Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Meetaavarsiin maali? Yoom bira gahama?
Addunyaan yoom guutummaatti gara Meetaavarsiitti( Metaverse) jijjiiramti? gaaffii jedhuuf mala-dhahiinsa garaa garaatu dhiyaata.
Waggoota kurnan dhufan keessatti bira gahuu akka dandeenyu ogeeyyiin tilmaamanillee jiru.
Paaris dhaqanii bakka baayyee dawwatamu ‘Eiffel Tower’ daawwachuun kan barbaachisu ta’uu dhiisu mala.
Kutaa ciisichaa kee keessaa osoo hin ba'iin Paaris maal akka fakkaattu arguutu danda’ama.
Waajjira deemtanii kompiitara banuun dirqama ta’uu dhiisuu mala. Hojii hunda mana ofii turuun hojjachuutu danda’ama
Hiriyyoonni Leegos, Room, Finfinnee fi Tookiyoo jiran buna waliin dhuguu danda'u.
Taphni (virtual reality game) addunyaa haala kanaan gara fuula duraatti nutti agarsiisuuf deema.
Teekinolojiin kun meeshaalee sochii namaa dubbisan gargaaramu.
Gama dijitaalaan namoonni tapha garaa garaa waliin taphatu.
Kana gara fuulduraatti addunyaa dijitaalaa ykn ‘virtual world’ kana nutti agarsiisuuf deema.
Meetaavarsiin maali? Addunyaa akkamii uuma? Yoom itti gargaaramuu eegalla?
Gabaasni kun dhimmoota kanarratti xiyyeeffata.
Waa'ee Metaverse kan nuuf ibsu Daani’eel Geetachooti.
Daani'eel PhD isaa Artificial Intelligence(AI) fi Robotiksii barachaa jira.
Hundeessaa dhaabbata 'Guzo Technologies' jedhamuun beekamuuti.
Dhaabbatichi karaa dijitaalaa(virtual worlds) iddoowwan hawwata turistii akka waan qabatamaan mul'atutti agarsiisuurratti hojjjata.
Meetaavarsiin maali?
Dhaabbileen teeknooloojii gurguddoon gara Metaversetti ce'uurratti gama teeknooloojiirratti wal dorgomaa jiru.
Feesbuukiin miidiyaa hawaasaa bira darbee gara Meetaavarsiitti ce'uu akeekuuf maqaa gara 'Meta'tti jijjiiratera.
Daani'el akka jedhutti, Meetaavarsii ammallee hin xumuramne; adeemsarra jira.
Addunyaa dijiitalaan (virtual world) Meetaavarsiif bu’uura jedhee waama Daani'el.
Addunyaan dijiitaalaa verchuwaal jedhamu kun wanti karaa dijiitaalaa ilaalllu qabatamaatti kan ilaalluun akka wal-fakkaatu taasisa.
Bakka qaamaan dhaqnee hin beeknee nu daawwachisa.
Virtual Reality(VR) inni jedhamu kun bakkeewwan kanaan dura arginee hin beekne nutti agarsiisa.
Daani'eel imala gara Meetaavarsiitti ce’uu duuba ‘Blockchain’ fi AI akka jiran ibsa.
Bilookcheen jechuun odeeffannoo kompitara gidduutti wal jijjiruu yoo ta’u, giddugaleessa tokkorraa kan hin to’atamnedha.
AI- jechuun hubannoo namtolchee maashiniin hojii gahumsaa fi qulqullina olaanaadhaan akka raawwatan tolchuudha.
Guddinniifi blockchain fi AI walitti dabalamee gara "yaada Metaverse jedhamutti nu geessa jechuun ibsa ogeessi kun.
Yaada-rimeen kanaan walqabatu tokko ‘Multiverse‘ dha.
Taateewwan guyyuu qabatamaan raawwannu; barumsi, hojii, bittaafi gurgurtaa, bashannana fi kkf gara dijitaalaatti geeddarama.
Meetaavarsiin eessa gaha?
Meetaavarsiin qabatamaan wayita hojiitti hiikamu jiruun idilee amma beeknu
bifa akkamii qabaata? Mee haa tilmaamnu.
‘VR headsets’ sadarkaa olaanaatti guddata. Hojiin isaan hojjetanis dabalaa deema. Qabatamaan waanti argani gama dijitaalaatti argutti ceena. Kunis networkii cimaa barbaada.
Akka Daani’el jedhutti, bu’uuraaleen misoomaa neetworkii gara 6G ykn 7Gtti ol guddachuun Meetaavarsiin akka dhugoomuf barbaachisaadha.
Yeroo ammaa bilbila, laaptop ykn TV kallattii lama (2D) tti fayyadamna, gara meetaavarsiitti yeroo ceenu suuraa kallattii(3D)gargaaramna.
Meetaavarsiin addunyaa keessa jirru qabatamaan maal akka fakkaatu waanta agarsiisuuf 3D ta’a jedha ogeessi kun.
Meetaavarsiin keessatti sochii, oliif gadi jechuu, namoota tuquu, miira namootaa dubbisuun ni danda'ama.
"Fuulduratti waan baay'ee hojjechuuf manaa bahuun si barbaachisa jedhee hin yaadu," jedha ogeessi kun.
Yaadni kun dhugoomsuuf yaaliin taasifamaa jira, karaa kishaafee xixiqqoo ykn kontaktii leensii VR headsets hojiirra oola.
Amma akkuma waraqaa eenyummaa biyyoolessaa ykn lakkoofsa lammummaatti lakkoofsi Meetaavarsii ni qabaanna.
Akka Daani’el jedhutti, galmi Meetaavarsii sirna giddugaleessa tokkorraa hin to’atamne uumuudha, wanti hundi networkiirratti akka hojjetamu, ofuma isaatiin akka of guddisu taasifama jedha.
"Meetaavarsiin bu’aa interneetii fuuduratti fidu isa guddadha" jechuun ibsa. Ogeeyyiin garaa garaa Meetaavarsiin hojiirra ooluuf waggoota kudhanitti lakkaa'amu qofaatu hafe jedhanii yeroo daangessanii ibsu.
Daani'el akka jedhutti garuu meetaavarsiin bara kanatti hojiirra oolfama jedhanii tilmaamuun in ulfaata jedha. Waggoota shanan dhufanittillee jijjiramni ni jiraata jedhee akka amanu ibseera.