Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Viinishiyees Juuner Riyaal Maadiridiin dirreesaa irratti salphachuurraa oolche
Deeggartoonni Riyaal Maadirid maqaa Viinishiyeesh Juuner yeroo faarsaa turanitti, taphatichi garuu umuriisaa guutuu kilebicha keessa akka turuu barbaadu hime.
Tapha Shaampiyoonsi Liigii eda gaggeeffameen shaampiyoonaan bara dorgommii darbee Maadirid hanga boqonnaatti galchii 2-0 durfamaa ture.
Antooniyoo Ruudiger daqiiqaa 60ffaa irratti galchii jalqabaa Riyaal Maadiridiif lakkoofsise.
Sana booda Vinishiyeesh Juuner galchii sadii lakkoofsisuun Haatirikii hojjete.
R. Maadirid taphicha galchii 5-2 mo'ate. Viiniin badhaasa Baalon D'or bara kana injifata jedhamee eegama.
Badhaasichi Onkoloolessa 28 fuuldura kanaa kan bahu yoo tahu, isa dursee gahumsa isaa agarsiisuun galchiiwan sadii lakkoofsiseera.
Taphaan booda leenjisaan isaa Kaarloo Anchelootii ''taphataa addaati'' jechuun ibsan.
Badhaasa Baalon d'Or gahumsa ammaa kanaan osoo hin taane waan bara darbe agarsiiseen ni mo'atas jedhan leenjisichi.
Viinishiyeesh bara dorgommii darbetti Riyaal Maadirid waancaa Shaampiyoonsi Liigii yeroo mo'atu tapha dhumaa irrattis galchii lakkoofsiseera.
Taphataa cimaa dorgommichaa jedhamuunis badhaafameera. Riyaal Maadirid yeroo 15ffaaf akka mo'atuuf gaheen isaa olaanaa ture.
Kubba miilaan alattis badhaasa Sooqiraaxes ykn 'Socrates Award' jedhu mo'ateera.
Badhaasni kun taphataa kubba miilaa kubbaan ala hojii deeggarsa namoomaa adda addaa hojjeteef kennama.
Kaampaaniin Nike kophee warqii Viinishiyesiif hojjetamee fi taphataa badhaasa Balon d'Or mo'ateef kennamu ifoomsuuf akka jiru miiidyaa hawwaasaa irratti haasa'amaa jira.
Waggoota 50 booda yeroo jalqabaaf dorgommii Shaampiyoonsi Liigiitti kan deebi'e Aston Viilaan osoo hin eegamiin gabatee Shaampiyoonsi Liigii bara kanaa dursaa jira.
Aston Viilaan Yaangi Booyis, Baayern Munikiifi Bolonyaa mo'achuun qabxii sagal guutuu argateera.
Joon Maaginii fi Joon Duraan taphattoota Viilaaf galchii lakkoofsisanidha. Gareen Unaayi Imiree gama Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigiin qabxii gaarii argataa jiru.
Arsenaal Shaaktar Dooneski galchii 1-0 mo'ate. Garuu galchii tokkittii Arsenaaliif injifannoo kennite taphataa Shaaktartu galchii isaa irratti lakkoofsise.
Arsenaal carraa galchii uumuuf hedduu rakkateera. Kayi Havertiz, Tiroosaad, Gabri'el Jiisas fi Maratineelii wlaiin taphicha jalqabanis galchii lakkoofsisuuf rakkataniiru.
Miidhama guddaan biraa Arsenaal mudate ammoo taphataan sarara ittisaa Rikaardoo Kaalafiyoorii miidhamuu isaati.
Kun ammoo tapha torbee dhufu Liiverpuul waliin qaban irratti garee isaa miidhuu danda'a. Wiiliyaam Saaliibaa kaardii diimaan waan taphachuu hin dandeenyeef filannoo Arteettaan qabu Kaalaafiyoorii fi Juuliyaan Tiimber ture.
Timber tapha Liiverpuuliif deebi'uu danda'a. Garuu Ammas rakkachuu ni danda'a.
Har'a Baarseloonaan, Baayern Muunik waliin morkata. Maan Siitii ammoo Ispaartaa Pirahuu waliin kan taphatu taha.