Keeniyaatti reeffi dubartootaa ciccitee qalqalloon gatame balfa keessaa baafame

Namoota lafa balfaatti walitti qabaman

Madda suuraa, EPA

Akeekkachiisa gabaasni kuni miira isin jeequu mala.

Poolisiin Keeniyaa reeffa dubartootaa kukkutamee korojoo shaniin gatame lafa balfaa magaalaa guddoo biyyatti Naayiroobii keessa jiru keessatti Sanbata kaleessaa argachuu hime.

Poolisoonni qorannoo Jimaatarraa qabee naannoo Mukuruu jedhamu yeroo qulqulleessan reeffa dubartoota ja'aa qalqalloo tuullaa balfaa irraa bololi'u keessatti argatan.

Qalqalloon gaafa Sanbataa argame kuni miila murame baayyeefi qaamni namaa mataafi miilli irra hin jirre fa'i qaba.

Gochaan kuni kanneen amantee dhaaf ajjeechaa raawwatan ykn ajjeechaa qiyyaaffannoodhaan raawwate tahuu mala shakkiin jedhu jira.

Poolisiin qorannoo biyyattii, ajjeechaa kanarratti harki poolisii jiraachuu qorachaa jira jedhe. Mormii Keeniyaatti adeemsifamaa taasifameen booda poolisoonni sarbama mirgaan himatamaa jiru.

Gareeleen mirga namoomaaf falman yeroo daballii gibiraa irratti mormiin adeemsifamu poolisiin hiriirtotatti dhukaasa banuun himataniiru. Gariin yoo ajjeefaman, kaan butamanii, kaan immoo kan dhibbaan lakkaa'aman hidhaa bu'aniiru.

Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti mormitoonni qalqalloo reeffa namaa qabate akka banan doorsisuun booda poolisiin meeshaa guddaa bishaan humnaan biifuun namoota bittinsaa ture.

Qondaaloti Daarektoreetii Qorannoo Yakkaa ummanni akka tasgabbaa'uufi qorannoof yeroo akka kennuuf yoo gaafatan, hiriirtonni danqaa itti tahuus komataniiru.

''Qorannoo gadi fagoo lafa bal'aa irratti akka taasifnu uummanni akka beeku barbaanna, kuni immoo warreen amanteefi jedhanii ajjeesani irratti hin daangeeffamu,'' jedhe Daarektoreetii Qorannoo Yakkaa.

Abbaan Taayitaa Poolisii Walabaa gochaa ajjeechaa kana keessaa poolisiin yoo harka qaba taheef ni qorannaa jedheera.

''Reeffi qalqalloo afaansaa wadaroon hidhame keessaa argame dararaafi mummuramuun akka ture agarsiisa,'' iddoon balfaa reeffi kuni itti argames buufata poolisii naannichaa irraa meetira 100 hin fagaatu.

Abbaan Tayitaa kuni, ''poolisiin hidhaa seeraan alaa fi butuun bal'inaan waan himatamaa jiruuf,'' gochichi poolisii wajjin hidhata yoo qabaateef mirkaneessuuf qorannoo jalqabaa taasisaa jiraachuu hime.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Poolisiin Keeniyaa ajjeechaa murtoo seeraan alaa raawwachuun rogeessota mirgoota namoomaan himatama.

Tahus qaamni adabbiin irratti muramu hin mul'atu. Dhaabbileen mirgoota namoomaa Human Rights Watch fi Amnesty International humna kana ittigaafatamummaa fiduuf tattaaffii taasifamu danquun himataniiru.

Pireezidantiin biyyattii dhiibbaa guddaa jala jiran kanneen ajjeechaa kana duuba jiran akka adabaman kakataniiru.

''Nuti biyya demookiraasii olaantummaa seeraan qajeelfamnu dha. Ajjeechaa icciitii Naayiroobii fi kutaalee biyyattii biroo keessatti kanneen hirmaatan ni gaaftamu,'' jechuun X irratti maxxansaniiru.

Taateen nama jeequ kuni Keeniyaa keessatti dhagahamuun isa boodanaati.

Bara darbe magaalaa qarqara galaanaa Maalindiitti amantee guyyaa dhumaa wajjin wal qabatuun namoonni dhibbaan lakkaa'aman reeffi isaanii argameera.

Pool Inteengee Makeenzii himannaa shororkeessummaan Mombaasaatti mana murtiitti dhiyaateera. Ajjeechaa hordoftootasaa 440 tahaniif ittigaafatamummaa hin fudhanne. Himannaa hundas ni haala.

Dubartoota, dhiirotaafi ijoollee hamma du'anitti soomaa akka turaniifi ''yesuusiin akka argatan,'' jajjabeeseera jedhamuun himatameera. Ajjeechaan haala kanaan mudate kunis isa hamaa dha jedhameera.