Bukaayoo Saakaa tapha Giriikin Ingilaand mooterratti miidhame

Tapha Kamisa kaleessaa Ingilaandifi Giriikin istaadiyeemii Wembileetti taphatan irratti taphataan Arsenaal garee biyyaalessaa Ingilaandif taphatu miidhamee dirree keessaa bahe.

Tapha boqonnaa boodaa daqiiqaa 51ffaa irratti miidhamni isa mudatee dirree keessaa bahee taphataa Cheelsii sarara irra taphatu Noonii Maduukee bakka isaa bu'e.

Tapha kana Giriikin 2-1 injifatte.

Taphataan sarara fuulduraa Arseenaal kun miila isaa mirkaa qabatee osoo fuulduraafi duubatti hiixatuu mul'ataa ture. Boodarra dhaabachuu dadhabuun dirree keessaa bahe.

Yerodhaaf garee biyyaalessaa Ingilaand leenjisaa kan jiran Lii Karsileey, "Amma qorannoon godhamaafi jira. Galchii jalqabaa booda miilli isaa waa akka ta'e akka itti dhagahame irraa mul'ataa ture" jedhan.

Tapaha kanarratti Baayer Muunikiif taphata Haarii Keen miidhamaan hin hirmaanne. Maan Siitif taphatu Jaak Giriilishis akkasumas miidhamarra jira.

Tapha Dilbata dhufu gareen biyyaalessaa Ingilaand gara Fiinlaand imaluun taasisan irratti Haarii Keenifi Giriilish bayyanatanii akka hirmaatantu eegama.

Haa ta'u garuu miidhamni Saakaa hangamiif dirree irraa kan fageessu akka ta'e hin baramne.

Arsenaal Maartin Odigaard malee tapahataa jira. Amma immoo Bukaayoo Saakaa itti dabalamuunsaa Maayikil Arteettaaf yaaddoo guddaa ta'uu hin oolu.

Dorgommii Pirimerliigin Arsenaal Siitii wajjin qabxii wal-qixaan galchiin caalamee sadaffaarra jira.

Morkii waancaa Pirimerliigiif taasisu keessatti tapahattoonni kun lachuu: Saakaafi Odigaard Maayikil Arteettaf murteessodha.

Odigaard ji'a Fulbaanaa keessa biyyasaa Norweeyif osoo taphatuu miidhamee ture.

Arsenaal gaafa Onkoloolessa 19 dirree isaan ala imaluun Isteediyeemii Vitaalitti Baarnmaawuz morkata.

Tapha kanarratti Arsenaal Saakafi Odigaard malee taphataafi dhiisan isaa adda hin baane. Odigaard miidhamarraa bayyanataa akka jiru himamus tapha kanaaf gahuufi dhiisun isaa adda hin baane.

Saakan ammoo miidhamni isaa hangam cimaa akka ta'eefi dirree yeroo hagamiif akka fagaatu waanti barame hin jiru.