Boordiin Filannoo kaffaltii waraqaa ragaa paartilee birrii 200 irraa gara kuma 30tti guddise

Asxaa Boordii Filannoo Itoophiyaa

Madda suuraa, NEBE

Boordin Filannoo kaffaltii waraqaa ragaa paartilee haaraa galma'anii birrii 200 ture gara kuma 30tti ol kaase.

Hamma kaffaltii Boordiin Filannoo baaseen paartileen siyaasaa haaraa hundeeffaman beekamtii dhaabbataafi yeroodhaaf waraqaa ragaa argachuuf birrii kuma 45 kaffaluun irraa eegama.

Paartilee siyaasaa galmeessuu akkasumas hordofuufi to'achuun itti gaafatamummaa labsiidhaan kan qabu Boordiin Filannoo tajaajila kennuuf kaffaltii gaafatu irratti daballii gochuu har'a ALItti Onkoloeessa 12, 2017 beeksise.

Wiixata Onkoloessa 11 irraa qabee hojiirra kan oole fooyya'insi gatii kuni tajaajila boordichi kennuu sadii kan ilaallatu dha.

Tajaajilawwan daballiin gatii irratti taasifame keessaa tokko waraqaa ragaa yeroof turu paartileen haaraa galmaa'an boordicha irraa argataniidha.

Namoonni paartilee biyyaalessaafi naannoo hundeessuu barbaadan, yoo xiqqaate qaboo yaa'ii mallattoo nama 100 qabu, maqaa paartii kan yeroo, akkasumas "seera filannoofi seerota biroo kabajuusaanii kan agarsiisu" gaafa dhiyeesan ni beekamtiin yeroo ni kennamaaf.

Beekamtiin yeroo kun, paartileen beekamtii guutuu boordii filannoorraa argachuuf wantoota guutuu qaban kanneen akka mallattoo hundeessitootaa sassaabuu, kora waliigalaa hundeessitootaa gaggeessuu akkasumas hojiiwwan biroo hundeeffama paartichaan wal-qabatan raawwachuuf kan gargaarudha.

Daballiin kaffaltii osoo hin taasifamin dura paartileen haaraa hundaa'an beekamtii yeroo argachuuf birrii 100 kaffalu turan. Daballii gatii haaraa boordin filannoo taasiseen gatiin paartilee beekamtii argachuuf kaffalan gara birii 15,000tti ol guddatera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Paartileen hundeeffama irra jiran beekkamtii yerootti fayyadamuun mallattoo walitti qabuun yaa’ii waliigalaa hundeeffamaa erga gaggeessanii booda akka dhaaba siyaasaatti akka socho’an kan isaan dandeessisu ragaa beekamtii guutuu boordicha irraa ni argatu.

Hammamtaa kaffaltii kanaan duraa keessatti paartileen beekamtii guutuu kana argachuuf birrii 200 kaffaluun dirqama ture.

Tajaajilawwan paartilee siyaasaa irraa argaturratti kaffaltii olaanaa dabaluu kan beeksisee tilmaamni kaffaltii Boordii Filannoo haaraa, birrii kuma 30tti ol-gudiseera.

Akka tilmaama kaffaltii boordii filannoo haaraatti kaffaltiin tajaajilaa paartileen haaraa hundeeffaman beekamtii yeroo argachuu fi hojiiwwan hundeeffamaa raawwachuuf kaffaluu qaban, akkasumas, hojiiwwan kana xumuruun beekamtii guutuu argachuuf kaffaluu qaban walumaa galatti birrii kuma 45 ta’eera.

Tajaajilli biroon Boordiin Filannoo dabalata irratti taasise yeroo dhaabbileen siyaasaa galmaa’an, yaa’ii waliigalaa gaggeessuun sanadoota isaanii fooyyessanii beekkamtii argachuuf Boordii Filannoof dhiyeessan kan kaffalamuudha.

Kaffaltiin kun kanaan dura birrii 30 kan ture yoo ta’u, amma birrii 5000 akka ta’u murtaa’uu isaa boordichi beeksiseera.