa yoo dabarsu garuu kun kan jalqabaa tahuu Obbo Kaasaahun BBCtti himaniiru.
Gabaasni UN akka agarsiisutti Kibbi Itoophiyaa ji’oota darban keessa rooba jabaa fi lolaadhaan naannolee biyyattii miidhaman keessaa tokko.