Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liindaa Kaayiseedoo: Shamarree kaansariirraa bayyanachuun taphattuu urjii waancaa kubbaa miilaa addunyaa taateen wal baraa
Liindaa Kaayiseedoo kilabiiwwan addunyaarratti beekamoo ta’an keessaa tokko kan ta’e, Riyaal Maadiriidiif kan mallatteessite sa'aatii dhumarratti baatii Guraandhalaa ture.
Shamarreen umuriinshee waggaa 18, Liindaan guyyaa Riyaal Maadiriidiif mallatteessiteetti maatii fi hiriyoota ishee waliin gammachuu qoddachuu hin dandeenye turte.
Sababiin isaas, lammii Kolombiyaa kan taatee Lindaan, dhimmi ol adeemtuu biyyasheetti kan kaansarii dhukkubsachuun guyyaa sanatti wallaansa baqaqsanii yaalamu taasiiftu tokko waan ishee yaaddeesseef, guyyicha bilbilaan dhimma mucaa sanaa horofaa dabarsite turte.
Kunis Liindaan jireenya ishee keessatti dhimma akkamiitiif dura akka kennitu kan agarsiisuudha.
Liindaan dirree waancaa kubbaa miilaa addunyaa dubartootaa 2023 kanarratti urjiiwwan mul'atan keessaa tokko. Haata’u malee, sadarkaa kanarra gahuuf Liindaan kubbaa miilaatiin alatti bu’aa bahii hedduu keessa akka dabarte beekti.
Liindaan waggaa 14 taatee ture gara garee kubbaa miilaa pirofeshinaalii fi kubbaa miilaa idil-addunyaatti kan makamte.
Haata’u malee waggaa 15ffaa isheerratti ammoo dhiibee kaansariin akka qabamte qorannoon barame. Ammaan tana ammoo kaansarii irraa bayyanachuun kilaboota addunyaarratti beekamoo ta’an keessaa tokko kan ta'eetti makamuun taphachaa jirti.
Imala ishee tibbanaanis dorgommii waancaa kubbaa miilaa addunyaa dubartootaa Sidiiniitti gaggeeffamaa jiru irratti biyyashee Koloombiyaa bakka bu’uun taphataa jirti. Kanaanis tapha baniinsa waancaa addunyaatiin biyyishee Kolombiyaan Kooriyaa Kibbaa yoo injifattu, Liindaan eegduu goolii Yoon Young-geul irratti goolii galchte.
Kanaanis, shamarree umuriin xiqqaa Waancaa Kubbaa Miilaa Dubartoota Addunyaa irratti goolii lakkoofsiifte kan lammaffaa taatee jirti.
Liindaa shamarreen umuriin waggaa 18 fi guyyoota 153 taateen dura, shamarreen biraa umurii xiqqaa seenaa waancaa addunyaarratti goolii lakkoofsiifte lammii Biraaziin kan taatee Maartaa Viiyaraa de Siilvaa turte.
Maartaa taphattoota kubbaa miilaa dubartootaan wal dorgomsiisuun cimaa ta’ulleen, Liindaan garuu amma urjii dhugaa ta’usheef kun agarsiiftuudha.
Isheenis ciminsashee kanas taphata guyyaa Dilabataa biyyishee Kolomiyaan biyya shaampiyeensii addunyaa yeroo lamaa kan turte Jarmanii waliin taphateen 2-1 injifachuun mirkanneessite jirti.
Kanaanis Liindaan garee kubbaa miilaa dubartoota Kolombiyaa kan bara 2011 keessa yeroo jalqabaatiif Waancaa addunyaatiif darbaniitiif mallattoo ta’u dandeessee jirti. Erga bara sanaatii kaasees guddachaa adeeman.
Liindaan maatii hiyyeessaa irraa Kolombiyaa bakka Kaandaliiriyaa jedhamuutti kan dhalattee yoo ta’u, sadarkaa kanarra qaqabuuf haarsaa ishee gaafatee gonkumaa hin dagattu.
DHiheenyattis Liindaan naannawa itti dhalattee dhaquun nyaataafi wantoota barbaachisan kaan ummata deeggarsa barbaadaniif arjoomte jirti. Kennaa kana wayita raawwattuutti ammo miidiyaan akka darbuuf hin barbaadne turte.
Liindaan Maanaajara bara 2017 irraa kaasee garee biyyaalessaa Kooloombiyaa kan dursan, Neelsan Abaadiiyaa waliin walitti dhufeenya qabadi. Haata’u malee, waggaa sadii duraa kaaftee gargaartuu teeknikaa ta’uu hirmaataa turte.
‘‘Bara 2016 irraa kaasee gareewwan ol adeemtootaa leenjiisuunan eegale. Liindaanis garee sana keessa turte. Yeroo jalqabaatiif yoon ishee gara garee biyyaaleessatti ishee maku intala waggaa 12 turte,’’ isheenis achiiraa guddataa dhufte,’’ jedhan Abaadiiyaan.
'Namoota kaansarii dhukkubsataniif, fayyuun akka danda’amuuf ani fakkeenya’
Liindaan gara kubbaa miilaa pirofeshinaalii America de Cali’tti kana makamte bara 2019tti wayita umuriin ishee 14 turedha. Sadaasa 2019 keessa ammo waamichi kilabii idil-addunyaa jalqabaa dhyaateef.
