Qabxii dhabuu Kubbaa miilaa Itoophiyaaf sababni maali? Dorgommii dhiisuun filannoo ta'aa?

Garee biyyalessaa Itoophiyaa

Madda suuraa, EFF

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itoophiyaa (Waaliyaa) Waancaa Afrikaa bara 2025 irratti hirmachuuf taphoota ramaddii jaha taphatu keessaa afur taphatee qabxii tokkoon ramaddisaa keessaa dhumarra jira.

Istaadiyoomiin Itoophiyaa keessa jiran sadarkaa FIFA kan hin guutne waan ta'eef tapha dirreesaatti taphachuu male biyyoota adda addatti kan taphatu gareen Itoophiyaa, taphoota lama guyyoota darban Giinii waliin godheen gooliin 7 itti galee injifatame.

Itoophiyaan taphoota lamaan ramaddii ji'a dhuftu DR Koongoo fi Tanzaaniyaa waliin taphatti. Haata'u malee osoodhuma taphoota lamaan injifatteeyyuu darbuudhaaf hireen qabdu waan raawwateedha.

Qabxii dhabuu garee biyyaalessaa kana ilaalchisee yaadonni gamaa gamanaa hedduun ni dhagaahamu.

Dursaan taphattootaa garee Itoophiyaa Gaatooch Paanoom ''garaagartummaa guddatu nu gidduu jira, hojjechudhumatu nurra jiraa'' jechuun BBCtti himeera.

Leenjisaan Garee Biyyaalessaa Gabramadin Haayilee Kamisa Onkololessa 17/2024 ibsa miidyaaleef kennaniin ''Giinii waliin garaagarummaan dandeettii yookiin humnaa qabatamaan'' mul'achuu dubbatan.

“Garee guddaa qabannee miti kan Giinii waliin taphanne. Giiniin baay’ee nu caala. Kanaaf al tokko tokko amanuun ni barbaachisa” jedhan.

Gaazexessaa ispoortii kan ta'ee fi kubbaa miilaa Itoophiyaa itti dhiyeenyaan kan hordofu Zeraa'ii Iyyaasuu ''qabxiin fi taphni garee Itoophiyaa gulaallii waancaa Afrikaa fi addunyaarratti agarsiiseen gammadaa miti'' jedha.

Taphoota murtaahan daawwadheera qabxii argamettis tapha taajjabeen akka maatii kubbaa miilaa tokkootti wantan arageengammadaa miti,qabxiin argames wanta maatii kubbaa miilaa barbaadu akka hin taane gaaffii hin qabu'' jedhe Zeraa'ii.

Gaatooch taphoota dirree alagaatti gaggeessan booda yaada kenneen taphattootni garee Itoophiyaa ''miira gaddaa, aariifi gaabbii'' keessa galanii biyyattii deebi'an'' jedha.

Maxxans BBCn hordoftootnisaa waayee kubbaa miilaa Itoophiyaa fi qabxii galmeessaa jiru irratti yaada akka kennan gaafate irratti namootni dhibbaan lakkaa'aman yaada kennaniiru.

Yaadni garri caalu garee Itoophiyaarraa injifannoo eeguun rakkisaa ta'aa akka dhufe, filmaata taphattootaarratti jijjiiramni godhamuu akka qabuufi yeroodhaaf gareen kun dorgommii dhaabee qophii gahaa gochuu akka qabu fa'a dhiyeessan.

Qabxii dhabuu Kubbaa miilaa Itoophiyaaf sababni maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggoota dheeraaf garee biyyaaleessaa waliin kan ture Shimallis Kabbadaa garee biyyaalessaa keessaa soorama buu hordofee dursaa taphattootaa kan ta'e Gaatoch, rakkoo gareesaa bira jiru gahumsa madaalu dhabuu ta'uu amanuun akka barbaachisu dubbata.

''Homaa waan biraa miti. Hojiin hojjetamuu qaba. Gahumsaan, leenjiin waan maraan nu caalu. Isaan biyyoota Awurooppaa keessaa taphatu. Nuti ammoo hundi keenya liigii biyya keessa taphanna. Sadarkaan liigii isaan keessa jiraniifi kan biyya keenyaa garaagartummaa guddaa qaba.''

''Biyya keenya keessatti namni taphataa fi lenjisaarratti farada. Garuumoo bu'uurarraa hojjetamuu qaba'' kan jedhu Gaatoch taphattootni Itoophiyaa tattaaffii ofiin malee hojiin gahaan irratti hojjatamee sadarkaa kanarrayyuu hin geenye jedha.

''Akka biyyattii namni hunduu kubbaa miila keenyaaf xiyyeeffannoo hangamii kennineerra kan jedhu ilaaluu qaba'' jedha.

Gaatoch biyyoota warra kana waliin dorgomaa ta'uuf wanti ta'uu qabu tokko ''hojiifi hojii qofa.''

