Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haalaand taphataa biyya isaaf goolii heddu galche ta'uun rikaardii qabate
Taphataan sarara fuulduraa Maanchistar Siitii umurii 24 Erling Haalaand tapha Liigii biyyaalessa irratti taphataa biyya isaaf goolii heddu galche ta'uun rikaardii qabate.
Haalaand tapha Liigii biyyaalessa Noorweey Islooveeniyaa 3 fi 0 injifatte irratti umurii isaa waggaa 24tti rikoordii taphataa Noorweeyiif goolii heddu galchuu cabseera.
Jalqaba tapha kanaa irratti goolii idil addunyaa 33ffaa daqiiqaa 7tti galchuun rikoordii Joorji Juuvee bara 1920 fi 1930 keessa galmeesse kan qooddate, yoo ta'u itti aansuunis boqannaa booda daqiiqaa 62ffaa irratti Noorweeyiif goolii 34ffaa isaa galche.
Haalaand bara 2019 Noorweey keessatti yeroo jalqabaaf kan taphate yoo ta'u, taphoota 36 qofa taphachuun rikoordii kanarra ga'e.
Juuveen taphoota jalqabaa 27'n waliigala rikoordii kanaan duraa qabate irra ga'e. Boodarra taphataa sarara ittisaa giddu galeessaa ta'ee taphachuun goolii tokko osoo hin dabaliin taphoota 45 taphachuun xumure.
Erga kubbaa miilaa irraa soorama bahee booda gaazexeessaa ta'e.
Rikoordii isaa dhumarratti waggoota 90 booda kan fooyya'e yoo ta'u Haaland miila Jan Oblakiin irraa kubbaa deebisee gara goolitti galchuun caalmaa isaa mirkaneeffate
Haaland bakka Maartiin Odegaard miidhamaan hin jirretti dursaa biyya isaa ta'aa ture.
Taphataan sarara fuulduraa kun rukuttaa gara goolii 10 fi kallatti isaa eeggate torba galmeessisuun xumure.
Goolii Noorweey kan biraa Aleeksaandar Soorloot daqiiqaa 52 irratti galche.
Sana booda Haalandi suuraa kubbaa huffanna isaa jala jiru fi imoojii daa'imaa kan hiriyyaan isaa Isaabel ulfa ta'uu ishee agarsiisu jechuun miidiyaa hawaasaa irratti qoodamera.
Haalaand galchiiwwan 34 galchuun Kiristiyaanoo Ronaaldoo goolii idil-addunyaa 132 Poorchugaal ykn Liyooneel Meesiin Arjentiinaaf galchiiwwan 109 galchuun wal bira qabamee yoo ilaalamu – akkasumas Haarii Keen Ingilaandif goolii 68 fi Roobii Keen (Rippabiliika Ayerlaandi) galcheen wal bira qabamee yoo ilaalamu – ammallee kanneen biroo hedduu caalaa ol’aanaadha.
Keeni Daalglish fi Denis Law tokkoon tokkoon isaanii goolii 30 Iskootilaandiif galchuudhaan sadarkaa olaanaa qabu.
Galii Haaland biroo keessaa muraasni...
Haalandi tapha kilaboota isaa keessattis gooliiwwan hedduulakkoofsiseera – Molde, Salzburgi, Borussiyaa Dortimund fi Man Siitiif gooliiwwan 236 galcheera
- Maanchistar Siitiif tapha 105ffaa isaa irrattiSiitiif 100ffaa isaa galmeessuun rikoordii Kiristiyaanoo Roonaaldoo Riyaal Maadriid keessatti taphoota muraasa garee liigota Awurooppaa shanan ol’aanoo ta’aniif jaarraa keessatti galmaa'ee hin beekne galmeesse bira ga'uuf tapha muraasatu isa barbaachisa.
- Bara tokko keessatti goolii Piriimiyerliigii Ingiliiz baay'ee galchuudhaan rikoordii qaba - bara 2022-23tti goolii 36 galche.
- Jarmanitti taphataa umurii xiqqaadhan goolii Bundesliigaa 50 galche ta'e - umuriin isaa waggaa 21gaditti - kana gochuuf taphoota muraasa isa (50) qofa taphate.
- Taphoota 35 irratti galchiiwwan Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa 40 kan galmeesse yoo ta'u, rikaardii kana dura taphataan Ruud vaan Niisteelrooyin qabame bira ga'uu goolii 10 qofatu isa hafe.