Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphattoota urjii Riyaal Maadirid maaltu mudate?
Riyaal Maadirid taphattoota urjii adunyaa kana irratti filatamoo jedhaman qabachuun dirree isaa irratti salphate.
Baarseloonaan taphattoota ol adeemtota irraa ijaaramaa jiru Saantiyaagoo Bernaaboo irratti 4-0 Riyaal Maadiridiin injifachuun salphina itti uwwisan.
Ol adeemaa waggaa 17 Lamiin Yaamaal, taphataa muuxannoo guddaa qabuu fi umuriin waggaa 36 tahe Rooberti Lewaandowiskii fi Raafiinaan Riyaal Maadirid irratti galchii lakkoofsisuun injifannoo guddaa argataniiru.
Lewaandowiskiin boqonnaan booda daqiiqaa sadii keessatti galchii lama lakkoofsise.
Inumaayyu carraa Haatirikii hojjechuu qaba ture. Lamiin Yamaal ammoo taphataa umurii xiqqaan El Kilaasiikoo irratti galchii lakkoofsise taheera.
Baarseloonaan tapha tokkoyyuu osoo hin injifatamiin taphoota 43dhaan rikardii bara 2018 galmeesse Riyaal Maadirid Baarseloonaa injifachuun qooddachuuf ture.
Gam-tokkoon rikardii isaanii eegsisuun, gama biraan ammoo injifachuun garaagarummaa qabxii isaanii gara jahaatti guddisuun deebi'an taphattoonni Baarseloonaa.
Hansi Filiik jalatti Baarseloonaan gahumsa addaarra jira.
Badhaasa Baalon d'Or boru mo'ata jedhamee kan eegamu Viinishiyees Juuner, taphataa urjii gatii qaalii tola PSG irraa fudhatan Kiiliyaan Imbaappee Riyaal Maadiridiin injifatamuu irraa oolchuu hin dandeenye.
Osoo hin mo'amiin hanga tapha 42 turtee mo'amuun hedduu nama gaddisiisa. Miira hamaa qaba jedhan leenjisaan Maadirid Kaarloo Ancjelootiin.
Baayern Muunik irraa Baarseloonaa kan gale Rooberti Lewaandowiskii Haansi Filiik jalatti akka yeroo dargaggummaa isaa gahumsa gaarii irratti argama.
Ijoollee Baarseloonaan itti amanee akkaadamii isaa irraa guddise dursuun injifannoon akka galan taasiseera.
Garuu Riyaal Maadirid irratti lakkoofsisuu jaalata. Yeroo Boorushiyaa Doortimondiif taphatu, dorgommii Shaampiyoonsi Liigii irratti galchii afur tapha tokko irratti Riyaal Maadirid irratti lakkoofsiseera.
Torban darbe kileba isaa duraanii Baayern Munik irratti lakkoofsisuun aduu torban tokkoo booda ammoo Riyaal Maadirid irratti shubbisanii galan.
Rakkoo baajataa guddaa keessa kan jiru Baarseloonaan bara darbe qabxii kudhaniin caalamee waancaa Laaliigaa dhabe.
Milkaa'ina isaaniif ol adeemtota isaanii irra amantaa kaawwatan. Leenjisaa muuxannoo guddaa qabu Hansi Filikiin ammoo qacaran.
Taphattoota El Kilaasiikoo irratti hiriiran keessaa jaha akkaadamii Laa Masiyaa keessaa kan bahanidha.
Lewaandowiskiin ammoo umuriin 36 tahus homaa umuriin isaa waan irratti dhiibbaa godhe hin fakkaatu. Bara kana taphoota Laaliiga 11 irratti galchii 14 qaba.
Lamiin Yamaal taphataa ijoollee urjii Baarseloonaa tahus kaan akka Kasaadoo, Baldee kan umuriin isaanii 21 tahanis keessa jiru.
Ittisni Baarseloonaa gara sarara gidduutti siquun taphata. Kun ammoo taphattoonni akka Kiiliyaan Imbaappee fa'aa akka taphaan ala [offside] tahan godheera.
Haalli tapha akkasii morkattootaaf ulfaataadha. Akkasumas yoo dogogora xiqqoo uumame garee haala tapha akkasii hordofuufis balaa qaba.
Impaabbeen yeroo PSG ture bara 2021 Shaampiyoonsi Liigiidhaan Baarseloonaa waliin taphatanii galchii sadii isaan irratti lakkoofsisee ture.
Akka maqaa guddaa qabutti Imbaappeen Riyaal Maadirid walin haala gaariin hin jalqabne. Galchii jaha qofa lakkoofsiseera.
Juud Beelingihaam bara darbe gahumsa guddaa irra turee fi galchii 19 lakkoofsisee ture bara kana ammoo galchii tokkoyyuu osoo hin lakkoofsisiin jira.
Galchii lama yeroo lakkoofsisan humna keenya hundaa nurraa fudhatan. carraa galchii argannee ture. Haala gaariin itti hin fayyadamne. Ammas yeroo dheeraatu jira waancaa bira gahuuf jedhan Kaarloo Anchelootiin.
Taphattoonni Riyaal Maadirid eda jecha tokkoyyuu walitti hin dubbanne. Kutaa uffannaa isaanii callisaa fi gaddaan guutameera.
Kan mo'aman El-Kilaasiikoodha. Sanuu deeggartoota isaanii fi dirree isaanii haalaan miidhakfamee ture Saantiyaagoo Bernaaboo irratti.
Taphattoonni Baarseloonaa shuubbisaa turan. Miirri isaanii waan waancaa mo'atan fakkaata.
Taphataan duraanii Baarseloonaa Jerardi Piiqeen tapha kana 4-0 mo'anna jedhee dursee tilamaamee ture. Akkuma jedhe taheef.