Arsenaal waan lama miidhame, Liiverpuul Piriimer Liigii dursuu jalqabe

Mikeel Arteettaan waancaa Piriimer Liigii injifachuu yoo barbaane taphoota hundaa osoo hin mo'amiin xumuruudhaan qofadha jedhanii ture.

Arsenaal Baarnimooziin mo'amuun isaa ammoo kana jalaa diigeera. Tahus, waancaa injifachuu irraa dhorka jechuu miti.

Wiiliyaam Saaliibaa kaardi diimaan dirreetii bahuun tapha Barnimooziin mo'amuu qofa osoo hin taane tapha Liiverpuul waliin qaban irrattis hedduu isaan miidha.

Liiverpuul yoo Arsenaaliin mo'ate, qabxii torbaan waan caaluuf Arsenaal dorgommii waancaatti deebi'uuf rakkachuu danda'a.

Dorgommii Shaampiyoonsi Liigiis torban kana gidduutti kan qabu Arsenaal Saaliibaan isa irratti hirmaachuu danda'a.

Arsenaal bara dorgommii haaraa kanatti taphattoota akka Deklaan Raayis, Tiroosaad fii fi Saaliibaa dhabuu isaati.

Dabalataan Odeegaard miidhama irra waan jiruuf kilebichaaf rakkoo taha.

Maanchister Siitiin, daqiiqaa dhumaa irratti galchii Joon Istoonsi lakkoofsiseen Woolvss mo'ate.

Maan Siitii kieba injifannoo argachuuf rakkataa jiru Woolvisiin mo'achuun hedduu itti ulfaateee ture. Liiverpul leenjisaa isaa haaraa Arne Isloot jalatti injifannoon itti fufera.

Liiverpuul Cheelsii 2-1 mo'atus tapha dorgommii cimaan irratti mudatee fi itti qorames ture.

Akka bara Yargen Kiloop sana galchii hedduu lakkoofsisuu caalaa tapha ittisa qindaa'aa tahe qabuun taphachuun beekamu.

Isloot jalatti cichoominaa fi kutannoo taphattoonni tapha hundayyuu mo'achuuf qaban argita.

Qormaata guddaa Isloot qorames Cheelsiidhaani. Cheelsiin tapha kana mo'amus gareen Eenzoo Maareshkaa haalaan fooyya'aa tahuu argineerra.

Liiverpuul kana dura Maan Yuunaayitidiin 3- mo'ateera. Cheelsii itti aansee ammoo Arsenaaliin qoramee kan ilaalalu taha.

Mohaammad Saalaa rukuttaa peenaaliitii Liiverpuul argate galchiitti jijjiire.

Bara kana gahumsa gaarii irra kan jiru, Nikoolas Jaaksan ammoo galchii wal qixxeessituu lakkoofsise.

Haa tahu malee oso hin turiin Kuurtsi Joonsi galchii lammaffaa Liiverpuuliif lakkoofsise.

Cheelsiin Aanfiildi irratti kubbi qixa isaa eeggatee dabarsuun waliif kennaa ture 88.1% yoo tahu, erga bara 2003-04 as Anfiildi irratti rikardii guddaa galmaa'edha.

Liiverpuuliin adda kan taasisu eegganno ittisa isaa irratti cimsedha. Gama kaaniin haala taphaa Kilooppii fi Arne Isloot hordofan wal fakkaata.

Mohaammad Saalaa Piriimer Liigii keessatti galchii 161 lakkoofsisuun seenaa liigichaa keessatti taphataa salgaffaa taheera.

Maanchister Yuunaayitid jalqabbii gaarii hin taanerra hira. Bireentifoordiin keessummeessee galchiin dursee irratti lakka'ame.

Boqoannaan booda Gaanaachoo fi HHooyilaandi galchii lakkoofsieen Maan Yuunaayitid injifannoo argate.

Kun Erik ten Haag irraa dhiibbaa salphiseera. Garuu dorgommii Waancaa Awurooppaa Liigii Fenerbaachww waliin qabanis dhiibbaa jala isaan galchuu mala.