Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naa'oomii Girmaa: Gatii rikardii addunyaa taheen Cheelsii seente
Taphattuun sarara ittisaa garee biyyaalessaa Ameerikaa Naa'omii Girmaa, gatii jijjiirraa taphattootaa dubartootaa rikardii taheen Cheelsii seente.
Taphattuun ganna 24 Naa'oomiin Cheelsii waliin hanga bara 2029tti waliigaltee mallatteessite.
Saan Diyeegoo irraa paawondii 900,000'n Cheelsii kan seente Naa'oomiin, Cheelsii filachuun ''anaaf salphaa ture'' jette.
''Baay'ee gammadeera. Dhugaa natti hin fakkaanne ture...'' jette.
Tapha Cheelsiin Arsenaaliin 1-'0 mo'ate irratti deeggartoota waliin wal barsiifamteetti.
''Taphattoota kilebichaa, aadaa kilebicha keessaa fi xiinsammuu injifachuuf qabantu akkan Cheelsii seenu na gargaare'' jette.
Garee biyyaalessaa US waliin dorgommii kubba miilaa Olompikii darbe irratti gaggeeffameen warqee injifataniiru.
Leenjistuun Cheelsii Naa'oomii Girmaa nu filachuu isheetti hedduu gammadeera jette.
Naa'oomiin bara 2023 taphattuu cimtuu Ameerikaa tahuun filamteetti.
---------------------------------------------
Bara 2000'tti kan dhalatte Na'oomiin, taphattuu ittisaa kilaba kubbaa miilaa dubartootaa, San Diego Wave FC, jedhamuu yemmuu taatu, jalqaba gara garee isa tokkoffaa garee biyyaalessaa US'tti kan waamamte bara 2020'tti ture.
Haata'u malee garee biyyaalessaa kana waliin milkaahina kan argattee irra deebiin bara 2022 yeroo waamamteedha.
Tapha Ebla bara 2022 garee Uzbeekistaan waliin goodhame irratti daqiiqaa 90 guutuu taphachuun tapha ishee jalqabaa milkiin goolabde.
Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa dubartootaa US marsariitii isaa gubbaatti waayee Na'oomii Girmaa barreefama baaseen, Na'oomiin bara 2022 keessa Shaampiyoonaa Addunyaa Concacaf irratti yeroo afur hirmaatte keessaa lamaan irratti filannoo jalqabaa ta'uun taphachuu ibseera.
Kanaanis gareen US Waancaa addunyaa bara 2023'fi Olompiika gannaa bara 2024'f akka darbu gargaarteettii jedha.
Shamarreen kun garee dubartootaa ganna 17 gadii, 19 gadii fi 20 gadii irratti kan hirmaatte yeroo ta'uu garee umrii 20 gadii biyyattiif dursituu taphattootaa ta'uun gareen kun bara 2020'tti shaampiyoonaa Concacaf akka ta'u gargaarteetti.
Na'oomiin hirmaannaa ishee garee dubartootaa umrii 20 gadiin waancaa 20 argachuu dandeesseetti.
Baruma 2020 keessas dubartii cimtuu oladeemtuu barichaa jedhamuun filatamteetti.
Bara 2022 taphattuu piroofeeshinaalaa garee kubbaa miilaa San Diego Wave FC taatee yeroo jirtu bara dorgommii isaanii jalqabaatti warra milkaahaniif badhaasa kennamu ( NWSL Rookie of the Year) jedhamu akkasuma taphattuu ittisaa jabduu (Defender of the Year ) jedhu argatteetti.
Bara tokkotti badhaasota lamaan kana argachuunis dubartii jalqabaa taateetti.
Ofii eenyu isheen?
Na'oomiin Girmaa Waxabajjii 14, bara 2000'tti abbaa ishee Girmaa Awweqee fi harmee ishee Seblee Damissee irraa dhaltte.
Abbaa fi haati ishee umrii dardarummaa isaaniitti Itoophiyaa irraa gara US imalan.
Maatii obbo Girmaaf mucaa quxusuu kan taate Na'oomiin, obboleessa hangafaa Naatna'eel Girmaa jedhamu qabdi.
Na'oomiin Yunivarsiitii Istaanfoord irraa barnoota Simboolik Sisteems (symbolic systems) jedhamuun digirii jalqabaa kan argatte yoo ta'u, barnoota 'Management Science and Engineering' jehdamuunis Maastarsii ishee barachaa jirti.
'Wanta hojjettu irratti xiyyeeffadhu'
Na'oomiin Waancaan kubbaa miilaa dubartootaa Addunyaa Niiwzilaandiifi Awustiraaliyaan waliin qopheessan eegalamuu sababeeffattee garee biyyattiin gaaffiifi deebii suur-sagaleen deeggarameen yaada kenniteetti.
Lakkoofsa afur uffattee ittisa irratti kan taphttu shamarreen kun kubbaa miilaan cinaatti kubbaa kaachoofi jimnaastikiis akka shaakaltu himte.
''Kitaaba dubbisuufi qarqara galaanatti lixa aduufi damabalii galaanaa arguun na gammachiisa, na bashannansiisa'' jetti.
Jireenya ishee keessatti gorsi guddaan hin daganne '''Wanta hojjettu irratti xiyyeeffadhu, wanta to'achuu dandeessu to'adhu'' jechuun kennameef akka ta'e ibsiti.
Ofii kee nama biraa waliin hin madaaliin, wanta kaan hojjetan hin ilaaliin, ofii keerratti xiyyeefadhu. Ofii kee fi wanta hojjettu irratti xiyyeefadhu. Wanta to'achuu dandeessu to'adhu.
''Yeroo hundumaa ni ni danda'ama'' kan jedhu akkamiin hubatta?
''Carraalee dhuma hin qabne argachuu fi ilaalcha isa sirrii ta'een wanta kamuu milkeessuu. Amanuu fi deeggarsa argachuudha'' jetti Na'oomiin.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.