Qarqara galaana Keeniyaa dhaala lafaaf maanguddoonni itti ajjeefaman

Qorannoon BBC Africa Eye tibbana dararaafi ajjeechaa Keeniyaa keessatti maanguddoota irra gahu ifa baase.
Keeniyaa qarqara galaana Kilifiitti, sababii ajjeechaa maanguddoota falfala hojjattu jedhamuun erga himataniin booda raawwatamu baay’ee rifachiisu qorachuun adda baase.
Maanguddoon ganna 74 Taambaalaa Jeefwaa haati warraasaa Sidiin suuta shamiziisaa irraa baafti. Ija isaa takkitti hafteen ilaaluuf yaala.
“Akkasitti haaduudhaan isa waraananii harkisan,” jetti godaannisa dheeraa lafee dugda saarraa gadi diriiree jiru agarsiistee.
Haleellaa biraatiin waan irra qaqqabees mataasaa harkaaan qabdee nutti agarsiifte. “Gogaa mataasaa duubatti harkisanii walitti hodhaniif.”
Aab Jeefwaan falfaladha jechuu kan himatan yoo ta'u, manasaanii kan magaalaa qarqara galaanaa odola Maalindi irraa fageenya km 80 (50 miles) fagaatee argamtu keessatti yeroo lama reebaniin.
Reebicha jalqabaatiin ijasaa jaamsan. Isa lammaffaan immoo isa ajjeesuuf turan.
Maatiin kunis lafa hektaara 30 ol kan boqqolloo irra facaafatanii fi hindaaqqoo itti horsiisiisan qabu. Daangaarrattis miseensota maatii waliin waldhabdeen uumamee jira.
Sababni dhugaa Obbo Jeefwaan ajjeefamuuf tureef waan falfala ta'eef osoo hin taane, wal dhabdeedhuma sana akka ta'e amanu.
''Du'eera jedhameen gatamee ture. Dhiiga baay'eetu na dhangala'e. Maaliif akka na reeban hin beeku. Garuu ammoo sababiinsaa dhimma lafa qofa ta’uu danda’a,'' jedhu Obbo Jeefwaan.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
'Falfala' fi 'tolchiituu' amanuun biyyoota hedduu keessatti baramaadha.
Garuu ammoo kutaalee Keeniyaa, Maalaawii, Taanzaaniyaa fi Afrikaa Kibbaatti lafa maanguddoota fudhachuuf jecha akka sababaatti fayyadamuun ajjeesun.
Gabaasni, The Aged, on Edge jedhamu fi Dhaabbata Mirga Namoomaa Keeniyaa Haki Yetu jedhamu akka jedhutti, torban torbaniin qarqara galaana Kilifiitti maanguddoon tokko maqaa falfalaatiin ni ajjeefama.
Qondaalli sagantaa dhaabbatichaa, Juuliyaas Waaniyaamaa akka jedhanitti, maatiin hedduunis ajjeechaan kun kan ajajamu firootuma ofii isaaniitiin jedhanii amanu.
''Waan falfala jedhu akka sababaatti fayyadamu sababii deeggarsa ummataa ittiin argataniif. Namoonnis: ‘falfala yoo ta’ee, ajjeesuun gaariidha’ jedhanii amanu.”
Naannoo sanatti namoonni lafasaanii irratti ragaa abbaa qabeenyummaa qaban muraasa. Fedhiidhaan malee, akka aadaatti laftii karaa maatii dhaalama.
Obbo Waaniyamaan akka jedhaniitti, ajjeechaa raawwatamu 10 keessaa torba maanguddoota. Kunis sababiin abbummaan lafaa fi dhaalli isaan bira jiruufidha jedha.
“Seenaadhaan as Kiliifi keessatti namoonni sanada [lafa] hin qaban. Sanadni isaan qaban seeneffama maanguddoota kana irraa qofa.
''Sababii kanaatiif irra caalaan jaarroleen kunneen kan ajjeefaman. Sababiin yoo isaan ajjeefaman booda gufuu sana ofirraa kaafteetta jechuudha,'' jedhu Obbo Waaniyamaan.