Garee biyyaalessaaf taphattootni kilabootarraa filatamanii yeroo gabaabaaf waliin leenji'u. Akka Gaatoch jedhutti hojii guddaan kilaboota bira hojjetamuu qaba. Ammoo gahumsi kilabootni leenji gahumsa taphattootaa cemsuuf qaban gad-aanaa ta'uu sadarkaa garee biyyaalessaattis hanqina guddaa kan qabu akka ta'e rakkoo gama meeshaalee jiimiirra jiru akka fakkeenyaatti kaasuun hima.

''Iddoo amma geenye kanarrayyuu kan geenye tattaaffii dhuunfaa taphattootaan malee hojii gahaa akka kilabaa fi biyyaatti hojjetamee miti.''

Dhimma Dirree

Gareen biyyaalessaa Itoophiyaa amma duradirreessaatti dorgommiiwwan gaggeesserratti injifatamee beeka. Yoo xiqqaatee deeggarsa fi olaantummaa xiinsammuu qe'eetti qabu fayyadamee yeroo qabxii argatu irra deddeebiin taajjabneerra.

Gaatoch dhiibbaa dirree ofiirratti morkachuun qabu salphaa miti jedha, akka TVn argan miti.

''Liigichi jajjaabaatu malee eessayyuu gahuu hin dandeenyu''

Gatooch Paanom

Madda suuraa, EFF

''Dhiibbaa qaba, dirreen kaan waan mijatu qofaaf garaiidha jechuumiti. akkuma dhaqxeen kubba adhiittee kan irratti dorgomtu miti. itti baruu qabna nuti. Warri kaan dirree kanaan walfakkaaturra dorgomaa bahanii dhufu. Nutti garuu bitaa galuu danda'a'' jedha.

Dabaluunis ''osoo dirree ofiitti taphachuuf hiree qabaanneerra ta'ee qabxii kanrra fooyyee qabu fiduu akka dandeenyu hin shakku'' jechuunis bu'urrii misooma kubbaa miilaa biyyattii hanqina qabachuun bu'aa argamaa jiruuf gahee tokko bahachuu hima.

Ammoo rakkoo kana furuun qofti bu'aa dhufu jijjiiruu hin danda'uu jedha.

Akkuma Gaatoch Zeraa'iinis hanqinni bu'ura misooma kubba miilaa sababoota qabxii dhabuu kubbaa miilaa Itoophiyaa keessaa tokko dha jedha. Innis tokko dha malee isa tokkicha miti jechuun dubbata.

Hanqina hoggansaa

Zeraa'iif rakkoon biiroon ijoodha ittiin jedhu ''hanqina bulchiinsa gaariiti.''

Dameen Ispoortii kun warra kubbaa miilaa beekaniin hoogganamaa hin jiru. Kun jala sararamee hubatamuu qaba'' jedha.

Amma dura yeroo dheeraaf hojiin bu'uraa sadarkaa gadiitti hojjetamuu qaba, godaa asii ol fooyya'aafi wayyaa'a dhufuu qaba jechaa turree kan jedhu gazexessaan kun amma ammoo ''yeroo itti faallaasaa jennudha'' jedha.

''Hooggansa irratti hojjetamuu qaba. Sababnisaa kubbaa miilaa Itoophiyaa akka dhaabaattis, sadarkaa kilabaattis kan hoogganaa jiran beekumsa gahaa warra hin qabne, hubannoon waayee kubbaa qaban gadaanaa kan ta'eenidha.''

''Kanneen hojii kana akka hojii yeroo boqonnaa isaaniitti kan ilaalan akka jiranis ni beekna kan jedhu Zeraa'ii, namootni kunniin yookiin beekumsa akka horatan godhamuu qbau ykn bakka sana nama beekumsa gahaa qabuuf gadhiisuu qabuu jedha.

Gaatoochis yaada hanqinni hoggansaa jiraachuutti ''tolcheen waliigalaa'' jedha.

''Rakkoon kun mirkanatti jira. Kilaboota gurguddoo jettu baayyee dadhabaa jiru. Dur kilabootni taphattoota jahaafi torba garee biyyaalessaaf filachiisan kan akka Goorgiisii, Buna amma eessa jiru? taphattoota tokko lama filachiisuuyyuu dadhabaniiru. Liigichis sababuma kanaatti dhadhabaa deeme.''

Kilabootni yoo jajjabaatan gareen biyyaalessaa jabaata, kan jedhu Gaatoch, ''haala amma jiruun Liigiin Itoophiyaa akka malee laafaa deemaa jira'' jedhe.

''Liigichi jajjaabaatu malee eessayyuu gahuu hin dandeenyu.'' Seerotnis yoo bahan kubbaa miilaa jajjabeessaa kan jedhu gaafachuun barbaachisa jedha Gaatoch.

''Akka kootti seeroti bahaan kubbaa keenya ajjeesaa jiru malee fooyyesssaa hin jiran.''

Zeraa'iin hooggansi jiru dorgommii qopheessuu akka hojii ijootti ilaalee isuma raawwachaa jiraa jedha.

