Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee sigiga lafaa Iluu Abbaaboor aanaa Bachootti irra deddeebiin mudate jiraattoonni maal jedhu?
Balaan sigiga lafaa kun aanaa Bachoo ganda Gammachiisaa iddoo addaa Tulluu Guttii jedhamutti kan qaqqabe yemmuu ta’u, balaan kun torbee jahaa keessatti al lama mudateera.
“Uummanni sodaa guddaa keessa jira. Yaaddoo guddaa keessa jira,” jedhan jiraataan aanaa Bachoo BBC’n haasofsiise.
Itti-gaafatamaa Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Bachoo kan ta’an Obbo Nabiyyuu Taammanaa, “Sigigaan kun Fulbaana 7 bara 2016 eegale. Gidduuttimmoo adda cite ture. Deebi’ee guyyaa kaleessaa Onkololeessa 18 immoo deebi’ee eegale” jedhan.
Jiraataa ganda Gammachiisaa kan ta’an Obbo Dagaagaa Bantii immoo, “Tulluu Guttii jedhamurraayi kan inni jalqabe. Amma naannoo mandara mana namaa gaheera, haala sodaachisaarra jira” jechuun himan.
“Tulluun Guttii guddaadha, mandara gidduu jira, namni bitaaf mirgasaarra jiraata. Gara abbootii warraa 90’tu naannnoo tulluu sanaa jira. Manni barumsaas tulluu kana jala jira” jechuunis dubbatan.
Balaan sigigaa lafaa kana dura naannoo sanatti mudatee kan hinbeekne ta’uu kan himan jiraataan kun, “Laftisaa ganama gara bariitti ol aaraa ture. Aarrisaa samiitti ol aara. Guyyaa naannoo sa’aa 10’ttimmoo ni dhoo’e. Yeroo dhoo’u sagalee guddaa dhageesisa” jechuun haala balaan kun guyyaa dheengaddaa itti qaqqabe ibsan.
“Uummanni sodaa guddaa, baay’e sukkanneessaa keessa jira. Yaaddoo guddaa keessa jira” jechuunis jiraattonni naannoo yaaddoo qabanirraa ka’uun gara magaalaa ollaa fi iddoowwan birootti godaanan akka jiranis himaniiru.
“Erga dheengaddaatii mi’a namaa guuraa jirra; horiis naannoo sanarraa kaasnee uummanni bakkee jira” jechuunis dubbatan.
Qabeenya malee namni hin miidhamne
Balaan sigiga lafaa aanaa Bachooti mudate oyruu bunaa qonnaan bultootaafi lafa dheedumsaa horii irratti miidhaa geesisuu Obbo Nabiyyuun dubbatan.
“Ammatti lafa hektaara 10 ol kan ta’udha sigigaatee kan jiru. Qabeenya nama dhuunfaa wantoota garagaraa balleessee jira” jedhan.
Haa ta’u malee lubbuu namaa, mana jireenyaa akkasumas loon irratti miidhaan qaqqabe akka hinjirre himaniiru.
Obbo Dagaagaa Bantii gama isaaniitin, “Buna nama 25’tu sigigaa kanaan dhume. Yeroo duraa naannoo hektaara 15’tu safarame amma immoo naannoo hektaara sadii gaheera. Walitti hektaara 18 ta’a jechuudha” jedhan.
Maatiin harka qalleeyyiin firii bunaa funaanuun gurguruun jiraachaa turan fi oyruun bunaa isaanii balaa sigiga kanaan jalaa miidhame rakkoof saaxilamuu kan himan jiraataan kun, “Isaan deeggarsa barbaadu, harka namaa eeggachaa jiru” jedhan.
Qaamoleen mootummaa iddichatti deddeebi’uun jiraattota naannoof gorsa kennuu kan himan Obbo Dagaagaan, “dhufanii ‘warri naannoo sanaa of eeggadhaa. Har’a mana keessanii bahaa deemaa yoo isiniin jenne ni rakkattu’ waan jedhan malee deeggarsi karaa mootummaatin godhamaa jiru hinjiru” jedhan.
Gama biraatiin sigigni lafaa kun irra deebiin mudachuun namaafi qabeenyarratti miidhaa qaqqabsiisuu mala yaaddoon jedhu hawaasa bira jiraachuu kan himan Itti Gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Bachoo Obbo Nabiyyuu Taammanaa, “hawaasni gandichaa ‘sodaa qabna’ jechaa jiru.
‘‘Sodaa kanaaf furmaatni maal ta’a kan jedhuuf sadarkaa aanaatti koreen hundaa’ee Waajjirri Buusaa Gonofaa aanaas koree waliin ta’uun yeroo lama achi deemanii ilaalanii jiru. Akka ogeessaattis wantoota godhamuu qaban qabsiisaniiru” jedhan.
“Sadarkaa aanaatti hawaasni bakka sigigni kun itti mudaterraa siiqee akka taa’uuf ofeeggannoon taasifamuu qabu hundisaayyuu qaqqabee jira” jechuunis himan.
Dabalataan sababni sigiga kanaa ammatti qoratamee adda bahu baatus guyyoota balichi itti uumametti naannichatti roobni akka ture angawaan kun himaniiru.