Lafa maatii Jeefwaa irraa konkolaataadhaan fageenya gara sa’aatii tokkoorratti wiirtuun baraarsa maanguddootaa kan dhaabbata tola ooltummaa, Waldaa Aanaa Maalindiin geggeeffamu jira.
Innis maanguddoota gara 30 ta’an kanneen haleellaan irra ga’uun gara lafa ofiitti deebi’uu hin dandeenyeef bakka jireenyaati.
Maanguddoon ganna 63 Kaataanaa Chaaraa, kan umuriisaa caalaa baayyee kan dullooman fakkaatanis, naannoo ji'a 12 jidduugalicha keessa jiru.
Innis Ebla bara 2023 kutaa ciisichaa isaa keessa osoo jiruu erga halbeedhaan haleelamee booda gara giddugala kanaatti baqate.
Harkisaa tokkos bakka sa'aatii itti hidhatanitti irraa kutameera. Inni kaan immoo ciqileen olitti irraa kutame.
Kana booda hojjechuu waan hin dandeenyef sochiiwwan bu’uuraa kan akka nyaata nyaachisuu fi dhiqachuu dabalatee uffata uffachuufilleen gargaarsa barbaada.
''Nama harka koo mure nan beeka, garuu ergasii booda fuulaa fuulatti wal arginee hin beeknu,'' jedha.
Obbo Chaaraan du’a daa’ima nama tokkootin budaadha jedhamuun himataman. Garuu sababni dhugaan haleellaa irra gahameef lafa hektaara jaha qabu irraa kan ka’e akka ta’e amanu.
“Ani falfalaa wajjin waan wal qabatu homaayyuu hin qabu. Lafa tokko qarqara galaanaarraan qaba. Lafa guddaadha. Kanaaf na ajjeesuu barbaadan.”

Miseensonni maatii nama kanaa hedduun haleellaa maanguddoo kanarratti raawwatameen wal qabatee gaafatamaniiru, garuu namni seeratti dhiyaatee hin jiru.
Aktivistiin Obbo Waaniyaamaan maanguddoo kanaaf haqa argamsiisuuf yaalaa turaniiru.
''Namoonni ajjeechaa maanguddootaatiin wal qabatee himataman baay'ee muraasa qofa. Kanaafuu namoonni adda durummaan ajjeechaa keessatti hirmaatan illee, akka bilisa ta’an isaaniitti akka dhaga’amuun yaada.”
BBC Africa Eye erga ji'ootaaf qorannoo gaggeessee booda, nama duraan gara naannoo namoota 20 ajjeese jedhu hordofuun bira gahu danda'eera.
Innis ajjeechaa nama tokkotti yoo baayyate kaffaltii gadaanaa (shilingii Keeniyaa kuma 50 – naannoo doolaara 400 (£310) akka kanfalamaaf ture dubbata.
“Yoo namni tokko jaarsa ajjeese maatiin isaanii akka kaffalan beeki. Maatiisaanii ta'uu qaba,'' jechuun BBC Africa Eye'tti hima.
Lubbuu namaa balleessuun akkamitti fi maaliif akka mirgasaa itti fakkaate irratti deebii kenne.
“Ani hojiin waan naaf kennameef waan hamaa hojjedheera ta’a yoo ajjeese sana raawwadhu garuu, akka seeraatti akka Waaqayyo jedhutti, nama akka ajjeesuuf na erge sanatu yakkamaadha,” jedhe.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa Keeniyaa gabaasa Guraandhala 2023 Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif dhiheesseen: “Naannolee akka Kisii Lixa Keeniyaa fi kaawuntii Kiliifii kan qarqara galaanaa Keeniyaatti falfala gubuun, ajjeechaawwaniifi miidhaan qaamaa baay’inaan mul’ateera,” jedhe.
Itti fufuunis, dargaggoonni miseensa maatii lafa maatii argachuuf barbaadan ajjeechaa kanaaf ka’umsa ijoo ta’uu ibseera.
Haleellaa fi ajjeechaan kun yeroo goginsaa fi hongee yoo maddi galii hanqatutti akka dabalu ibseera.
Obbo Waaniyamaan, ajjeechaan himannaa falfalaatti fayyadamuun saamicha lafaa raawwachuuf godhamus “balaa biyyaalessaa” ta’eera jedhu.
“Dhimmi kun akka naannootti kan jalqabe yoo ta'u, amma garuu hammaateera. Yoo furmaanni hin barbaadamneef ta’e, kuusaa maanguddootaa dhabaa jirra jechuudha. Isaaniis kuusaawwan jiraatoo tokkicha kan amanuu dandeenyudha.”
Aadaa barsiifata Afrikaa keessatti maanguddoonni ogummaa fi beekumsa isaaniitiin kabaja guddaa qabu.
Kiliifii keessatti faallaa kanaatu ta'aa jira. Namoonni dullooman akka irratti hin xiyyeeffatamneef baay'ee sodaatu, baay'een isaanii dargaggeessa fakkaachuuf jecha rifeensa isaanii halluu dibatu.
Naannoo kana keessatti namni tokkicha falfalaadha jedhamee erga himatamee booda lubbuun jiraatu baay’ee xiqqaadha.
Obbo Chaaraa amma nagaadhaan wiirtuu baraarsaa maanguddootaa keessa jiraataa jiru, garuu kan akka Maanguddoo Jeefwaaf baayyee yaaddeessaadha sababii namoonni dura ajjeessuuf yaalan sun deebi'anii miidhaa irraan gahu jedhamuun sodaan dhugaatu jira.












