Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waajirri Netaaniyaahuu waliigalteen namoota butamanii amma fudhatama argachuu hime
Waajjirri Ministira Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu ''dhimma namoota butaman gadhiisuurratti'' waliigalameera jedha.
Netaaniyaahuun Hamaas waliigalticharratti jijjiirama daqiiqaa dhumaa barbaada jedhee himachuudhaan, waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa kan Kamisa eegaluuf ture raggaasisuuf sagalee kaabinee irratti kennisiisuun akka harkifatu taasise.
Jimaata ganama waajjirri isaanii, Netaaniyaahuun waliigaltee kana irratti waliigalaamuu garee mariisiftootaan itti himamuu beeksiseera.
Kaabineen nageenya siyaasaa biyyattiis guyyaa Jimaata gara boodaa akka walga'u kan ajajee yoo ta'u, mootummaan ammoo ''sana booda waliigalticha raggaasisuuf walitti qabama'' jechuun waajjirri Netaaniyaahuu beeksiseera.
Maatiin firoonni isaanii jalaa butamanis itti himameera jechuun dabaluun ibseera.
Bakka bu'oonni Israa'el, Hamaas, Ameerikaa fi Kaataar waliigaltichaa Dohaa keessatti mallatteessuu isaanii miidiyaaleen Israa'el gabaasaniiru.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun jalqaba gaafa Roobii ture kan mariisiftootaa, Ameerikaa fi Kaataariin, ibsamee ture.
Ministirri Mummee Kaataar Sheek Mahaammad bin Abdul Raahmaan Al Taanii, waliigaltichi gaafa Dilabataa hojiirra akka ooluu beeksiisanii ture. Kaabineen Israa'el garuu waliigalticha mirkanneessuuf ni harkifate.
Yeroo sanatti, Netaaniyaahuun gadi fageenyi waliigaltichaa kan dhumaa ammallee irratti hojjetamaa akka jiru dubbatanii, garuu Baayidan ''beeksisuuf'' isaatiif galateeffataniiru.
Sana booda, Netaaniyaahuun kaabinee Kamisa kaleessaa waliigalticharratti sagalee kennuun raggaasisuu tursiisuun, Hamaas ''haala muddama daqiiqaa dhumaatti fayyadamuuf'' yaalaa jira jechuun himate.
Hamaas waliigaltee kanaaf kutannoo qabaachuu ibseera, haata'u malee BBCn miseensota isaa tokko tokko tarree hidhamtoota Filisxeemootaa kan waliigaltee kanaan gadhiifaman irratti dabaluuf yaalaa akka jiru hubata.
Mariisiftoonni Israa'el marii ji'ootaaf gaggeeffamaa ture kanaan waliigaltee kana irratti waliigalanillee, hanga kaabinee nageenyaa fi mootummaan raggaasifamutti hojiirra ooluu hin danda'u.