''Hoggansarra rakkoo guddaatu jira. Rakkoo guddaa. Gudddattootarratti hojjechuudhaaf kilaboota hunda irratti haala jechuun danda'amuun fedha xiqqaatu jira. Fedha wanti jedhamu hin jiru... dorgommii qopheessuun ala misooma ispoortichaarratti yeroo hojjetan hin argitu. Dorgommiin qofti ammoo jijjiirama hin fidu.''

Federeeshiniin Kubbaa miilaa oguummaa leenjiftootaafi deeggartoota kaanii haala gahaa ta'een kennaa akka hin jirres dubbata.

''Kanaaf rakkoon dirree keessatti mul'atu bu'aa hanqina bulchiinsa gaarii dirreen ala jiruuti'' jedha.

''Kilabootni caasaa isaanii sirreessanii, hojii qindaa'aa osoo hojjetaa jiru ta'ee silaa yoona rakkoo kanarratti hin dubbannu ture'' jedha Zeraa'ii.

Qabxii dhabuu garee biyyaalessaaf hanqinoota birootti yeroo quba qabnu taphattootaafi leenjiftoota biras hanqinni hin jiru jechuu mitii jedha gaazexessaa Zeraa'ii.

Fakkeenyaaf kilabas leenjisaa garee biyyaalessaa leenjisaa kan jiran Gabramadihiin Haailee gaafatama ulfaataa lama kana fudhachuun irra hin turre, warri gahee kana kenneefis sirrii hin murteessine jedha.

Filmaata taphattootaa fi kaka'umsa taphattootni qaban ilaalchisees gaaffiiwwan ni ka'u.

Gaatochiifi Zeraa'ii dhimmi filmaata taphattootaa tooftaa taphaa leenjisaan hordofu irratti waan hundaa'uuf falmisiisaa akka ta'u dubbatu.

Ammoo taphattoota amma filatmanii taphatan cinaattii taphattootni osoo garee kana keessaa hafuu bataanii jedhaman jiraachuu dubbatu.

Kaka'umsi taphattootaas tooftaa taphaa leenjisaan dirree keessatti arguu barbaadu wajjin walqabachuu akka danda'u dubbataniiru.

Garee kana dorgommiirraa fageessuun furmaata ta'aa?

Morkii Giiniifi garee Itoophiyaa

Madda suuraa, EFF

Gareen biyyaalessaa Itoophiyaa sababa dirreensaa sadarkaa FIFA guutuu hanqateef biyyoota hambaatti taphachuuf dirqamuu dabalatee dorgommiiwwan CAFfi FIFAf jecha maallaqa miiliyoona hedduu baasaa jira.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa yaa'iisaa 16ffaa yeroo darbe gaggeefame irratti geejibaa fi dirree ala tapha gaggeessuuf waggaattii baasii birii miiliyoona 27 baasuun gabaaseera jedha.

Baasii olaanaa garee biyyaalessaarratti bahaa jiru kanaafi bu'aa argamaa jiru wal-bira qabuun yaadni ''gareen kun osoo yeroof dorgommiirraa fagaatee, bu'ura misoomaarratti xiyyeefateeewo'' jedhu dhagaahamaa jira.

Gaazexessaa Zeraa'ii yaada kana guutummaatti fudhatama dhabsiisuun sirrii miti, haalli itti gargaaru jira jedha.

Gaaffiin dorgommiiwwan FIFA fi CAF irraa yeroof hirmaachuu dhabuuf murteessuun rakkoo qabaa jedhu akkuma jirutti ta'ee hireen jiraatee dorgommiirraa fagaatanii hojiilee manaa ofii xumuruun akka filannootti ilaalamuu danda'uu qaba jedha.

''Ani dorgommiirraa fagaannee hojiilee manaa keenya haa hojjennuu kan jedhu sirriittin itti waliigala'' jedha.

Gaatoch garuu yadni kun keessumaa taphattoota kubbaa miilaatiin kan fudhatama argatu hin ta'u, yaadichis bu'aarra miidhaa qaba jechuun morma.

Akka Gaatoch jedhutti madda qabxii dhabuu garee kanaati jedhamanaii yaadota dhiyaatan kanneen akka bakka buutotarratti hojjechuu, rakkoo hooggansaa sirreessuu gahumsa leenjii cimsu, bu'ura leenjii bal'isuufi kaanis osoo dorgommiirratti hirmaatanii gochuun ni danda'amaa jedha.

Dorgommiirraa fagaachuun bakka isaan haqatu beekuuf, muuxannnoo itti gahumsa gabbifatanis argachuuf hin fayyadu jehda.

''Haala amma jiruun abiin badaa hin jiru mitii? garuu warri amma jirru hamma dandeenyu godhaa jirra. Garuu sadarkaa gadiitti hojjetamuu qaba. Kana gchuuf ammoo dorgommii adda kutuun hin gargaaru.''