Haata’u malee bara 2020 keessaa, tibba weerara Covid-19tti, dhukkubbiin garaa isheerratti itti dhagahamu eegale. Qorannoo gaggeeffameeninis kaansarii gadameessaa (ovarian Cancer)n akka qabamte itti himame.
Liindaanis deeggarsa maatii isheefi leenjiisaa garee biyyaaleessaa Abaadiiyaa fa’in taasifameen, dhukkuba ishee irraa bayyanachu dandeesse jirti.
‘‘Yaalii baayyee cimaa ture. Garuu galanin Waaqaaf haata’utii keessa darbu danda’eera,’’ jette. Itti dabalunis, ‘‘Maatiikoo yeroo hunda na bukkee turan, akkasumas leenjiisaan koos baayyee na waliin turan,’’ jetti.
‘‘Leenjiisaankoo yeroo hedduu naaf bilbilu. Guyyaa tokkoos osoo yaalii baqaqsanii wallaanamuutiif deemaa jiruu baayyee natti dhagahame. Kanaan booda kuphaa miilaa taphachu akkan hin dandeenye natti dhagahamee ture. Innis hin yaadda’iin jabaadhu ni deebiita naan jedhe. Kanaafuu leenjiisaakoo galateeffachuun barbaada,’’ jechuun himte Liindaan.
‘‘Namoota akka kiyyaa haala rakkiisaa keessa jiraniif, akka irra fayyamuun danda’amu ani fakkeenya ta’un danda’a.’’
Liindaan yaalii baqaqsanii wallaanamuutiin boodas wallaansa qarallaa (kemooteeraappii) baatiiwwan jahaaf fudhatte jirti. Achumaanis guyyaa itti wallaansicha xumurteetti kaansarii irraa bilisa ta’unshee itti himame. Isheenis isaan booda gara leenjii kubbaa miilaa jaalattuutti deebiite.
Isaan boodas gareewwan biyyaaleessaa fi Deportivo Cali jedhamu keessatti taphachuu eegalte. Kanaanis muxxanoo waancaa sadarkaa addunyaa argachu dandeessee jirti.
Bara 2022 keessa ammo Liindaan dorgommiiwwan idil-addunyaa afur keessatti taphatee jirti. Isaanis, Shaampiyoonaa dubartootaa umuriin wagga 17 gadi Ameerikaa Kibbaatti, Koostarikaa keessatti ammoo Waancaa dubartootaa wagga 20 gadii, Hindiitti ammo Waancaa addunyaa dubartoota wagga 17 gadii fi Koppaa Ameerikaa Femeninaa turan.
Dorgommiiwwan addunyaa kanarratti ture egaan dandeettiin Lindaan qabdu ajaa’ibsiisaan kan hubatame. Yeroo sanattis qopheessituu Koppaa Ameerikaa kan turte biyyishee Kolombiyaan tapha xumuraa irra yoo qaqabdu, Liindaanis taphattuu urjii barichaa jedhamuun filatamte turte.
Haata’u malee Kolombiyaan Biraaziiliin 1-0 injifatamtulleen waancaa addunyaa bara 2023’f darbuu dandeessee jirti.
‘Ammalleen ijoollee waanan ta’eef barachuun qaba’
Liindaan Guraandhala 2023 keessa waggaa 18 akkuma guutteen, guyyaa muraasaan booda ture kan Riiyaal Maadiriid’f mallatteessite. Kanaanis taphattoota kubbaa miilaa torba kilaboota Iseen keessatti garee waancaa addunyaa Kolombiyaatiif taphatan keessaa tokko taatee jirti.
‘‘Fiiyya’uudhaafi guddachuuf biyyaa bahun si barbaachisa. Akkasumas deeggarsii leenjiiftootaafi deeggartootaas na gargaareera. Haala akkasiitin kanan Riiyaal Maadiriid keessatti eddo kiyya mirkanneeffachu danda’e,’’ jetti Liindaan.
‘‘Gareewwan umuriin wagga 17, 20 gadiitiif taphadheera. Amma immo taphattoota muuxannoo baayyee qaban waliinana Waancaa Addunyaa irratti hirmaachuuf, taphiiwwan kanaan dura taasisee na gargaaraniiru. Sarkaalee hundarratti baradheera. Kanaafu, waancaan addunyaa kunis bakkan itti muuxannoo dura qabu na gargaaruu akka ta’e natti dhagahama,’’ jechuun ibsiti.
‘‘Ammalleen ganaa ijoolleedha. Ganaa baayyee barachuun barbaada. Garee kana keessatti guyyaa hundan muuxannoo argadha. Kunis Waancaa Addunyaa jalqabaakooti. Kanaanis gammaduun barbaada. Yeroo baayyees qaba.’’
Gargaaraan Kilabii Biyyaaleessaa Kolombiyaa, Anjaloo Maarsiigliiyaan Liindaadhaan taphattuu dandeettii ‘‘ajaa’ibsiisaa’’ ta’e qabdu jechuun ibsa.
‘‘Kuphaa barbaaddi, gonkumaa hin dhoksitu. Isheeniis ardii biraa irraa dhufte, guutummaatti addadha,’’ jedhan.